Maqaa Omisha Inversteraa Jedhuun Bosonni Oromiyaa,Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Adda Addaa Keessaa Haalaan Manca’aa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Waxabajjii 03,2015 Mattuu

IMG_20150530_111420Jaarraa tokkoo oliif qabeenya uummata Oromoo saamaa jiranii fi  kan turan  ammos Imaammata saaminsa qabeenyaa biyya Oromiyaa irratti kan fuula deeffatanii sirni mootummaa Habshootaa, Godina Iluu Abbaabooraa qabeenyaa uumamaa buna,albuudaa,bajjii hoosoo lafa gabbataa jireenya uummataaf tolu qabu daguuginsa fi ciraa bosonaatiin mancasaa jiru.

TPLF/OPDOn qabeenyaa Oromiyaa keessaa yeroo barbaadetti barbadeesse bosona keessa  ABOtu jira kanaaf barbaadaawuu qaba jechuun uummaticha dhaaba kallacha irratti ololus uummaanni fudhachuufii hin dandeenye.  Yeroo ammaa kana diinagdeen Impaayera biyyatti gita bittootaa kanaaf ooluu irraa  kan ka’es ilmaan Oromoo baratanii maqaa hojii uumuu jedhuun dirreerratti rakkatanii yeroo gamuuf waan nyaatanii jiraatan dhabuu irraa  mooraa waraana Wayyaaneetti galuu dirqamu, Ilmaan Tigiraay immoo imaammata lafa babal’ifannaa argatanii wayita Oromoodhaan lafa qotattee bultu siilaachuuf lafti hin jiru jedhanitti Oromiyaa keessa basha’anii  jiraachuuf carraa argatanii kunoo bosonni aanaa Dhidheessaa Godina Iluu Abbaabooraa akkanaan manca’aa jira.

Lafa babal’ifannaa guutummaa Iluu Abbaa booraa keessatti adeemsifamaa jiru keessatti Habashooti kaabaa haalaan qubsiifamaa akka jiranis beekamaa dha.

Kaaba Shaggar Keessatti FDG Itti Fufe,Oromoonni Waraana Wayyaanee Keessa Jiranis Oromoo Ajjeessuu fi Hidhuun Haadhabatu Jechaa Jiru.

Aside

Gabaasa Waxabajjii 02,2015 
diddaa9

Caamsaa 24,2015 irraa kaasee FDG dhaabbilee barnootaa fi godinoota garagaraa keessatti itti fufee jiraachuun waan beekamaadha. FDG Yuuniversitii Mattuu, Wallaggaa,Amboo, Adaamaa, Bulee Horaa fi Madda Walaabuu keessatti itti fufee jira. Mootummaan Wayyaanee yoomiyyuu FDG barattoota oromoo fi uummata oromoon qabatu dura kan dhaabbatu humna waraana isaatti fayadameeti. Wayita kanas Wayyaaneen hidhattoota isaa dhaabbilee barnootaa kanneen akka yuuniversitii qubachiistee barattoota eegaa jirti. Waraanichuma keessattiyyuu gar tokkeen FDG barattootaa deggeruudhaan barattoota miidhamuu irraa wal ittisaa jiru.sa’a waraanni wayyaanee FDG dura dhaabbachuuf mootummaa ergatu kanatti walakkaan gara barattootaa, gara uummataa dhaabbataa jiru kanatti FDG itti fufuun gama hundaan uummata Oromoo irraa feesisa.

Shaggar kabaatti kan eegale har’as akkuma jirutti itti fufee diddaan finiinaa jira. aanaalee kannen akka sulultaa, caancoo, kuyyuu, akaakoo  fi kkf keessatti diddaan uummataan qabate shamarran, ijoollee fi maangullee itti hirmaachisaa dhuguma mootummaan wayyaanee saamtuu, daldalaa fi hattuu, ajjeesaa fi shororkeessaa ta’ee uumata irra dhaabbataa kan jiru tahuu uummanni wal hubachiisee kanaan achi aangoo isaatti yoo fufe uummata oromoof kan xumuraa saamichi lafaa kan durii caalaa itti fufee akka jiraatu hubatuun uummanni shaggar kaabaa aanaalee adda addaarraa diddaa isaa jabeessee mootummaa wayyaanee dura dhaabbataa jira.

Qonnaan bulaa 10 ol kaleessaa fi har’a aanaa Kuyyuu irraa tika mootummaan qabamanii mana hidhaatti darbamuu qeerroon gabaasa.
Daandiin konkolaataa yeroodhaa yerootti dhagaadhaan kan cufamu,waraanni wayyaanee diddaa uummataa dura dhaabbatuuf deemu
daandii ittiin darbu dhabe. Akkasuma konkolaataa diinaa irratti uummanni sulultaa keessatti tarkaanfii fudhataa jira. barattootni mana
barumsaa sadarkaa garagaraa baratanbarumsa dhaabuu gabaasni Qeerroo addeessa.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Asoosaa Warraaqsa Bilisummaa Jabeessuun Nyaata Lagatan.

Aside

Waxabajjii 02,2015 Asoosaa

Qeerroo KaiFDG Yuuniversitii Asoosatti Ka’e. Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Asoosaa irraa, Waxabajii 2/2015 Barattootni ganama har’aa irraa kaasuun nyaata lagatan, kun maalif ta’aa shakkiin uumameen Poolisoonni mooraa Yuuniversitaachaas barattoota keessa faca’an, erga ganama sa’a 2:00 booda barattootni bakka jiranii walitti dhufuun nuti oromoodha, beekaas qabna, dureessas qabna muummicha ministeeraa kan tahus nukeessa jira Wayyaaneen hanga yoomitti nurratti moohee jiraata, biyya keenya irratti hanga yoomitti mirga abbaa biyyummaa dhabnee jiraanna jechuun iyya dhageessisan.

Waraqaan FDGs ni bittimfame. Guyyaa guutuu barattootni mooraa keessa deddeebi’uudhaan Bilisummaa Bilisummaa jechuun dhaadannoo dhageesisuu fi barruu garagaraa maxxansa. Diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf humni ergame miidhaa barattoota irratti akka hin raawwanne wal akeekan. Ganama sa’a 2:00 irraa kan egale FDG hanga ammaatti itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasa jira. hojjetootni barsiisonni mooraa Yuuniversitichaa guutummaan diddaa barattoota sabboontota Oromoo deggeran. Galgala kana sirbootni qabsoo, dhaadannoon Qeerroo dhageesifamaa jira. Torbee kana barumsa barachuu dhaabuu waamicha dabarsan.

Naannoo Kibbaa Godina Oomoo Aanaa Hamar Ganda Damakaa Keessatti Diddaan Sirna Wayyaanee Ka’e

Aside

Waxabajjii 2,2015 Gabaasa Qeerroo Godina Oomoo 
Waraana WayyaaneeNaannoo Kibbaa godina Oomoo aanaa Hamar ganda Damakaa keessatti Fincilli ka’e. mootummaan wayyaanee aangotti erga bahee rakkoon guyyaa
guyyaatti nutty dabalaa dhufe, mirga dhabnee, barataan keenya baratee hojii hin argatu jechuudhaan uummani qonnaan bulaan magaalaa Damakaa
keessa jiraatu FDG kaasuu dhagayame. Fincila ka’een dargaggooni magaalichaa fi tika mootummaa gidduuttis diddaan jabaatee oole.

Garaagarummaan humna waraanaa diddaa uummatichaa dura dhaabbatuuf deeme gidduutti uumame. Uummata keenya hin miinu gaaffii isaa gaafatu kan jedhu gartuu biraa kan sochii uummataa deggeruu fi ilmaan tigrayi kan ta’an uummata mirga isaaf falmatu irratti dhukaasa banuuf wargaman wal dura dhaabbachuun uummanni deggersa humna waraana isaan deggeru waliin FDG finiinsee jira.

Mootummaan Wayyaanee hattuudha, gabroonfataadha. Yoo dhumne hin dhumna malee mootummaa wayyaaneef hin jilbeefannu Mirgi shamarran keenyaa haa eegamu. Barataan keenya hojii haa argatu, obbolaan keenya mana hidhaa keessa jiran yakka malee maqaa siyaasaaf dararriin irra gahu haa hiikaman Lafti keenya qonnan bulaa irraa fuudhames haa deebi’uuf Jechuun uummanni kibbaa godina Oomoo aanaa Hamar keessatti har’a Waxabajii 2,2015 diddaa eegalee jiraachuu Qeerroon gabaase. Dargaggoonni Oromoo (Qeerroon)n waraqaa gaaffii mirgaa  magaalicha keessatti facaasaa akka ture gabaasi addeessa.