Guyyaa Eebba Barattoota Yuuniverstii Wallaggaa FDG Ka’uun Siidaan Aksum Galma Mooraa Y.Wallaggaa Keessaatti Fannifame Gutummaatti Cirame. Dr,Kabajaa Abbaa Duulaa Gammadaaf Kennames Mormii Guddaan Dura Dhaabbatame.

Gabaasa Qeerroo Y.Wallaggaa Waxabajjii 29,215

Diddaa Yuunibarsiitii Wallaggaatti eebba barattoota gaggeeffame irratti mootummaan Wayyaanee waraana humnaa olii magaalaa fi mooraa Yuunibarsiitii marsuun eebba barattoota utuu hin ta’iin eebba waraanaa fakkeessee jira. Magaalaan Neqemtee guutummaa torbee kanaa raafamaa fi sakkatta’insa guddaa keessa kan turte caalmatti immoo guyyaa eebba barattoota sochiin uummataa waan Wayyaanee yaaddesseef humna waraanaa guddaan eegichi jabaatee itti fufe .

Addatti immoo fakkii siidaa Aksum gootota barattoota Oromoon cicciramuu fi yeroo Dr kabajaa Abbaa Duulaa Gammadaaf kennametti sagaleen mormii dhageesifamuun ittumaa mootummaa Wayyaanee kan yaaddeesse ta’uu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaasan. Dr kabajaa Abbaa Duulaa Gammadaaf kennamee kun gatii ijoollee Oromoo dhiiga dhangalaasise, gatii Oromiyaa dabarsee gurguraa jiruu, gatii Oromoo
mirga abbaa biyyummaa dhabsiise, gatii ilmaan Oromoo jumlaan hiisise fi gatii master planii Finfinnee Wayyaanee waliin qindeessaniif kan kennameef ta’uu irraan barattootni fi uummatni sagalee mormii iyyuu fi abbaan duulaa gantuu, hattuu fi abbaa irreedha jedhu dhageesisan.
Haala kanaan wal qabatee hanga guyyaa har’aatti magaalaan Neqemtee fi Yuunibarsiitiin Wallaggaa humna waraanaan eegamaa jiraachuutu ibsame. Uummatni maatiin barattoota ijoollee keenya moo waraana eebisiisuu dhufne jechuun utuu dheekkamuu kan galaan ta’uun ibsame.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa ‘’Nuti kan barannuu uummata keenyaaf, kan jiraannuus uummata keenyaaf, kan hojjetnuu uummata keenyaaf addatti qabsoo bilisummaa Oromoo haal duree tokko malee kan finiinsinu ta’a, hanga Oromiyaan Bilisoomstee Uummatni Oromoo biyya abbaa isaa irratti mirgi isaa kabajamuufi ofiin of bulchinutti qabsoon haala fedheen iyyuu itti fufa’’ jechuun jechuun
dhaamsa isaanii uummataaf dabarsan.

Walumaa galatti haaluma FDG ka’een wal qabatee barattooti Nursing baratan 11 fi puplic administration 4 sababa hin beekamneef eebbarra dhorkamaniiru.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s