Barsiisotni Oromoo 8tti Koolleejjii Teekinikaa fi Ogummaa Naqamtee Irraa Oromummaan Yakkamuun Hidhatti darbaman. Waraanni Wayyaanees Hedduminaan Naannoo Naqamtee Qubatee Uummata Nagaa Goolaa Jira.

Aside

Waxabajjii 26,2015 Naqamte

oromo in ethio  ‘’Waraabessii waan halkan godhee waan beekuuf guyyaa hin adeemu’’ jedhama mitiree mootummaan Wayyaanee yakkaa garaa jabeenyaan guutamee fi diinummaa guddaa uummata Oromoo irraa qabu kan argisiisuun uummata Oromoo jumlaan ajjeesaa , mirga abbaa biyyummaa mulqee angoo dhabsiisee Oromoo jumlaan hidhee yakka daangaa hin qabne waan raawwachaa jiruuf sochii diddaa uummata Oromoo fi FDG yeroo irraa gara yerootti Qeerroon gaggeessa jiruu irraa of shakkee halkanii guyyaa waraanaa of harkaa qabutti dhimma ba’uun uummata doorsisuun guyyuu sochii uummataa barraagaa kan jiruu yeroo amma kanatti diddaa uummataa jabaachaa jiruu fi uummaata Oromoo ariin guutamee jiruu irraa sodaan guddaan waan isaa qabeef humna waraanaa isaa hedduminaan magaalaa Naqamtee irra qubsisuun daandiiwwaan magaalaa Naqamteetti seensisuu kallattiiwwaan hundaan sakkatta’insaa seeraan alaan uummataa goolaa kan jiruu fi ofiif illee sodatee raafamaa jiraachuun hubatamera. Daandii konkolaataa irratti uummataa daandii adeemuu fi konkolaataa dhaabee sakkatta’uun FDG hambisuu fi sochii warraaqsaa FDG haala kamiinuu dhaabuu akka hin dandeenyee Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisee jira.

Kana malees mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisuu wallaaluudhaan barsiisota Oromoo koolleejjii Teekinikaa fi Ogummaa Magaalaa Naqamtee irraa barsiisaan 8tti Oromummaan yakkuun mana hidhatti darbuun ibsame jira. Barsiisota Oromoo nagaa hidhaman keessa gariin:-

  1. Barsiisaa Ayyaanaa Qaabataa
  2. Barsiisaa Bayyanaa Sanyii
  3. Barsiisaa Dassaalee Bayyanaa kanneen keessatti argaman dabalatee barsiisotni 8badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu madden keenya Magaalaa Neqemtee irraa gabaasan, kanneen maqaan isaanii nu hin geenyee adda baasnee kan isiniif erginu ta’uu ni beeksifna.

Godina Lixa Shaggar Aanaa Xiqur Incinnii Keessatti Manni Murtii Wayyaanee Barattoota Oromoo 15 Irratti Hidhaa Waggaa 2 fi Baatii 6 Murteesse, Anaa Ada’aa Bargaa Keessatti Ammoo Jiraattoti Reebichaan Miidhamaa Jiru.

Aside

Waxabajjii 25,2015 Midaa Qanyii

Because I am OromoBarattootni Oromoo aanaa Midaa Qanyii  M/B Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa baatii Amajjii keessa balaa abiddaan barbadeeffamuu bosona  Oromiyaa aanaa Jibaati fi Xuqur Incinnii gidduutti kan argamuu bosonni Jibaat gubachaa wayitaa jiruutti barbadeeffamuu bosona Oromiyaaf hiriiraa mormii sagalee diddaa dhageessisuun barnoota dhaabuun ibiddaa bosona Oromiyaatti qabatee jiru haa dhaamsinu jedhanii waan dubbataniif mootummaan Wayyaanee isin ABO, alaabaa ABO qabattanii jirtu, about isin keessa jira jechuun sobaan yakka diinummaa irratti qindeessuun himatee manma murtiitti deddeebisaa erga turee booda dheengaddaa murtii diinummaa irratti dabarsee jira.  Murtii sobaa fi yakkaa diinummaan walqabateen barattoota Oromoo irraatti kennaame kanaan uummaatni yeroo ammaa kana sagalee dheekkamsaa fi mootummaa Wayyaaneetti akka hin bullee, ergamtuu wayyaanee OPDOtti ifaan ifatti itti himaa jiraachuun ibsame jira.

Maqaa dargaggoota barattoota yakki diinummaa irratti dabarfame keessa:

  1. Barataa Gammaachuu Taakkalaa hidhaa waggaa lamaa (lamaa) fi baatii ja’aa
  2. Barataa Birhaanuu Margaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aan adabame
  3. Barataa Mirreessaa   hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aan adabame
  4. Barataa Geetuu Baqqalaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aa adabame
  5. Barataa Waaqumaa Kumalaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aa adabame
  6. Barataa Caalaa Silashii  hidhaa waggaa lamaa fi baatii ja’aa adabame

Kana malees Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti gaafa Waxabajjii 24,2015 Humnootni waraanaa Wayyaanee fi Poolisootni Federaalaa Wayyaanee soda guddaa sochii FDG Uummata irraa qabaniin wal qabatee  tarkaanfii reebichaa uummata irratti fudhachuun, yeroo hundaa waraannii Wayyaanee mana Uummataa irraa adeemuun SBO, OMN,RSO dhaggeeffattan isin Qeerrootu isin ijaaree jira, jechuun Wayyaaneen  Godina Lixa Shaggar AANAA  Ada’aa Bargaatti  Ummata dararaa jirti.  Keessattuu gandoota akka  Ulaa Goraa fi Magaalaa Reejjii keessatti uummatni akka malee reebamaa jiru, ilmaan Oromoo  poolisii feederaalaan reebamaani midhaan guddaan irra ga’ee jiru keessa:

  1. Obboo Geetuu Magarsaa jiraataa magaalaa Reejjii
  2. Obboo Munaa Daadhii  jiraataa magaalaa Reejjii
  3. Dargaggoo Biraanuu Gonfaa jiraataa magaalaa Reejjii
  4. Dargaggoo Mootii Garramuu
  5. Obboo Baqqalaa Dashuu fi kanneen jedhaman dabalatee ilmaan Oromoo hedduun reebichaa diinummaa poolisootni federaalaa wayyaanee raawwachaa jiraniin hedduun kan miidhaman ta’uun gabaafame.

 

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Eebba Eebbifamtoota Barattoota Oromoo Ilaalchisuun Qophii Addaa Marsaa 2ffaa Qopheeffachuun Hegeree Qabsoo Oromoo Irratti Marihatan, ABO fi WBOs faarsan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Waxabajjii 25,2015

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa qophii bifa adda taeen mooraa Main Campus keessatti qopheeffachuun walaloolee warraaqsaa fi sirboota warraaqsaa garaagaraa dhageesisuun ABO/WBO fi Hoggantoota qabsoo Bilisummaa Oromoo faarsan. Jaal Daawud Ibsaas Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon faarfamee jaalalaa fi kabaja qabsoo bilisummaa Oromoof qaban daraggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa ibsatan. Qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gauufi wareegama kamuu baasuun kan nurraa jiru tauun gadi jabeessuun wal hubachiisaan, keessattuu Jaalalli, tokkummaan fi kabajni Oromummaa fi eenyummaa akka jabaatuuf boqonnaa tokko malee hojjechaa kan turanii fi uummata Oromoo gidduutti addatti immoo dargaggoota gidduutti jijjirama guddaa fiduun milkii guddaa gonfachuu isaanii ibsuun tarsiimoo siyaasaa wayyaanee abbaa irree EPRDF/TPLF dura dhaabbatani kan jiran tauu mirkaneessuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuu itti fufan.

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa humna waraanaa fi humnoota tikaa Wayyaaneen eeggichaan hamaan utuu irratti gaggeeffamaa jiruu fi Doorsifamaa jiranii seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti seenaa guddaa hojjechaa jiraachuu ibsatan. Goototni qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa akeekaa diinni keenya Oromiyaa diiguuf Oromoo balleessuuf, umrii gabrummaa dheereffachuuf maqaa Maaster plan Finfinnee jedhuun yeroo amma kana illee hojii irra olchuuf fiiga waan jiruuf akkeeka karooraa badii balleessii kana fashaleessuu fi karroorrii Oromoo balleessuuf irra deddeebiuun akeekkamaa jiru kun akka haqamuuf yeroon gamtaan dura dhaabbannuu amma waan taeef Uummatni Oromoo bakka jirruu hundaa dammaqinsaan akka bira dhaabbannu jechuun waamicha dabarsana, Bakka hundaatti uummatni keenyaa bakka jirruu hundatti dammaqnee Uummata keenyaa dammaqfachuun roorroo mootummaa abbaa irree dura dhaabbachuu amma jechuun waamicha dabarsan.