Finfinne Keessa Ona Birbirsaa Yaa’ii Gooroo Waddeessaa (Naanno Piyaassatti) Rakkoon Geejjibaa Uumameen Uummanni Gaaffii Kaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Irraa. Waxabajii 24,2015
kr

Waddeessa(Naannoo Piyaassaa)

Mootummaan Wayyaanee gama tokkoon filannoo diimokiraasiidhaan gaggeeffame darbine, ni injifanne jedhee aangootti fufuun durumayyuu kan hubateef mootummaan Wayyaanee filannoodhaan aangoo akka hin gadhiisne hubachuun kan ture, kijibaan aangoo itti fufuun uumanni Oromoo Oromiyaa keessa jiru FDG qabsiisee kan jiru tahuun waan hubataa dha. Kanumatti aansuudhaan ammoo guyyaa har’aa Finfinnee keessatti tajaajilli geejjiba dhaabbate. Sochiin bakkaa bakkaa uummanni ittin socho’u geejjibni tajaajila dhaabuu fi baayinni uummata bakka toora tax eeggatanitti dabalameen gaaffiin ka’e. pooliin Wayyaanee rakkoodhuma karaa mootummaan uummata mudataa jiru osoo arguu uummata dhaanuuf bakka uummanni dhaabbatee geejjiba eeggatutti humna poolisii bobbaase.

kr

Yaa’ii Gooroo

Finfinne keessatti Ona Birbirsaa Yaa’ii Gooroo Waddeessaa (Naanno Piyaassatti) rakkoon geejjibaa uumameen uummanni gaaffii kaase. Diddaa uummataa tasgabbeessuuf humni poolisaa uummata gidduutti argameen uummatnis dhagaa irratti reebuun galgala poolisii Wayyaanee ariyan.
Dargaggootni Oromoos walitti qabamuudhaan mootummaan Wayyaanee diktaatariidha, sirna abbaa irree dha. Wayyaaneen nu bulchuun nugahe, gaaffiin uumata Oromoo gaaffii mirgaati, Oromiyaan kan Oromooti, bilisummaan oromiyaaf haatahu, kan hidhaman nuuf haa gadhiifaman, jechuudhaan dargaggootni eessaa fi kallattii kamii dhufuun kan hin beekamnes galgala kana walitti qabamuudhaan poolisoota afaan qabachiisan. Uummanni hangi geejjiba eeggatus tuffii fi arrabsoo jabaadhaan mootummaa fi jalee wayyaanee xiqqeessuudhaan dargaggoota Oromoo waliin dhaadatan.