Har’a Caamsaa 2,2014 FDG Madii keessatti ka’een Poolisoonni Wayyaanee Ummata nagaa goolaa oolan.

Aside

QEERROO: ‪#‎OromoProtests‬ – Audio Updates from May/Caamsaa 2, 2014 – Ayiraa, Mandii, Haramaya, Midaa Qanyiitti (Shawa)

Aside

More visit:- http://www.Gadaa.com

Oromian News Update/ Waraanni Wayyaanee Fashistiin Yuuniversitii Jimmaa qabeenya barattootaa gubaa jira.

Aside

Odeessa amma sa’aa kanaa

 

  • Camsaa 2/2014  sa’aa ammaa kanatti warrannii Wayyaanee Doormii Barattoota Oromoo irra deemuun reebichaan rasaasaan barattoota Oromoo gochaa Fashistiin tumaa jira.
  • Doormii barattootaa fi qabeenya barattootaatti ibiddaa qabsiisee guutummaatti gubuu irratti argama.
  • Barattoota Mooraa barnootaa keessa arii’uun reebaa doormii barattootatti immoo Ibidda Qabsiisuun, Qabeenyaa Uummataa fi qabeenyaa barattoota uuffataa fi uwwaan barataan Doormii keessa qabu gadii guuruun ibiddaan gubaa jira, Doormiin Barattootaas ibidda Waraannii Wayyaanee kun qabsiiseen guggubachaa jira.
  • Humni waraana wayyaanee lakkoofsa barattootaa caalaa dacha dacha guddachaa jira.

 

FDG Itti Fufuun Har’a Qeerroon Magaala Mandii Hiriira bahuudhaan dhaadannoo Mootummaan Cehumsaa nuuf haa dhaabbatu jedhu dhageessise. Uummatnis gamtaan waliin hiriire

Diddaa

Caamsaa 2,2014 Gabaasa Qeerroo Mandii

Dhaadannoo Mandii.wav

Oromiyaa bakka mara keessatti FDG jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Mandii keessatti haala ho’aa ta’een itti fufee jira!Dargaggoonni miseensota Qeerroo Bilisummaa ta’aniifii Uuummanni waliigalatti Magaalittii keessa naannawuun dhaadannoowwan gara garaa dhageessisaa jiru!
Finfinneen handhuura Oromiyaati!
Barattootni hidhaman haa hiikaman
Kanneen ajjeefamaniif mootummaan wayyaanee itti gaafatama hatattamaa haa fudhatu
Sagaleen Ilmaan Oromoo haa dhagahamu’
Mootummaan cehumsaa nuuf haa dhaabbatu
Siidaan Minilik haa buqqa’u
Siidaan Gootawwan qabsaawota Oromoo haa dhaabbatu
Kanneen jedhanii fi kanneen biroo hedduu dhaadachuudhaan magaala Mandii waraanni mootummaa wayyaanee rasaasaan marsee bakka jirutti dura dhaabbachuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Ilmaan Oromoo bakka maraa ka’ee Qabsoo Oromoo eegalame akka galmaan gahus waamicha dabarsanii jiran. Haaluma wal fakkaatuun diddaan barattootaa Najjoo magaala Warra jirruu keessatti finiinuun diina keenya mootummaa wayyaanee dhiphina keessa seensisuu qeerroon gabaasee jira.
Injifannoo Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

Har’a Caamsaa 2,2014, RSO Gabaasa Diddaa Oromiyaa

Aside

Qabsoon Itti Fufe Duubatti Hin Deebi’u!! Ibsa Haala Diddaa Kibba lixa sahawaa irratti kenname

Aside

Diddaa

May 2,2014 Lixa Shawaa

Breaking News;-Caamsaa 2/2014 ,Godina Lixa Shawaa Aaanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii Goodaa Galaan, M/b Qanyii Bahaa Biftuu Sadarkaa 2ffaa fi Mana barumsaa Ballammii Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina, fi Qonnaan bultoota Oromoo fi Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa kanneen akka Baaroo Bidaruu fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hedduu aanicha keessatti argamaniin gaggeeffamaa jira.
Aanaa Ginda Barat Magaalaa kaachiisii fi Abunaa Gindabarti keessatti uummaanni fi barattootni sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi barattootni Manneen barnoota tokkoffaa fi uummaanni walitti dhufuun FDG gaggeessuun bilisummaa isaaf falmachuu irraatti argama.
Aanaa Xuuqur incinnii Magaalaa Dirree Badhaas keessatti uummaanni fi barattootni sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi barattootni Manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi uummaanni walitti dhufuun FDG gaggeessuun bilisummaa isaaf falmachuu irratti argama. Suuraa Barattoota Oromoo wareegamanii qabachuun uummannii FDG duubatti deebi’uu hin dandeenye gaggeessa jira.

alaabaa

 

Latest News: Yuuniv arsiitii Haramaayaa keessatti FDG jabaat ee itti fufuun Mormi in sirna Wayyaanee i rratti gaggeeffamaa jira

Diddaa

Caamsaa 2,2014 Diddaan Qeerroo Jabaatee Itti Fufe

Haramaayaa University irra deebiidhaan.wav

FDG irra deebiidhaan Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti dhohuun barattootni Oromoo kumaatamaan lakkaawaman gamtaan isaadiyoomii keessatti walitti qabamuudhaan dhaadanoo dhageessisuu irratti argamu. Barattootni Oromoo gamtaadhaan gaaffii abbaa biyyummaa gaafatneef deebiin keenya rasaasa tahuu hin qabu, Ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaaf ajjeefamaniif mootummaan wayyaanee itti gaafatama hatattamaa haa fudhatu, Oromiyaan biyya waan taateef keeyyatni 39 seera biyyattiin lafa kaawame hojii irra haa oolu jechuudhaan barattootni gamtaan sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Leellistoota sirna nafxanyaa tahan kanneen Oromoo fi Oromiyaa gurguraa as gahan Oromiyaa keessaa bahuu qabu jechuudhaan barattootni kunneen dhaadannoo isaanii dabalataan dhageessisuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee hundeen buqqa’uudhaan Oromiyaa walaba taate keessa jiraachuu qabna jechuun barattootni Oromoo qeerroon sabboontotni Yuunivarsiitii Haramaayaa sagalee isaanii dhageesisuu irratti argamu. Uummatni Oromoo Fincila diddaa garbummaa keessummeessaa QBO tarkaanfachiisaa as gahe duuba akka hin deebines dhaamsa dabarfatanii jiran.

 

Oromiyaan Sossoote,Har’a Godina Wallaggaa lixaa Magaala Ayiraatti Uummatni gamtaan FDG kaasee magaala tohate

Aside

Diddaa

Caamsaa 2,2014 Qeerroo Ayiraa

Gaaffiin abbaa Biyyummaa Guutummaa Oromiyaa mara keessatti finiinaa kan as gahe Wallaggaa lixaa bakkeewwan garaa garaa keessatti FFDG jabaatee itti fufuun Uummatni gamtaadhaan dhaadannoo dhageessisuu irratti argamu. Haala kanaanis Uummatni Oromoo Godina wallaggaa lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo magaala Ayiraa keessatti gamtaadhaan walitti bahuudhaan dhaadannoo sirna nafxanyaa of irraa buqqisne Biyya keenyas dhuunfanne jedhu dhageessisuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee dirqama abbaa irrummaa fudhatee bobba’es humna Uummataa caaluu dadhabuudhaan magaala gadhiisee bahuuf dirqamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina wallaggaa lixaa aanaa Noolee keessattis sabboontotni Oromoo alaabaa wayyaanee Habashaa faarsaa Oromoo garboomsaa as gahes gubanii jiran. Uummatni Oromoo amma Booreedha jechuudhaan sagalee isaa dhageessisuu akka qabus Qeerroon magaala Ayiraa gabaasee jira.

Ayiraa gulliso

Injifannoo Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

Latest News: Godina Wallaggaa lixaa aan aa Ganjii Mana barum saa sadarkaa lammaff aa Ganjii Ganjii kee ssatti Barattootni H iriira gaggeessun dh aadannoo dhageessisu u irratti argamu

Diddaa

Caamsaa 2,2014 Gabaasa Qeerroo

FDG Jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii mana Barumsaa sadarkaa lammaffaa Ganjii keessatti barattootni Oromoo Hiriira jabaa gaggeessuudhaan Mormii jabaa sirna wayyaanee irratti gaggeessuu irratti argamu. Barattootni kunneen gamtaadhaan ka’uudhaan dhaadannoo garaa garaa dhageessisaa oolan keessaa

1. Lafa naannawa Oromiyaa murree hin laannu
2. Barataan ajjeefamuu fi arii’atamuu hin qabu
3. Oromiyaan kan Oromooti
4. Gaaffii mirgaa gaafachuun shororkeessaa nama hin godhu
5. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
6. Oromiyaan ni bilisoomti
Kanneen jedhanii fi kanneen biroo dhiyeessuudhaan hiriira bal’aa gaggeessanii jiran. Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessu Barattootni Oromoo gamtaadhaan ka’uudhaan dhaadannoo dhageessisuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Gaaffiin Barattoota keenyaa gaaffii abbaa biyyummaati gaaffii mirgaati jechuudhaan Uummatni Ganjii barattoota waliin tahuudhaan dhaadannoo dhageessisuu fi gaaffii abbaa biyyummaa finiinsuu irratti hirmaannaa jabaa godhanii jiran. Uummatni Oromoo ka’aa jechuudhaan Qeerroo bakka maraafis waamicha dabarsanii jiran.

 

Latest News: Caamsa a 2,2014 Gaaffiin a bbaa Biyyummaa Jabaa chuudhaan Magaalli B uraayyuu FDG simatte e gaggeessuu irratti argamti

diddaa-4

Caamsaa 2,2014 Gabaasa Qeerroo Buraayyuu

Gaaffiin mirgaa fi abbaa Biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Uummatni, Dargaggootnii fi Barattootni Magaala Buraayyuu FDG gaggeessuu irratti argamu. Barattootnii fi Uummatni gamtaan sagalee keenya karaa hiriira nagaa dhageessisna jechuun kan eegale yoommuu tahu mootummaan wayyaanee garuu Waraana ittisa biyyaa fi Humna addaa Agaazii Uummatatti bobbaasuudhaan reebuu fi hidhuu irratti argama. Ilmaan Oromoo karaa nagaa gaaffii abbaa Biyyummaa dhorkamnee manatti hin deebinu jechuudhaan Waraana mootummaa wayyaanee rasaasa qabate waliin falma jabaatti seenee jira. Ilmaan oromoo bakka maraa ka’uudhaan wareegama qaqqaalii kaffalaa wayita jirutti nus wareegama barbaachisaa kaffalla jechuudhaan Gamtaan diddaatti seenanii jiran. Uummatni Oromoo bakka maraa ka’ee walabummaa Oromiyaa mirkansuuf akka hojjetus waamicha Oromummaa dabarsanii jiran.

Burraayu2Burraayyuu