OMN: Qophii Marii Hawaasa Minesootaa May 5, 2014

Aside

Har’a Caamsaa 5,2014 Lixa Shawaa Anaa Midaqanyii Keessatti FDG Gyyaa 5ffaaf Jabaatee Itti fufe.

Aside

Diddaa

Caamsaa 5,2014 Gabaasa Qeerroo Ballammii
Camsaa 5/2014 Godina Lixa Shawaa aanaa Midaa Qanyiitti FDG Guuyyaa 5ffaa utuu walirraa hincitiin dargaggeessa, barattoota, ga’eessoota dubartoota ,Shamarraan, qoteebuulaa, daldalaa, barsiisota, fi hojjeettotaa ille kanhirmaachisee fi poolisoota dhalootan Oromoo ta’anillee ofitti hawwachuun yeroo ammaa kanatti gaggeeffamaa jira.

Ummaanni Oromoo gara Midaqenyii guyyaa har’as itti fufuun, gaaffii karaa nagaa gaafachaa jirruuf ajjeechaan, hidhaan, duutii, dararaan dubbatti nu hin deebisu jechuun eejjeennoo isaanii jabeeffachuun FDG finiinsuun yeroo amma kanatti uummanni hiriiraan kallattii sadiin gara bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii Malaalaa Baallaammiitti deemaa jira.

Ummatni kun dheengaddaa waajjira bulchiinsa aanaa sanaa to’achuun bulchiinsa aanaa sanaa harka kennachiisuun ni yaadatama, akkuma beekamuu guyyaa har’atti deebii gaaffii keessanii isiniif kennina jechuun waan beellamni uummataaf qabameef uummaanni bakka jiruu wal waamee gamtaadhaan hiriiree gaaffii isaa fi deebii kennamuuf fudhatee mirga isaa kabachiifachuuf , dandii irraatti dandii konkolaataa mukkeen itti ciraa bulee daandii cufuun hiriirri gaggeeffamaa jira. uummaanni Ajjeechaan nurraa haadhabatu, Ummaata keenya Amboo, Gudar, Xiiqur Incinnii fi Ijoollee keenyaa dhabbilee barnoota keessatti ajjeefama jirtuuf Mootummaan itti gaafatamadha, Mirgii abbaa biyyummaa nuuf haa kabajamuu, waraanaan nu bulchuun yakka. Dmookiraasii dhugaa barbaadna jechuun dhaadannoo ajaa’ibsiisa dhageesisa jira, gabaasaan kun itti fufa….

Wallagga Naqamte Keessaa Ajajoonni 100 Namni 4 ta’an ABO Waliin Hojjettu Sababa Jedhuun Mana Hidhaa Wayyaanee Seenan

Aside

Caamsaa 5,2014 Naqamte

FDG Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufuu irraan motummaan wayyaanee sodaa fi raafama keessa seenee yeroo ammaa kana ilmaan oromoo hojjetaas ta’e barataa hundumaa walitti qabee hidhuun ajjeesuun amaleefatamee itti fufeera.Akkasuma humna waraana isaa Oromiyaa irraa qabus shakkuudhaan hidhannoo akka irraa hiikkachiisu ta’aa jira,kanneen hedduu sodaatuu fi shakku ammoo hidhutti jira .FDG wal qabatee magaalaa Naqamte keessatti ABOf maadhefamtanii barattootaa fi fincila uumataan duuba jirtu jechuun Caamsaa gaafa 4,2014 nu ajajootni dhibbaa namni 4 akka hidhaman hogganni Qeerroo magaalaa Naqamtee irraa gabaasa. Isaan kunis:

1.Ajajaa Dhibbaa Habtaamuu Raggaasaa
2.Ajajaa Dhibbaa Taaddasee Leggesee Gammachuu
3.Ajajaa Dhibbaa Ayyaanaa Milkeessaa
4.Ajajaa Dhibbaa Alamuu Qixxeessaa Sanyii
Kan jedhaman yeroodhaaf toohannoo Wayyaanee jala galanii hidhamanii jiru.Hojjetoota biroo hidhamaa jiran gama hdihamtoota ilaaluun yeroo itti aanutti gabaasa guutuu dhiheessina.FDG hin dhaabbatu itti fufa!

Oromian News in brief: May 4,2014

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Caamsaa 1,2014 hanga Ebla 4/2014tti Godina Wallaggaa Onoota garaagaraa keessatti Fincilli diddaa garbummaa(FDG)’n qabsiifame hanga har’atti jabaatee itti fufee jira. 

Uummaanni Oromoo fi barattootni Oromoo dhaabbata barnoota garaagaraa hanga manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti barachaa jiran gaaffii guddaa dhimma bilisummaa Oromoo fi mirga abbaa biyyummaa karaa nagaan gaafachuun hiriira nagaa kan uummata qotee bulaa  hirmachiseetu gaggeeffama jira, bifuma kanaan Onoota akka Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Guutoo Wayyuu, Guutoo Giddaa, Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Heebantuu, Arjoo, Gatamaa, sibuu Siree, Nuunnuu Qumbaa, Bakkoo, Billoo
Boshee, Guttiin, Diggaa Sasiggaa keessatti yeroo amma kana manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaatti jiran guutummaatti barnoota dhaabuun cufamanii FDG uummata waliin gaggeeffachaa jiru.

FDG kana dhaamsuuf Mootummaan garboonfataa Wayyaanee waraanaa fi humnapoolisa federaalaa uummaataa fi dargaggoota dura dhaabee dorsisuus doorsisni  abbaa irree FDG uummataan fashalaa’a jira.

Onaa Limmuu Galiilatti poolisiin Federaalaa Sochii uummataa dhaabsisuuf uummataa reebuun hedduu hiraarsuu irraa kan ke’e uummata hedduu  aarsee gara of irraa ittisuutti akka seenan taasise.Hhaala kanaan uummanni konkolaataa poolisii federaalaa tokkoo dhagaan reebee caccabsuun tajaajilaan ala godhee jira.

Haaluma walfakkaatuun hiiriirri nagaa gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi bilisummaa uummataa Oromoo fiduuf gaggeeffamuu Godina Wallaggaa lixaa Onoota garaagaraa fi University wallaggaa damee Gimbiitiin jabaatee itti fufe jira. Onoota kanneen akka Inaangoo, Najjoo, Arjoo Guddattuu, Dongoroo, Gimbii, Ariyaa, Gullisoo, Asoosaa, Gidaamii, fi Beegii fa’itti diddaan uummataa fi barattoota Oromootiin gaggeeffama jira. uummaanni karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een yaada isaa dhiyeefgfatee isin nu hin bulchitan nuti ofiin of bulchuu barbaadna jechuun dhaadannoo dhageesisuun FDG qindoomina qabu gaggeessa jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaaggaattis haaluma wal fakkaatuun uummaanni Onoota akka Jaartee ,Jaardagaa, Hammuruu, Hagamsa,fa’itti FDG uummataa fi barattoota Oromootiin gaggeeffama jira. Guyyaa har’aa immoo Magaalaa Shaambuu keessatti FDG guddaatu eegama jira.

Caamsaa 1/2014 Ajajootni Dhibbaa polisootni dhalootan Oromoo ta’an Magaalaa Naqemtee irra qabamuun mana hidhatti darbatamaniru. poolisotni Oromoo hidhaman kun Oromummaa fi FDG gaggeeffamaa jiru keessa harka qabdu jechuun hidhaman. maqaan isaanii 1.Ajajjuu dhibbaa Haataatu Raggaasaa Dhiinsaa, 2,Ajaja dhibbaa Taddasee Laggasee Gammachuu, 3,Ajaja dhibbaa Ayyaanaa Milkeessaa Raggaasaa, fi 4.Ajaja Alamuu Qixxeessaa Sanyii kanneen jedhaman uummaata waliin hiriirtan
isiin diina jechuun qabamani hidhaa galfamanii jiru.

Itti fufee Godinaa dhiha Oromiyaa keessattuu onaa Begii,Gidaamii,Jimmaa Horroo,Qeebbee,Qaaqee,Haroo Sabbuu fi kkf kessatti FDG haalaan itti fufee jira.Kaleessaa fi har’a jabaatee itti fufeera.Jarsoliin biyyaa mootummaa fi baratoota gidduu seenuun dubbachaa jiran.Humni federaalaa namoota hedduu qabee hidhaa jira.Hiriira guddaa har’a magaalaa Begiitti taasifameen poolisiin oromiyaa naannoo sanaa uffanaa polisaa fi hedhannoo guutuu hidhatan  ummata  woliin hiriira bahuun Pilaana qinadaa’aa magalaa Finfinee fi nanna’a addaa oromiyaa akka hojii irra hin oolle.Namooni ilmaan oromoo ajjeesan seeraaf haa dhihatan.Hidhaa fi ajjechaan haa dhabbatu.Oromiyaan kan Oromoo ti.Finfinneen kan Oromiyaa ti fi kkf dhadannoo jedhu dhagesisan jiran.Hiriira sana
irrattis irra guddaan qotee bultoota badiyyaa dhufantu irratti argame. Nutis akka jiratonni naannoo dhimmi kun irra guddaan dhima silaa mootummaan naannoo Oromiyaa gaafachuu qabu ture.Nuti isin filanne waan bakka isin buufanneef samicha dachee oromiyaa irra gahu nu irraa dhabsisuuf iyyachuu qabdan kan jedhu akka bulchinsaa fi qaamolee mootummaa adda addaa naannoo isaanii jiranitti himanii hanga danda’ametti ofitti dabaluu carraqan ture.Kan biraa diddaa sana gara badiyyatti gadi buusuun qotee bulaan akka mootummaa kana irratti fincilu gochuu irratti akka jabatan itti dhaamne.Haala nama jajjabeessuun deemaa jira.

Qonnaa Hindii guddaa maqaan “Ethiopian” (Wallaggaa)  Green Focus jedahamuu fi Baha Wallaggaa nannoo Ukkee Qarsaa Laga Harree fi Alaltuu gidduu lafa bal’aa irra jiru irratti kan hojjatan hojjattootni qonnaa kanaa gaaffiin barattootaa haa deebi’uu jechuun hojii dhabanii jiran. HIndootni abbaa qonnaa kanaa qonnaan isaanii Mangaa fi kkf bishaan dhabee badaa jiraatuu irraa hedduu rakkina akka seenanii jiran gabaafamee jira

Caamsaa 5,2014 irraa kaasee Itti fufi FDG Oromiyaa guutuutti qabate ammoo walii gala Oromiyaa keessatti bifa daran jabaateen itti fufsiisuuf caasaan Qeerroo Bilisummaa qophii xumree jira.

 

Wallee Warraaqsaa Haarawaa Sbbonticha Artist Addisuu Karrayyuun. Caamsa 2014

Aside

Injifatnoon Ummata Oromoof!!!

Guutummaa Aduunyaa Keessatti Oromoonni Biyya Ambaa Jiraatan FDG Oromiyaa Keessatti Ka’e Cinaa Dhaabbachuuf Hiriira Nagaa Bahuuf Qophiin Itti Fufe..

Aside

World Wide Oromo Community Rallies Against Ethiopian Tyranny

OromoRally_Ayyaantuu2014

FDG Ka’e Dhaamsuuf Jecha Aangawoonni Wayyaanee Mootummaa Feederaalaa Irraa Gara Yuuniversitii Wallaggaa Deeman Salphinaan Baqatan.

Aside

Caamsaa 4,2014 Gabaasa Qeerroo Naqamte Irraa

Akka gabaasa Qeerroo Naqamtee irraa addeessuun har’a galma mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti walgayiin Wayyanee sa’a 2:00 – 6:00 WB(MP galgala kanaatti gaggeeffame furmaata tokko malee bittinnaawe.

Akka gabaasi Qeerroo addeessutti  Ababa Duulaa Gammadaatu yaada baratoota irraa fudhachuuf dhufee jira kanaaf  barattooti mooraa keessa jiratanis ta’e ala jirtan akka hin hafne jedhchuun waamicha wal irraa hin citne taasisan isin irraa, barattooti Oromoo haqaa Oromoo falmuuf bakka tokkotti argaman . Walgahichi erga waamameen booda garuu  kan argame Abbaa Duulaa Gammadaa  osoo hin taane namoonni biraa kan maqaa himachuu didan 5 ta’an  mootummaa federaala irraa dufan. Jarri kun guutummaatti maqaa isaanii himachuu didan iyyuu ergamanii akka dhufan beeksisanii jiru.

Warri Federaala irraa argamekunis  ijoon marii kana irratti kaasan keesuun  FDG dhaamsuuf tattafatan keessaa inni guddaan  Dhimma Lafa Naannowaa Finfinnee ilaalchisee gaaffii barattootni kaasan irratti, Presedaantii Oromiyaa Finfinneen akka  Federala jala galuuf waan mallatteesse hin qabu jedhanii barattoota tasagabbeessuuf marii gaggeessaa turan,dhimmi mallattoo lafa Oromiyaa gurguruuf godhames soba jedhaniis akka nama soogiddaan ija dhiqateetti barattootatti kijibuu eegalan. Barattootis sagalee tokkoon itti iyyuu fi kofluun qaanessaa turan. Irra deddeebi’anii ijoollee amansiisuu yaalii godhan illee barattootni  gaaffiin uumata Oromoo fi gaaffiin barataa Oromoo dhimma lafa Finfinnee qofa osoo hin taane  hin taane gaaffiin keenya kan hundee fi gaaffii mirga abbaa biyyummaati,  hidhamuun barattootaa fi ajjeefamuun, laftii fi qabeenyi samamuun,hiyyoomuun saba Oromoo maalif nurratti karooraan deemaa jira jedhchuun gaaffii hundee  itti kaasuun aangawoota Wayyaanee sardan. Gaaffii kana deebisuu fi barattootas tasgabbeessuu waan hin dandeenye.

Haata’u malee gaaffiin barattootaa yuuniversitii kana irratti jabaatee itti fufuudhaan wal gayiin kana irratti hanga gaaffiin keenya amma nuuf deebistanitti diddaan keenya ittuma fufa jedhuun ejjetnoon barattoota irraa fudhtame. Haala kanaan walgahiin kun osoo hin xumuramiin duratti warra Federaalaa keessaa namni sadii(3) walgayiin kana dhiitee baye namoota mootummaan Wayyaanee erge keessaa,namootni lama achitti hafuudhaan barattoota kana mariisisuu fi tasgabbeessuuf itti fufan gaaffiin barattootaa waan deebii argatuu fi hiikamu tahuu diduun isaa waan beekameef barataan ammallee haala jeequmsi jabaatu fakkaannaan namootni hafan lamaan walgahicha gadhiisanii yeroo biraa walitti deebina jechuun mooraadhaa bahan

Battaluma sanatti erga barataan bakka adda addaa qabatee booda waraanni federaalaa bakka irraa dhufe kan hin beekamne konkolaataa lamaan mooricha keessa buufatee eddo eddo qabate,konkolaataan lama biraa ammo mooraa ala qubatee waraanni mooraa marsee ira.  Amma galgala kana sa’aa 6:00 wb nu biraatti irraa kaaseen waraanni Wayyaanee mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessaa fi alaan buufatee jira,ammallee naannoon yuuniversitii wallaggaa fi magaalli keessa dirree waraanaa kan fakkeessanii jiru.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaala Jaardagaa keessaa Uummatnii jala deemtota Wayyaanee magaalaa arii’ee baase

Caamsaa 3,2014 waaree booda, Godina Horroo Gudruu Wallaggaa keessatti gaaffiin abbaa Biyuummaa hanga walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo jabaatee itti fufuudhaan aanaa Jaardagaa Jaartee Magaala Jaardagaa keessatti jabaatee itti fufuun Uummatnii fi Dargaggootni gamtaan bahuudhaan magaala Jaardagaa keessatti sagalee isaa dhageessisuu irratti argama. Aanaa kana keessatti Uummatnii fi dargaggootni Magaala Aliiboo keessatti waraana mootummaa wayyaanee baasuun magaala Aliiboo erga tohateen booda Uummatni gamtaadhaan aanaa kana keessaa ka’uun diddaa sagalee isaa dhageessisuu irratti xiyyeeffachuun jabaatee itti fufee jira. Haala kanaanis magaalotni Horroo Guduruu kanneen akka Shaambuu, Saqalaa, Dongoroo, Fincaa’aa fi Haratoo federaalaan tikfamaa kan jirtu yoommuu tahu waraanni wayyaanee magaala Jaardagaa akka hin seenneef dargaggootni karaa kutuudhaan of irraa dhorkuu qeerroon aanaa kanaa gabaasee jira. Hanga injifannoo jabaatanii itti fufuufi Oromoon bakka maraa duuba akka hin deebine dhaamsa dabarsanii jiran.

 

SBO Caamsaa 04 Bara 2014 FDG Oromiyaa keessaa bal’inaan – Gaaffii fi deebii Art.Jaafar Yuusuf xumura – Hiriira nagaa hawaasa Oromoo Osloo Norway

Aside

Suuraalee FDG Ummata Oromoo Horroo Guduruu,Wallagga Magaalaa Kombolchaa

Aside

Horro Horroo Kombalcha Horroo kombolcha HorroooHorroo