Caamsaa 08,2013 Amboo
Gaafa Caamsaa 06,2013 ,Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessatti shamarran Oromoo QBO galmaan geessisuuf imaanaan gootawwanii nurra jira jechuun maadheen walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii gaggeessan.Shamarran Oromoo QBO keessatti hirmaannaa madaallii hin qabne hirmaachaa kan turan yoommuu tahu akeeka gootawwan keenyaa qabsoo hadhooftuun galmaan geessisna mata duree jedhuun maadheeleen Biiftuu Shamarranii lakkoofsa 1,2 fi 3 walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii qabxiiwwan garaa garaa kanneen akka ijaarsa maadheelee fi karoora bal’aa irratti erga marii taasisanii ibsawwan ejjennoo armaan gadii lafa kaawwatanii jiran.
- Shamarran qabsoo Bilisummaa keessatti qooda olaanaa qabaaachuu hubannee hubachiisnee dirqama nurraa eegamu haala kamuu keessatti ni baana.
- Mootummaan Wayyaanee abbaa irree fi garboomfataa tahe hundeen hanga buqqa’uttii fi hireen murteeffannaa uummata oromoo hanga mirkanfamutti hadhaa qabsoon gaafatu mara ni kaffalla.
- Wal tahinsa dhaabawwan oromoo ni deeggarra.Sagantaa siyaasaa jijjiiramuu fi hiree murteeffannaa uummata oromoo dura dhaabbachuuf murna ADO jedhee of moggaase diina keenya irraa adda baasnee hin ilaallu.
- WBO ni deeggarra.Waan qabnu maraan cinaa ni dhaabbanna.
- Hidhamtoota Oromoo,maanguddoota Oromoo waan qabnu maraan ni jajjabeessina.Haamilees ni kenninaaf
- Shamarran Godinaalee Oromiyaa fi dhaabbiilee barnootaa mara keessa jiran walitti qabuun QBO eegalamee itti jiru galmaan geessisuuf gahee keenya ni baana
Kanneen jedhan yoommuu tahan shamarran baay’inni isaanii 16 tahan marii kana irratti argamuun akeeka itti seenan galmaan geessisuuf irbuu seenuun marii isaanii milkiin xumuranii jiran.