Gabaasa Qeerroo, Caamsaa 28,2013 Jimmaa
Baratootni Oromoo Yuunivarsitii Jimmaa Miseensota OPDO turan guutummaatti miseensummaa OPDO dhaabuun qabsoo warraqsaa diddaa garbummaa Qeerroon gaggeessuutti makamuun sirna bulchiinsaa Wayyaanee balaaleffatan. qabxii miseensummaa OPDO akka dhaaban isaan taasisee qaxii shan(5) sababbeeffaachuun OPDO keessaa bahan, ibsa miseensummaa OPDO dhaabuu isaanii barreeffaamaan qopheessuun uummataafi baratootaa Oromoof ifaa gochuuf Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus, mooraa Qonnaa, Mooraa Saayinsii fiTeekinolojii fi Business and Economics fi magaalaa Jimmaa bakkotaa garaagaraatti maxxaansuu fi Garagalcha -Presidentii Mootummaa Nannoo Oromiyaatiif,-Waajjiraa DH.D.U.O Gidduugaleessaaf, -Biroo Haqaa fi Nageenyaa Oromiyaaf -Wajjiraa DH.D.U.O Godina Jimmaatiif -Biiroo haqaa fi nageenyaa Godinaa Jimmaaf, jechuun barrssuun ibsatan.
Jabaadha qaama ko falmadhaa ammas.
Barattootni kanneeniin galanni keessan guddaadha baga rabbiin warra dhiiga ilmaan oromoo dhuguu barate jelaa isin baasee naa jedhaan dhuma irratti Qeerroon yoo dandaame Qabxiilee 5 isaan amma galmeessan kana osoo nuuf ifa goote; kanneen hafanis ammuma uuuuuuu ………..jedhanii deebianii nuuf tarreessi hadaraa; galanni kee kan dagatamuu miti guddadhu bilisummaa dhungadhuuuuuuu…………..