SBO Fulbaana 19 Bara 2012 Afaan Oromoo fi Amaara

Aside

Haala Ummata Oromoo Naannoo Booranaa Ilaalchisee Gaaffii fi Deebii Taasifame

Aside

Isho! Yaa Qeyroo Koo

Aside

Ishoo yaa Qeyroo koo ilma guyyaa rakkoo

Itti fufi qabsoo ni moota gaaf tokkoo

Qeeyroo Oromootaa kan sabaf dhaabbatee
Lubbuu isaa if kennee irbuu tarkaanfatee

Abdii saba Oromoo guca bilisummaa
Summii rooristootaa yaa farra gabrummaa

Gumakafal sabaa qeeyroo mataa tuutaa
Sumaatu moohataa injifannoon galtaa

Biiflee ilma Oromoo mallattoo jeynummaa
Gooticha waraanaa jayna sabboonummaa

Nuti aanoonni kee Qeyroo si abdannaa
Dukkana gabrummaa siini keessaa baanaa

Sadoo fii qananii irraan tarkaanfattee
Saba bilisoomsuuf qawwee lafaa kaasttee

Yaa qabsaaaa sabaa kan lammiif laalatuu
Roorroo saba keetii ati hin fudhattuu

Abshir yaa Qeyroo koo si faanarra jirraa
Waan dandeenyu maraan si cinaa hiriirraa

Abdadhu saba kee Lenca Oromtichaa
Injifannoon keetii gobaani nuuf galtaa

Bobbaan kee milkii dhaa galti kee gammachuu
Qeyroo ilma Oromoo faana si haa tolchuu!!!

xxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxx
Injifannoo Ummata Oromoof!!!

Ni moona hin shakkinu!!
Makiyaa Abdullahii /Binta-Dirree/

September 17, 2012 Gadaa.com

Uummatni Oromoo naannoo Booranaa Abbaa Irrummaa Wayyaaneee Balaaleffachuun Bulchiisa Gabroomfataa Irrattis Diddaa Dhageessisan.

Aside

Haala sochii walii galaa biyyattii keessatti adeemaa jiruun wal qabatee ilmaan Oromoo Godina Boorana kora taauun murtii mootummaan wayyaanee akka isaan hin bulchinee fi cunqursaan bara baraa akka isaan irraa dhaabbatu walii gale.Uummatni Oromoo bilisaan dhalatnee garboomnee hin jiraannu jechuun murtii kana dabarfatee jira.Wayyaaneen yeroodhaa yerootti dargaggoota hojii dhabdummaan rakkatanii fi uummata nagaa maqaa miseensota ABOn mana hidhaatti guuruun nurraa haa dhaabbatu jechuun murtii dhumaa dabarfatanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Godina Booranaa aanaa Areeroo keessaa Oromoonni dhimma nageenyaan mootummaa Wayyaanee waliin hojjechaa turan mootummaa Wayyaanee rakkoo siyaasaa fi diddaa ummataan dhabamaa jiru dhiisuun qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamanii jiran.Mootummaan Wayyaanees gocha ilmaan Oromoo Booranaa kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun milishoota gandaa maqaa qorannoon rakkisaa jira.Walgahii wayyaaneen waamaa jirus aanaa Areeroo keessattii fi bakkeewwan birootti fudhatama dhabee jira.

Godina Shawaa lixaa aanaa Ejeree keessatti diddaan hojjettootaa ammas dbalee dhalate

Aside

Fulbaana 16,2012
Godina Shawaa lixaa aanaa Ejeree magaala Ejeree keessatti diddaan hojjettootaa dhalate.Magaala Ejeree keessatti yeroodhaa gara yerootti shira mootummaan wayyaanee wixinu hojjettoota ilmaan oromoo miidhuun bittaa umrii isaa dheeressuuf duwwaa kan tahe akka tahe kan ibsan hojjettootni kunneen Waajjira Qonnaa keessatti dabballootni mootummaa wayyaanee olaantummaa addaa agarsiisuu hin qaban jechuun mormiin ka’ee jira.Itti aanaan bulchinsaa fi hoogganaa qonnaa aanaa Ejeree kan tahe Taammiruu Garramuu mootummaa Wayyaanee waliin hidhata uumuun maqaa miseensota ABO jedhuun hojjettoota qorannaan yeroodhaa yerootti kan rakkisu kana booda hojii irra akka hin oollee fi namni kun gocha kana irraa hin dhaabbatu taanaan gaaffii migaa gaafannu duubatti hin deebi’u innis gaafatama seenaa jalaa hin bahu jechuun waraqaan barreeffamaan isa dhaqqabee jira.Ji’oota muraasaan duras dhiibbaa hojjettoota irratti dhufeen hojjettootni ilmaan Oromoo tahan 6 hojii gad dhiisuun ni yaadatama.

SBO Fulbaana 16 Bara 2012

Aside

Godina Wallagga bahaa keessatti Dabballoonni Wayyaanee uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz marraa biraaf walitti buusuu itti fufan

Aside

Fulbaana 14,2012 Giddaa

Mootummaan Wayyaanee erga aangootti bahee uummatni biyyattii keessaa guyyaa tokko nagaan oolee bulee hin beeku.Wayyaaneen bittaa umrii isaa dheereffachuuf yeroodhaa gara yerootti uummattoota biyyattii shira garaa garaa xaxuun walitti naqaa yeroo bittaa dheerefachaa yoonaan gahe.

Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu,Eebantuu fi Jiddaa keessatti ilmaan Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz yeroo dheeraaf nagaa fi jaalalaan waliin jiraachaa turan walitti buusaa turuun isaa ni yaadatama.Haalli kun ammas itti fufuun aanaa Haroo Limmuu bakka garbaa jedhamutti walitti bu’insi shira mootummaa Wayyaaneen bixxilameen Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti taasifamaa jira.

Haala kanaan Oromoonni nama lama Hundumaa Caalaa if Wayyaasaa kan jedhaman haalaan madaayanii jiraachuu fi gara ummata Beeneshaangul Gumuzii irraas miidhaan akka gahee jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Gama biraan Oromoota nagaa gaaffii mirgaa gaafattan dargaggoota Oromoo qindeessitan sababa jedhuun namoota aanaa Eebantuu fi Qeelloo irraa hidhuun dararaa akka jiran gabaafame. Fulbaana 13,2012 namoonni hidhaman

1.Obbo Addunyaa Goobanaa bulchinsa aanaa 2.Obbo Taakkalaa Tolosaa itti aanaa Bulchinsa aanaa 3.Barsiisaa Dachaasaa Wayyeessaa

Kanneen jedhaman hidhaa naannoo irraa gara Maa’ikelaawwiitti dabarfamuun beekame. Wayyaaneen ofii tasgabbii dhabee milishoota gandaa mindaa dabaluun maallaqa dabalataa kenneefii akka isaan ummata nagaa jeeqan taasisaa jira.

Qeerroon Harargee lixaa Mi’eessoo dhimma QBO irratti marii godhatan.Ilmaan Oromoo maraafis waamicha dabarfatan.

Aside

Fulbaana 15,2012

Godina Harargee lixaa keessatti qeerroon naannoo Mieessoo walitti dhufuun dhimma qabsoo Oromoo irratti marii gaggeessan.Qeerroon naannoo kanaa walii isaanii mariyachuu irra darbanii barnoota uummata naanoof kennaa kan turan ta’uun beekame. Kana malees karaa biraa hojiilee qabsoo farra gabrummaa fi olaantummaa balleessuuf gochaa jiran gamaggamanii hojiin QBO adda durummaan dargaggoota irraa eegama kan jedhu irratti walii galanii FDG jabeessuuf murteeffatanii jiran.

Ibsa ejjennoo isaanii keessatti hamma bilisummaan ilmaan oromoo mirkanaauu fi Oromiyaa irratti Oromoon abbaa murtii tahutti qabsoo hadhaa akka fufan ibsanii jiran.Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo fi Affaarii yeroo ammaa kana walitti buusuuf shira inni xaxu adda durummaan hojii keenyaan fashalsuu fi ollummaa gaariin waliin jireenya ummatootaa gaarii fi nagaa irratti hojjechuuf jabaannee hojjenna jedhanii jiru.

Wayyaaneen dargaggoota Oromoo naannoo kanaa yeroodhaa yerootti mana hidhaatti guuruun messhaa waraanaa naannessitu,ABO waliin hidhata qabdu,miseensa ABO ijaaraa jirtu jechuun doorsisaa jiraachuu Qeerroon naannoo kanaas ifa godhanii jiran.Bara mootummaan Wayyaanee tasgabbii dhabee fi ilmaan Oromoo irraa waaanjoon darbamuu geessetti uummatni Oromoo tokkummaan akka mirga isaa falmatu waamicha dabarsanii jiran.

Seife Nebelbal Radio Program, Interview with OLF Chairman, Daud Ibsa

Aside

Raadiyoo Simbirtuu,Fulbaana 14,2012

Aside