Ishoo yaa Qeyroo koo ilma guyyaa rakkoo
Itti fufi qabsoo ni moota gaaf tokkoo
Qeeyroo Oromootaa kan sabaf dhaabbatee
Lubbuu isaa if kennee irbuu tarkaanfatee
Abdii saba Oromoo guca bilisummaa
Summii rooristootaa yaa farra gabrummaa
Gumakafal sabaa qeeyroo mataa tuutaa
Sumaatu moohataa injifannoon galtaa
Biiflee ilma Oromoo mallattoo jeynummaa
Gooticha waraanaa jayna sabboonummaa
Nuti aanoonni kee Qeyroo si abdannaa
Dukkana gabrummaa siini keessaa baanaa
Sadoo fii qananii irraan tarkaanfattee
Saba bilisoomsuuf qawwee lafaa kaasttee
Yaa qabsaaaa sabaa kan lammiif laalatuu
Roorroo saba keetii ati hin fudhattuu
Abshir yaa Qeyroo koo si faanarra jirraa
Waan dandeenyu maraan si cinaa hiriirraa
Abdadhu saba kee Lenca Oromtichaa
Injifannoon keetii gobaani nuuf galtaa
Bobbaan kee milkii dhaa galti kee gammachuu
Qeyroo ilma Oromoo faana si haa tolchuu!!!
xxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxx
Injifannoo Ummata Oromoof!!!
Ni moona hin shakkinu!!
Makiyaa Abdullahii /Binta-Dirree/