Fulbaana 05,2012
Godina Harargee lixaa baddeessaa keessatti waraanni mootummaa wayyaanee uummata gaddaaf yaasuuf bobbae uummataan qaanae.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kana uummata biyyattii siyaasa mataa isaa gaggeeffachuuf wayita deemutti waraana hedduumminaan bobbaasuun uffata gaddaa uffachuun dirqiin akka gaddan gochaa jira.Uummatni oromoo naannoo kanaas Mallasaaf hedduu gaddina,Mallasaan abbaa keenya,Abbaa Misoomaati jedhaa jedhanii wayita dirqisiisanitti uummatni rakkoon keenya rakkoo mallasaan duuu osoo hin tahiin rakkoo bilisummaa dhabuuti jechuun gaazexeessitoota dirqamaan naannoo kanatti bobbaan qaanessanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota oromoo naannoo isintu uummata barsiisa jechuun hidhaa fi qorachaa jiran.Dargaggootni oromoo
1. Gammadaa Abdulqaadir
2. Ifaa Mohaammed daldalaa jimaa
3. Barsiisaa Biraanuu Fayyeeraa
Jedhaman mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiru.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kanatti sakattainsa hedduummessuun maqaa WBO gale jedhuun uummata hiraarsuu fi dargaggootni lama ol taanii dhaabbachuu akka hin dandeenye dhorkaa jiru.Qeerroon Oromiyaa mara irraas waraqaalee dhaadannoo maxxansuun mootummaa wayyaanee dhiphisaa jira.