Maadhewwan, Ilmaltuu,Dhaamsa Barii, Kiyyoo Diinaa, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii lakkofsaa 1,2,3, fi 430,Shamarraan Oromoo M.M Kaayyoo Dhugaa fi abboontonnii dhunfaa waliittii dhufuun haalaa yeroo irraattii marii guddaa gochuun,Ibsaa Ejjeennoo armaan gadii Dabarsatani:
IBSA EJJEENNOO:-
1. Yeroon Ummaannii Oromoo Gamtaan Qabsaauu ammaa waan taeef, nutis
Sabboontonnii fi Qabsaaonnii Oromoo Godinaa Lixaa Shawaa hangaa hireen
Ummaataa Oromoo mirkanaauuttii kutannoo fi murannoon kaanee jirra, kanaaf
Ummaannii Oromoo cuftii gamtaan harkaa wal qabatee gabrummaatti xumura gochuuf ka’uun kan yeroon nu gaafatu.
2. Yeroo ammaa kanaa mootummaan Waayyaanee tasgabbii dhabuun rakkoo keessa waan galee jiruuf biyyii keenyaas kan durii irra rakkoo ulfaataa keessaa galtee waan jirtuuf:
a) Mootummaan Ceeumsaa dhaabbiilee Siyaasaa hundaa bakkaa buuu
atattaamaan akka hundeeffaamuu Cimsinee ni gaffanna*.*
b) Filannoon Fedhaa Ummaataa fi Dimookiraasii Dhugaa irraattii hundaaee;
kan paartiilee siyaasaa biyyaa keessaa fi alaa biyyaattii hundaa
hirmaachiisuu yeroodhaan akkaa gaggeeffamuu ni gafanna.
3. Sirnnii Paarlaamaa biyyaattii maqaa dimookiraasii sobaa dahoo godhatee
daldaluu fi gartuu paartii tokkoo EPRDF qofaa irraa hundeeffaamee, fedhaa
Uummataa malee afaan qawweetiin angoo qabatee tauu atattaamaan akka
diigamuu ni gaafanna.
4. Dhabbileen tajajilaa hawwaasummaa humni ittisaa biyyaa,raayyaan
waraanaa, humni poolisaa fi mannii murtii gartuu siyaasaa kam irraa bilisaa
tauun gartummaa uummataa qabachuun gaaffii Ummataaf bakkaa ol aanaa akkaa
kennaanii fi bilisummaa sabootaa akkaa hin sarbinee fi akkaa duraa hin
dhaabbaannee cimsinee gaafanna,
5 Hidhamtoonnii siyaasaa biyyaattii ,keessaattuu ilmaan Oromoo
miliiyoonaan lakkaaamaan rakkoo siyaasaa biyyaattiin jilmaan guraamaanii
manaa hidhaa biyyatii garaagaraa keessaattii argamaan atattaamaan akkaa
gadi lakkifamaan cimsinee ni gafaanna,
6. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo sadarkaa garaagaraa irraa jirtaan yeroon
kun yeroo Tokkoo ittii taatanii Qabsoo bilisummaa Oromoo saffisisuun
Bilisummaa sabaa keenyaa ittii labsaamuu waan taeef tokkoo akkaa taataan
cimsinee gaafanna, Nutis roga kanaan tokkummaa Ummataa keenyaa cimsuuf
cimsinee ni qabsoofna.
7. Hangaa mirgii hiree murteeffaannaa Ummataa Oromoo kabajamuttii,
dhaabaa keenyaa ABO cinaa hiriiruun qabsoo saba keenyaa mirgaa Uummataa
Oromoo kabachiisuuf gaggeeffaamuu dandeetii keenyaan, qabeenyaa keenyaa fi
humnaa keenyaan Arsaa nurraa barbaachiisuu kanfaluuf Murteeffaannee
kaneerra,
8. Ummanni Oromoo fedhu hamma mootummaa mataa ofii hundeefatutti ummaannii keenyaa
roorroo akkaa saamtuu, seer-dhabdummaa gamtaadhaan of irraa ittisuun
akka ofiin of bulchuu fi jaarsoolii fi hayyoota nannoo isaatiin akkaa wal
bulchu dhaamsaa keenyaa dabarsina,
9. Mirgi gurmaauu, hiriiraa nagaa gochuu fi yaadaa ofii karaa walabaa
taeen ibsachuu maqaadhaaf heeraa mootummaa EPRDF keessaattii ibsamee jiru,
hojii irraa haa oolu. walqixummaan sabaaf sablamotaas haa kabajamu, ummata Oromoo fi sabboontota Oromoo irra maqaan shororkeessitummaa yeroo adda addaattii nurraa kaa’amee jiruu nu hin ilaatuu waan ta’eef kanaan boodaa namni dhunfaas ta’ee jaarmiiyaan
shororkeesaa nun jedhuu seeraattii dhiyaachuu qaba, nutis dura ni dhaabbanna.Ummanni Oromoo saba nagaa barbaadu,karaa nagaa mirga isaa falmachaa waan jiruuf shororkeessan mootummaa Wayyaanee isa ummata gara malee hidhuu fi yoo fedhes ajjeessaa jiru ta’uu aduunyaan akka beeku barbaanna.
10. Mirgii amaantiilee hundaa wal qixaa haa kabajamuu, gaaffiin mirgaa
ummanni gaafachaa jiraan gaffii mirgaa waan ta’eef deebii sirrii argachuu qabaa, mootummaan Wayyaanee jeequmsaa amantaairraattii gaggeessaa jiruu dhaabuu qaba jenna.
Injifannoon Ummata Oromoof!.
Godinaa Lixaa Shawaa Amboo,
Hagayyaa 27/2012.
Gaaffii hiree murteffannaa Oromooti ti malee waa’ee mootummaa ce’umsaa dhaabuu maaltu nu galche jarana? Hiree keenya murteeffachuuf haqa fi gaaffi dhughaa qabna. Waa’ee mootummaa ce’umsaa gaafachuuf maal ka’umsi isaa? motummaa abbaa hirree sana haga tokko osoo hin laamshessin.
Ishoo! Gootowwan koo.Ibsa ijjannoo keessan kana hojiitti hiikaa. Amma nudabarran booda gaabbii ta’aa.
Tokkicha Abbaa