Daily Archives: February 17, 2016
Godinaalee Bahaa Oromiyaa Godinota Arsii Lixaa, Harargee Bahaa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaate.
Aside
Guraandhala 16/2016 Godinaalee Bahaa Oromiyaa Godinota Arsii Lixaa, Harargee Bahaa Keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabaachuun itti fufuun Walqabatee Manguddoo Ganna 60 dabalatee Ilmaan Oromoo Hedduun waraana agaaziin irratti Baneen Wareegamani Jiru.Godina Harargee Bahaa aanaa Gaara Muldhataa Magaalaa Gurawaa keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Daran jabaachuun itti fufuun walqabatee Waraanni Mootummaa wayyaanee Daa’immanii fi Manguddoota ajjeesuu aadeeffate, guyyaa har’aa magaalaa Gurawaa keessatti Manguddoo Ganna 60 dabalatee ilmaan oromoo hedduun madeeffamuu fi gariin immoo wareegamuun gabafame jira.kanneen Wareegaman kan yeroof maqaa argannee jirruu keessa
1. Magguddoo Juharaa Muusaa umriin ganna 60 kan taatee fi
2. Adam Mohaamed Abdallaa kanneen jedham kan keessatti argaman ilmaan Oromoo wareegaman, kanneen qaama madoo ta’an immoo heedduu ta’uu maddeen keenya gabaasan.
Godina Arsii Lixaa Magaalaa shaashamannee, shaallaa, Siraaroo fi Kofaleetti Warraaqsii FXG haan jabaachuun itti fufee Gootummaa Godina Bahaa Oromiyaa fi Kibba Bahaa Oromiyaa Sochoosaa kan oole ta’uun beekame jira. Aanaa Kofaleetti goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni oromoo Mana Barumsaa Kofalee Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Waraaqsaa finiinsuun Sirna nama nyaataa Wayyaanee balaaleffachuun Waraana Wayyaanee Agaazii fi Poolisoota federaalaa waliin wal jala dhaabbachuun Warraaqsii Jabaatee kan itti fufe ta’uu Maddeen qeerroo bilisummaa oromoo Gabaasan. Yeroo amma Kana godini Arsii Lixaa fi Harargee Bahaa Waraana Wayyaaneen goolamaa jiraachuun hubatame jira. Daandiiwwaan konkolaataa Bakkoota hedduutti Godina arsii Lixaa fi Oromiyaa Bahaa keessatti cufamuun Haalaan jabaatee itti fufee jira.
Guraandhala 16/2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Ammuruu Magaalaa Hoborraatti Goototni dargaggoothni Qeerroon Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Ammuruu sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina fi uummataan walta’uun Warraaqsii FXG Daran jabaachuun Itti Fufe.
Aside
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Ammuruu keessatti Waraaqsii gaggeeffama ture, Ammas Gootota Dargaggoota Qeerroo Barattoota Oromoo fi uummata Oromoon irraa deebifamee dhoofameen Sagaleen Mormii guddaan Magaalaa Hoborraa keessatti uummatni dhageesisuun itti fufe oleera. Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG kun aanota Ajkka Jaartee Jardagaa, Hagamsaa, Haratoo Guduruu fi Fincaa’aa fa’atti illeee Babaldhatee Kan itti fufuuf jiru irraa Waraanaa Wayyaanee poolisii Federaalaa fi loltoota Agaaziin eegamaa kan olaan ta’uun beekamee jira. Warraaqsaa aanaa Ammuruutti qabsiifame kana dhaamsuuf humni waraana wayyaanee Agaazii fi Poolisiin Federaalaa humnaa ol gara sanatti Guuuramaa kan jiran yoo ta’uu, Goototni barattootni Oromoo humna waraanaan qabamanii hidhaman illee jiraachuu maddeen keenya gabaasan.Yeroo Amma kanas Magaalaan Hoborraa humna waraanaa guddaan raafama jirachuun hubatame jira.