Guraandhala 16/2016 Godinaalee Bahaa Oromiyaa Godinota Arsii Lixaa, Harargee Bahaa Keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabaachuun itti fufuun Walqabatee Manguddoo Ganna 60 dabalatee Ilmaan Oromoo Hedduun waraana agaaziin irratti Baneen Wareegamani Jiru.Godina Harargee Bahaa aanaa Gaara Muldhataa Magaalaa Gurawaa keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Daran jabaachuun itti fufuun walqabatee Waraanni Mootummaa wayyaanee Daa’immanii fi Manguddoota ajjeesuu aadeeffate, guyyaa har’aa magaalaa Gurawaa keessatti Manguddoo Ganna 60 dabalatee ilmaan oromoo hedduun madeeffamuu fi gariin immoo wareegamuun gabafame jira.kanneen Wareegaman kan yeroof maqaa argannee jirruu keessa
1. Magguddoo Juharaa Muusaa umriin ganna 60 kan taatee fi
2. Adam Mohaamed Abdallaa kanneen jedham kan keessatti argaman ilmaan Oromoo wareegaman, kanneen qaama madoo ta’an immoo heedduu ta’uu maddeen keenya gabaasan.
Godina Arsii Lixaa Magaalaa shaashamannee, shaallaa, Siraaroo fi Kofaleetti Warraaqsii FXG haan jabaachuun itti fufee Gootummaa Godina Bahaa Oromiyaa fi Kibba Bahaa Oromiyaa Sochoosaa kan oole ta’uun beekame jira. Aanaa Kofaleetti goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni oromoo Mana Barumsaa Kofalee Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Waraaqsaa finiinsuun Sirna nama nyaataa Wayyaanee balaaleffachuun Waraana Wayyaanee Agaazii fi Poolisoota federaalaa waliin wal jala dhaabbachuun Warraaqsii Jabaatee kan itti fufe ta’uu Maddeen qeerroo bilisummaa oromoo Gabaasan. Yeroo amma Kana godini Arsii Lixaa fi Harargee Bahaa Waraana Wayyaaneen goolamaa jiraachuun hubatame jira. Daandiiwwaan konkolaataa Bakkoota hedduutti Godina arsii Lixaa fi Oromiyaa Bahaa keessatti cufamuun Haalaan jabaatee itti fufee jira.
Pingback: Godinaalee Bahaa Oromiyaa Godinota Arsii Lixaa, Harargee Bahaa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaate. | me682
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist