Eenyuumaa Oromoota Godina Matakkal Bulchiinsa Gumuz Jala Jiraatan Balleessuuf Jecha Dhibbaa Mootummaan Wayyaanee Taasisaa Jiru.

Gabaasa Qeerroo Godina Matakkal Waambara, Ebla 1,2015

Oromoon maccaa hanga daangaa Sudaanitti fulla’ee jiraachaa kan ture ta’uun ni beekama .Warreen sirna gadaa Maccaa keessatti durumaan ykn Oromduroo ta’anii laficha irra jiraatan GABAROO yeroo jedhaman warri hanga Oromoo itti ykn Macca lakka’atanii darban WALAANNAA jedhamu,Oromoonni kanneen abbaa biyyaa fi abbaa dachii ilmaan  Oromiyaa ta’uun isaanii beekamaa dha.

Akka bulchiinsa Wayyaanee yeroo ammaa itti Oromiyaan qoqqoodinsa federaalizimii sobaa ta’een ijaarame lafa godina Wallaggaa naannoo Beenishaangul Gumuz jedhee erga moggaasee Uummanni Oromoo bulchiisa Gumuzii keessa jiraatan abbaa biyyummaa dhabuun seenaa,aadaa,afaanii fi eenyuummaa isaanii dhabaa jiru.

Mootummaan Wayyaanee yeroo sabaa fi sablammooti Gumuz naannoo jedhamee moggafame keessatti Oromoonni naannoo san jiraatan dachiin isaanii fi eenyummaan isaanii naannoo Gumuziif kutamee kennamuun osoo hin jaallatiin sabummaan isaanii akka jijjiramu guddisee qoodaa fi dhibbaa guddaa itti fidaa jira.

Akka bulchiisa Feederaala Wayyaanee yeroo ammaatti Oromootni Oromiyaan ala godinaalee adda addaa keessatti amxakamanii akka iraatan ta’an dhiibbaan guddaan waan irra jiruuf daddafiin birmatnaa akka barbaadan ta’uu beekama.

Oromoonni naannoo Gumuz keessatti dhibbentaa(%)  25n yeroo ta’an kanneen kunis Bulchiisa Gumuz godina Matakkal aanaaleen

  1. Wambaraa
  2. Ggaalessaa
  3. Dibaaxii
  4. Bulanii
  5. Naannoo Hawwii Zooni

Kanneen jiraatan dhibbaan adda addaa irratti ta’u keessaa :-

  • Akka sabaatti hin ilaalaman
  • Afaan Oromoon hin baratan jedhuun Amaariffaan barsiifamu
  • Bu’uuraaleen misoomaa isaaniif hin hojjetamu fkn daangaa Oromiyaan akka wal hin qunnamsiifamne taasisaman
  • Aadaa ofii ibsachuu hin danda’an fkn booqaa birraa ayyaana masqalaa irratti dhaabbati raadiyoo fi TV Oromiyaa aadaa Oromoota Matakkal waraabuun dhorkamaa dha.

Yeroo ta’u uumanni Oromoo waliigalatti Oromoota Matakkal rakkoo fi dhibdee Wayyaaneen irraan gahaa jirtu hubachuun barbaachisaa ta’uu Qeerroon dhaama.

5 thoughts on “Eenyuumaa Oromoota Godina Matakkal Bulchiinsa Gumuz Jala Jiraatan Balleessuuf Jecha Dhibbaa Mootummaan Wayyaanee Taasisaa Jiru.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Eenyuumaa Oromoota Godina Matakkal Bulchiinsa Gumuz Jala Jiraatan Balleessuuf Jecha Dhibbaa Mootummaan Wayyaanee Taasisaa Jiru |

  2. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist

  3. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian Government in handling protests in different parts of the state of Oromia by peaceful demonstrators | OromianEconomist

  4. Pingback: kelbessac

  5. Pingback: Dubbii Lafaa « QEERROO

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s