SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON

ABO

SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON

Baqalaa MokonnonObbo Baqqalaa Mokonnon abbaa isaanii Qanyi Azimaachi Mokonnon Wasanuu fi haadha isaanii Adde Abbebbechi Ejersaa irraa akka lakkoofsa Itiyophiyaatti Sadaasa 28,1922 naannoo Oromiyaa, konyaa Salaalee, ona Wacaalee, ganda Boolee jedhamee beekamutti dhalatan. Obbo Baqqalaa Mokonnon haadhaa fi abbaa isaaniif mucaa jalqabaa; obboleessaa fi obboleettii isaaniifimmoo hangafa turan. Obbo Baqqalaan abbaa isaanii fi haadha isaaniitiin, keessattuu adaadaa isaaniitiin kunuunfamanii guddatan. Afaan Amaaraas baratan. Akkuma ijoollee naannoo isaanii farda gugsii, bishaan daakuu, xiyyaafannoo qawwee, kollee/qillee xapahchuu jaallatu ture. Barnoota afaan Amaaraa erga fixanii booda mana barumsaa Tafarii Mokonnon seenanii barnoota sadakaa lammaaffaa xumuratan. Sana booda, yeroo sanatti haarawaa banamee kan ture koollajjii hujii daldalaa (Commercial College) seenanii waggaa afuriif barnoota isaanii hordofan. Barnoota isaanii xumuranii hojjetaa herregaa ta’anii Baankii Daldaala Itiyoophiyaaf (Commercial Bank of Ethiopia) waggaa 13 hojjetan. Obbo Baqqalaan amala gaarii, miidhagaa, uffatnaa bareedaa fi walumaa galatti ofeeggannoo fi of-babbareechuu dhan dargaggoota yeroo isaanii turan keessaa dinqisiifamaa turan. Haa ta’u malee, haala jireenya isaanii fi jireenya saba isaanii, keessattuu rakkinaa fi badaddina ummata Oromoo, yeroo walbira madaalanii ilaalan jireenyi isaanii nama qullaa karabaataa hidhatee adeemu isaanitti fakkatte. Jireenyi isaaniis hiikaa dhabe. Kanaafis umurii dargaggummaa irraa jalqabee hanga lubbuun isaanii dabartutti waan dandahan gochaa turan. Gochaa kana keessatti- jalqaba jireenya firaa fi saba isaanii foyyeessuuf akka nama tokkootti waan tokko tokko gochuu eegalan. Waan dalagan keessaa hanga xiqqoo maqaa dhahuuf: baankii hojjetan keessaa horii baasanii namoota rakkatoo Waajuu keessaa fi naannoo jiraataniif hiranii akka hoolaa, handaaqqoo, dhadhaa fi kkf nagadanii bu’aa argatan; horii liqeeffatanimmoo akka baankiitti deebisan gochaa turan. Abbaan isaanii, Qanyi Azmaachi Mokonnoo, mana barnootaa Waajjuu fi Dabre Tsigee keessatti bananii turan. Obbo Baqqalaan, namootni naannoo sanaa ijoolleen isaanii akka mana barnootaa kanatti geessanii barsiisan gochaa turan; bakka nagadaa (gabaa) abbaan isaanii Dubar keessatti dhaabaanii turan namootni akka dhimma itti bahanii jireenya isaanii fooyyessan carraaqqii guddaa godhaniiru.Seenaa Gabaabaa Obboo Baqqalaa Mokonnon

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s