Master Plan Finfinnee Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF  Master Plan Finfinnee Bara Haarawaa As Adeemu Irraa Eegaluun Hojii Irraa Kan Oluu dha Jechuun Kenne Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Gadi fageenyaann Balaaleeffachuun Ibsa Qabxii Torba Qabu Uummata Oromoo Hundaaf Dabarse.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 3,2013 Finfinne

Dhimmi Master Plan Finfinnee  Uummata Oromoo hunda ilaallata, angawaan Wayyaanee dhiiga ijomaan Oromoo irratti wareegaman dhimma Oromoo lafa irraa dhabamsiisuun yakka duguuginsa Sanyii (Genocide)n  wal gitu uummata Oromoo irratti karoorfamedha. Dhimma Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun Finfinnee fi Oromiyaa falmachuu fi bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii sochii hadhaawaa gaggeessuun wayyaanee dura dhaabbatan ;mootummaan wayyaanee yakka dugugginsa sanyii uummataa Oromoo irratti rawwachaa jiruuf itti gaafatamuu utuu qabuu ammas dhiiga Oromoo dhangalaasuun Master Plan Finfinnee hojii irra ni olchina jechuun uummata Oromoo bittinneesse, lafaaf qabeenyaa Oromoo irra ilmaan isaa qubsiisuun Oromoon bara baraan gita bitta jalaa akka hin baanee fi Oromiyaa dhabamsiisuuf Uummata Oromootti dhaadachaa jiraachuu ifatti beeksifacha jira.

Akeekaa diinaa  balaaleffachuu fi Finfinnee, Oromiyaa fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa Uummata Oromoo kabachiisuuf wareegamaa hadhaawaa fi qaalii baasuuf Qeerroon bilisummaa Oromoo kutannoo fi murannoodhaan  qabsoo gitaa fi FDG ‘n wayyaanee abbaa irree murna EPRDF/TPLF dura kan dhaabbatu ta’uu ibsuun ; UUMMATA OROMOO HUNDAAF Ibsa ejjennoo qabxii torba of keessa qabu dabarse. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fulbaana 3 2015

Raadiyoo Sagalee Simbirtuu Fulbaana 03,2015

Aside

Godina Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaa Keessatti Beelli Uummata Dararaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Fulbaana 2,2015 Naqamte

ATT_1440913832941_IMG_20150829_065710Sirna bulchiisaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneen uummati Oromoo addatti birmatnaa kan dhabe yommuu ta’u godina Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa tti uummati beelàan dararamaa jira.

Yeroo ammaa kanatti naannoo Gabaa Facaasee aanaa Bonayyaatii uummanni rakkoo beelaan guyyuu walitti qabamanii bakkee keessati nyaataa dhugaatii tokko malee dararamaa jiraachuu gabaasi Qeerroo naannichaa nu gahe addeessa. Uummani kun wagga kana guutuu birmatnaa dhabee beelaan naannoo gadhiisee deemaa jira,deggersi mootummaa naannoo waan hin jirreef jecha akkuma uummata Oromoo godina Baha Oromiyaa keessatti rakkachaa jiranii uummanni aanaa Waayyuu Tuqaas deggersa tokko illee dhabuun rakkoo adda addaan dararamaa jira.

KORA ABO 2015 PUBLIC MEETING AUG. 7,2015

Aside

Mootummaan Wayyaanee Bulchiisa Mataa Isaaf Jecha Olola Dhaaraa Deemsisuu Malee Rakkoo Uummataa Dhaahaa Hin Jiru Jedhu Dargaggoonni Oromoo Godina Bahaa.

Aside

Fulbaana 2,2015

Q NEWS3AAGodina Harargeetti dargaggoonni uummata waliin ta’uun rakkoo yeroo ammaa Oromoota godina bahaa irra gahaa jiru horiin waan soorattu dhabdee dhumaatii irra jirtu keessatti mootumman Wayyaanee rakkoo uummataa irra tarkaanfatee aangoo bara itti aanuuf bulchiinsaaf haala mijeeffachuu irra rakkoo uummataa waan hin hubanneef, uummanni Oromo osoo rakkina ammaan qabame kanaan itti fufe fedha mootummaa Wayyaanee tahun isaa waan hubatamaa tahuun beela guddaa kana keessa ijaajjuudhaan Mootummaan wayyaanee diina uummata oromooti, beelaan mootummaa wayyaaneef hin jilbeenffannu, fii kkf dhaadannolee Hagayya 28,29 fi 30 irratti dhageessisaa akka jiran Qeerroon achirraa gabaasaa jira. Uummanni jiraattotni Oromoo Hararge bahaas kanneen hongee kana keessa jiran Qeerroo waliin hiriiruudhaan yeroo iftoominaan sodaa Wayyaanee tokko malee ABO faarsan tahus gabaasan.

Godina Dhihaa Oromiyaa Magaallan Amboo fi Neqamtee Raafama Keessa Seenanii Jiru. Mootummaan Wayyaanee Human Waraanaa fi bBsaasota Isaa Hedduminan Bobbaase Jira.

Aside

Fulbaana 2,2015 Gabaasa Qeerroo

Ambo UniMootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF jedhamtu Uummata Oromoo irratti mana diiguun, lafarraa buqqisuu fi mirga uumamaa fi dimookiraasii irraa mulquun uummaticha haala rakkisaa keessa galchuuf shirri guddaan abbaa irree Wayyaaneetiin dalagamaa jiru uummata FDGtti kan seensisuu danda’u ta’uu Qeerroon hubachiise. Gidduu kana immoo ilmaan Oromoo nagaan magaalaa Neqemtee keessatti ajjeefamuu fi manneen jireenyaa uummata Oromoo seeraan ala ijaarame maqaa jedhuun kanfaltii tokko malee diiguun uummata dahoo illee dhorkachaa jiraachuun malattoo mootummaa garboomsaa keessa tokko ta’uun beekamadha.

Haaluma kanaan gidduu kana manneen galmaa jiraattoota magaalaa Amboo 10,000 oli diiguuf wayyaaneen murtii irra ga’uun erga ifatti saaxilamee booda, Qeerroon dargaggootni Oromoo fi uummatni Oromoo diina mana galmaa keenya diiguuf jiru dura gamtaan ni dhaabbannaa wareegama barbaachisuu baafna malee manni galmaa keenya hin diigamuu jechuun walga’ii wayyaaneen uummata amansiisuuf waamte irratti uummatni gaaffii mirga fi dimookiraasii gaafachuun walga’iin wayyaanees nu hin ilaallatu, isin bakka keenya bu’uu hin dandeessan jechuun dargaggootni fi uummatni walga’ii wayyaanee bittinnesse.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF aantummaa uummataa hin qabne sochii uummataa dura dhaabbachuuf tajaajiloota akka ibsaa, bishaan fi Network fa’aa Magaalaa Amboo irraa balleessuun uummaatni dukkana keessa jiraachaa kan jiran ta’uun ibsame, humnootni waraanaa, poolisii federaalaa fi humnootni basaasaa magaalaa Ambootti guuramaa jiraachuun hubatame jira.

Haaluma walfakkaatuun mootummaan abbaa irree wayyaanee magaalaa Neqamteetti ,mana galmaa uummataa diigaa, ilmaan Oromoo rasaasaan reebee ajjeesaa jiraachuun uummata haalaan waan dheekkamsiiseefi uummatnis sagaalee diddaa dhageessisuu waan eegaleef abbaan irree human waraanaa heddummina qabuu fi humnoota basaasaa heddumminaan magaalaa Neqamtee galchee jiraachuun ibsame.

Qeerroon bilisummaa Oromoo yakki ulfaataa uummata keenya irratti dalagamaa jiru eenyumaaf illee boqonnaa kankennuu miti.qe’eetti manni nurratti diigamaa, qe’eetti rasaasa loltuun reebamnee ajjeefama fi qe’ee irraa buqqifamaa fi hidhaa fi torture garaagaraan dararama utuu jirruu
dhalli Oromoo kam iyyuu walga’ii mootummaa wayyaanee akka hin hirmaanne, ajaja wayyaanota irraa darbuuf akk hin jilbeeffanne, mootummaa Wayyaanee fi ergamtootni Wayyaanee hirmii uummata Oromoo ta’uu hubachuun uummatni keenya bakka jirru hundatti, tokkummaa, jaalalaa fi irree keenya jajjabeeffachuun diina yakka sanyumma irratti hundaa’ee nurratti gaggeessa jirachuu humbannee yoom iyyuu caalaa yeroon gamtaan diina of irraa gadi teesisuuf kutannoo fi murannoon qabsoo FDG jabeessuun furmaata ta’uu ni hubachiifna.

SBO Fulbaana 02,2015.Oduu,Ijoo Dubbii ABO,Gaaffii fi Deebii Dura Ta’aa Dhaaba BPLM Obboo Abdulwahaab Mahdi Iisaa Waliin Kutaa 2ffaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Wallagga Aanaa Anfilloo Irraa ABO Deggertuun Barattooti Boqonnaaf Galan Hidhamaa Jiru,Naannoo Kibbaa Godina Oomoo Aanaa Hamaritti Ammoo Gaaffiin Mirgaa Itti Fufe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Hagayya 31,2015 

Because I am OromoQellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irratti barattoota boqonnaaf galan yeroo boqonna isaanii maatii gargaaruu cinatti jireenya dhuunfaa fi
galaa mana barumsaaf hojii daldalaa irratti bobbahan hojii Kotorobaandii hojjettuu fi humna biraas bosona keessa qallabaa jirtu
jechuun daldala naannoo Gambeelatti deddeebiidhaan daldalan qabuudhaan humni waraana wayyaanee saamicha ijoollee barattoota oromoo Qellem Wallagaa aanaa Anfilloo gandoota garagaraa keessaa daldalatan harka qullaatti hambisuun saamicha gaggeessuun Qeeroo gabaasee jira.
Hanga ammaatti aanaa Anfilloo keessaa barattoota saamichi irratti rawwatee fi kanneen ABO qallabdan jedhamun hidhaman keessaa:-

  1. Abshaalaa Sanyiifan
  2. Geetachoo Nagarii
  3. Waayyuu Indaaluu
  4. Barakat Kafiyaalehu
  5. Mangashaa Abdii

Kanneen jedhaman keessatti argamu. Qabeenya gurgurtaaf daldala qabatanii deeman waraana wayyaanee naannoo gaara SS fi daangaa Gambeela irra jiruun saamamaa jiraachuu maddeen oduu Qeerroo ibsa.
Gama biraan naannoo Kibbaatti godina Oomoo aanaa Hamaritti kan argaman gandoota kanneen akka Waroo, Shaanqoo, Kufarii fi Dagaaxajaa keessa humni waraana Wayyaanee bittinneessaan uummata irratti tarkaanfii fudhachuuf gandoota kana keessa qubatee jiru gaaffii uummata kibbaa dura dhaabbachuuf qabsiifame uummanni gandoota kana irraa walitti kurfaa’ee waraanni nu keessaa haa bahu mootummaan wayyaanee aangoo fi humnattai fayadamee nu bulchuun haa dhaabatu kan kun hin dhaabbanneetti qabsoon keenya itti fufa jechuun sochii duraan jirutti dachaa dabalanii Hagayya 25,2015 irraa kaasuunis haala jabaadhaan diddaa kaasaanii jiru.
Haalonni kana fakkaatanis naannolee oromiyaa godinoota hoongeen rukutamaa jiran keessatti fincilli ka’ee jira.Beelaan miidhanillee
uummanni mootummaa wayyaanee balaaleffachuu irratti jabeessee akka jiru Qeerroon gabaasaa jira.