Master Plan Finfinnee Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

cropped-qeerroo-edit.jpg

Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF  Master Plan Finfinnee Bara Haarawaa As Adeemu Irraa Eegaluun Hojii Irraa Kan Oluu dha Jechuun Kenne Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Gadi fageenyaann Balaaleeffachuun Ibsa Qabxii Torba Qabu Uummata Oromoo Hundaaf Dabarse.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 3,2013 Finfinne

Dhimmi Master Plan Finfinnee  Uummata Oromoo hunda ilaallata, angawaan Wayyaanee dhiiga ijomaan Oromoo irratti wareegaman dhimma Oromoo lafa irraa dhabamsiisuun yakka duguuginsa Sanyii (Genocide)n  wal gitu uummata Oromoo irratti karoorfamedha. Dhimma Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun Finfinnee fi Oromiyaa falmachuu fi bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii sochii hadhaawaa gaggeessuun wayyaanee dura dhaabbatan ;mootummaan wayyaanee yakka dugugginsa sanyii uummataa Oromoo irratti rawwachaa jiruuf itti gaafatamuu utuu qabuu ammas dhiiga Oromoo dhangalaasuun Master Plan Finfinnee hojii irra ni olchina jechuun uummata Oromoo bittinneesse, lafaaf qabeenyaa Oromoo irra ilmaan isaa qubsiisuun Oromoon bara baraan gita bitta jalaa akka hin baanee fi Oromiyaa dhabamsiisuuf Uummata Oromootti dhaadachaa jiraachuu ifatti beeksifacha jira.

Akeekaa diinaa  balaaleffachuu fi Finfinnee, Oromiyaa fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa Uummata Oromoo kabachiisuuf wareegamaa hadhaawaa fi qaalii baasuuf Qeerroon bilisummaa Oromoo kutannoo fi murannoodhaan  qabsoo gitaa fi FDG ‘n wayyaanee abbaa irree murna EPRDF/TPLF dura kan dhaabbatu ta’uu ibsuun ; UUMMATA OROMOO HUNDAAF Ibsa ejjennoo qabxii torba of keessa qabu dabarse. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fulbaana 3 2015

3 thoughts on “Master Plan Finfinnee Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

  1. Pingback: Oromia: Master Plan Finfinnee Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo | OromianEconomist

  2. Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s