Fulbaana 2,2015
Godina Harargeetti dargaggoonni uummata waliin ta’uun rakkoo yeroo ammaa Oromoota godina bahaa irra gahaa jiru horiin waan soorattu dhabdee dhumaatii irra jirtu keessatti mootumman Wayyaanee rakkoo uummataa irra tarkaanfatee aangoo bara itti aanuuf bulchiinsaaf haala mijeeffachuu irra rakkoo uummataa waan hin hubanneef, uummanni Oromo osoo rakkina ammaan qabame kanaan itti fufe fedha mootummaa Wayyaanee tahun isaa waan hubatamaa tahuun beela guddaa kana keessa ijaajjuudhaan Mootummaan wayyaanee diina uummata oromooti, beelaan mootummaa wayyaaneef hin jilbeenffannu, fii kkf dhaadannolee Hagayya 28,29 fi 30 irratti dhageessisaa akka jiran Qeerroon achirraa gabaasaa jira. Uummanni jiraattotni Oromoo Hararge bahaas kanneen hongee kana keessa jiran Qeerroo waliin hiriiruudhaan yeroo iftoominaan sodaa Wayyaanee tokko malee ABO faarsan tahus gabaasan.
jabadhaa rabbii isiini waliin haajiratuu