Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Ilaalchisisee Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Ilaalchisisee Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Fulbaana 24,2015, Finfinnee

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ayyaana Irreechaa Birraa kan baranaa 2015 Hora Arsadiitti kabajamuuf jiru, Onkololessaa 3/2015 ykn A.L.Habashaatti Fulbaana 23/01/2008 kan kabajamu ta’uu hubachiisuun , Uummata Oromoo hundaan baga jalbultii ayyaana Irreecha bara kanaa nagaan geessan, Barri kun Bara milkii,bara, kan hidhamee kan itti hiikamuu, gammachuu,bara qe’ee ofii irraa buqqa’uun dhaabatu,bara irreen Oromoo itti jabaatu, Bara gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii itti argatu, Bara ‘’Master Plan Finfinnee’’ guutummatti haqamuu ,Bara Injifannoo fi Bilisummaa nuuf haa ta’u !!

Ayaanni Irreecha guyyaa Oromoon Malkaa/Tulluutti ba’ee Waaqa isa uume waan argateef kan galateeffatuu fi waan fulduratti barbaaduu fi hawwuuf itti kadhatudha. Irreechi Ayyaana Oromoon ittin beekamu,mallattoo Oromummaa fi Eenyummaa isaa ibsu, calaqqee Aadaa fi duudhaa keenyaa qofa utuu hin ta’iin dhaalmayaa hambaa seenaa uummata keenyaa kan qabsoo wareegama qaaliin as qaqqabedha. Goototni Oromoo uummatni Oromoo eenyummaan, aadaan, duudhaan,Afaanii fi biyyi Oromiyaa akka hin sarbameef  jechuun dhiigaa isaanii itti cophsuun, lafee isaanii itti cabsuun ayyaanni seena qabeessii kun akka uummatichaaf jiraatu taasisan bara baraan ni yaadatamu,

Ayyaanni irreecha barana 2015 sadarkaa Idil-Addunyaa UNESCO’tti galmaa’aa jiru kun bu’aa gootota ilmaan Oromoo;  Oromoo fi Oromiyaa akkasumas leecelloo Oromiyaa saamicha, faca’insaa fi gita bittaa gabrummaa jalaa baasuuf jedhanii wareegamaa qaalii kanfalaa turanii fi hardha illee Oromiyaa bilisoomsuuf wareegama wal irraa hin citne kanfalaa jiraniti. Ayaana Irreecha 2015 Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Yuunivarsiitii Jimmaatti Barattootni Oromoo Gara Mooraa Barnootaatti Deebi’aa Jiraachuun Walqabatee Barruuleen Qeerroon Raabsaman Kan Isa Rifaasese Wayyaaneen Sakkatta’insa Eegale.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Fulbaana 24,2014

Qeerroo JimmaaFulbaana 24,2015 Godina Jimmaa Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni Barattootni Oromoo gara mooraatti deebi’aa jiraachuun walqabatee sakkatta’insi guddaan barattoota irratti godhamaa jiraachuu fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Poolisootaa federaalaan eegamaa jira.

Mootummaan wayyaanee akkuma karooraa isaa walga’ii barattootaa dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota guyyaa boruu fulbaana 25,2015 irraa eegaluun bakkootaa hedduutti gaggeessuuf kan jiruu yoo ta’uu barruulee warraaqsaa Qeerroon goototni barattootni Oromoo kabajamuu mirga abbaa biyyummaa fi mormii ‘’master pLan Finfinnee’’ kan of irraa qabu barruulee warraaqsaa facaasuu erga eegalanii boodaa mootummaan wayyaanee soda guddaa barattootni narratti FDG kaachisuuf jiruu, barruulee warraaqsaa kana qabatanii socho’aa jiru maqaa jedhuun sakkatta’insa hin jirree barattoota reefuu mooraa seenaa jiran irratti jabeessuu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa gabaasan.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mootummaan Wayyaanee sochii maqaa Master plan Finfinnee jedhuu fi diigumsa
seeraan alaa mana jireenyaa uummataa irratti rawwachaa jiruu fi gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatuuf deebii yoo hin kennu ta’ee
FDG guddaa kan wareegama qaalii qabuun wayyaanee aangoo irraa maqsuuf qophii ta’uu fi uummatni Oromoo kallattii hundaan duula FDG akka
irratti gaggeessuu dhaamsa dabarsan. Mootummaan Wayyaanee fi Dabballootni mootummaa wayyaanee Yuunibarsiitiin Jimmaa kan ABOti
ABOtu miseensotaa fi dabballoota isaa keessatti Omishee jira jechuun Yuunivarsiitii Jimmatti dhaadachaa jiraachuun saaxilame.

Magaalaa Godina Addaa Oromiyaa Kan Taate Magaalaan Burraayyuu Hoomaa Waraana Wayyaaneetiin goolamaa jirti.

Aside

Fulbaana 24,2014 Buraayyu

Asko_AREA_May022014Fulbaanaa 24,2015 Magaalaa Godina Addaa Oromiyaa kan taate magaalaan Burraayyuu hoomaa Waraana Wayyaaneetiin goolamaa jirti.

Mootummaan abbaa irree Wayyanee barruulee warraaqsaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummataaf bittineessaa jiruu fi raabsaa jirutti haalaan kan rifatee human waraanaa guddaa poolisii Federaalaa fi human waraanaa Addaa jedhaman bobbaasuun Magaalaa Burraayyuu gooluu irratti argama. Kaleessa galgala irraa eegaaluun daandii irra illee namootni lama sadii ta’ee akka hin dhaabbanne akka hin adeemne gochaa kan turanii fi Kutaa magaalaa Burraayyuu bakkoota hedduutti immoo kana naamoota nagaa daandii irra adeemuu fi qe’ee isaa jiruu illee kan reeban ta’uu daddeen keenyaa magaalaa Burraayyuu irraa gabaasan. Yeroo ammaa kanatti mootummaan Wayyaanee abbaan irree gaanfa Afrikaa maqaa mormii ‘’Master Plan Finfinnee’’ jedhuu fi FDG Qeerroon barattootni Oromoo narratti kaachisuuf jiru jechuun raafama humnaa olii keessa seenuun waan qabee gadhiisuu wallaaluun lammilee nagaa boqonnaa dhorkaa jiraachuu fi mana galmaa uummataa illee seeraan ala kanfaltii tokko malee diigaa jirachuun ifa ta’ee jira. Yaa uummata Oromoo qe’ee kee irratti wareegamii malee qe’ee kee irraa hin buqqa’iin, manni galmaa kee yeroo sirratti diigamu dhaabbatee hin ilaaliin, isiin wajjiin jirraa waliin dhaabbannee falmanna malee Oromiyaa fi Finfinnee diinaaf dabarsinee hin lannuu jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummataaf dhaamsa dabarsaa jira.