Hoongee fi Gogiinsa Oromiyaa Keessaa Lammiilee Hubaa Jiru…

Aside

Gabaasa Sagalee Bilisummaa Oromoo

SBOImpaayera Itoophiyaa keessatti imaammata dabaa murni wayyaanee hordofaa jiru irraa kan kahe hoongee fi gogiinsi uumame lubbuu lammiilee fi  beeyladaa balaa ulfaataaf saaxilaa jira. Keessumaa ammoo dacheen Oromiyaa jiidhinaa fi badhaadhinaan beekkamtu imaammatuma gartuu abbaa irree kanaatiin ontee fi gogdee lammiileen kumootaan nyaata dhabuun leeccalloo isaaniis hurgufatanii hiraara argaa jiru. Mootummaan wayyaanee wayta rakkoon kun uumamu ummata nan bulcha jedhuuf birmatee nyaataan dhaqqabuu fi hegereefis akka rakkinichi hin uumamneef hojjechuu mannaa, inumayyuu hammeessaa jiraachuu gabaasaaleen godinaalee Oromiyaa adda addaarraa nu dhaqqaban ni ibsu.

Akka odeessa godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa nu gahe kanaatti saamichaa fi manca’iinsa qabeenya bosonaa wayyaaneen geessiserraa kan kahe dacheen qullaatti haftee rooba dhabuudhaan hoongeen uumame midhaan facaafamee fi beeyladoota miidhaaf saaxileera. Ummannis kanarraa beelaan hubamaa fi qayee dhiisee godaanaa akka jirutu ibsame.  Haala Qilleensaa fi Beela Oromiyaa keessaa…2015 =ED

Godinaa Lixa Shagar, Aanaa Ada’aa Bargaa Magaala Mogor Keessati Warraaqsa Bilisummaa Ka’een Warraanni Wayyaanee Uummata Irratti Dhukaasa Bane.

Aside

Fulbaana 28,2015 Mogor

diddaa9Sababa filannootin mootummaa waayyanee baatii caamsa darbee humna waaranaa isa ummata ittiin dorsiisuuf jechaa magaala Mogor qubachiisee jira. Humni waarana kunis ummata nagaa qabeenyasa saama, halkan immoo mana namoota irraa deemu dorsisaa mallaqa irra guraa, akkasumas kan diddee reeba turaniiru. Kan yoommiyyuu sammuu nama keessa ummata baadiyyaa magalaa Mogor marsanii jira sababa adda addatiin magaalati dhufan ganna kana dhoqee jedhani warreen bootii kawwatan qaban dhagaa ciraachaa bootichaati guuruun itti figaa jechaa Oromoo hedduu nafaa godhaaniruu. Haa ta’uu malee Ummatni magaala Mogor gaafa fulbaana 27,2015 : Dhadhannoo yoo garaan kutatee mirga argachuu dandeenya jechuun halkaan keessa sa’a afur gubbaati gaaffii mirgaa gamtaan kaasan.

Ummata kutatee manaa ba’ee kana sodaachisuuf warraanni waayannee dhukaasa yoo egaluu ummatni dhagaasa darbachaa of fuuldura ari’ee. Dhuma irrati gaazii imimmaan itti dhusaanis ummata kan kufee kaasa waraanichaa yeroof magaala baase ture. Dhukaasa kanarraati namni lubbuun darbee dhabamuus namootni gara kudhanii mada’aniruu, waraana Waayyannee lama hedduu midhaman. Gabaasan Qeerroo Mogor.