Afaan Oromoo fi Eenyummaa Oromoo Impayera Itiyophiyaa Keessatti.

Aside

(Hariiroo Jorgootiin Kan Qindaaye)

Barreessaa dhugaa baasa! Sagalee Qeerroo Fulbaana 18 Bara 2015 Afaan lammiileen biyyattii irri jireessi ykn Majority’n dubbatu, Afaan Oromoo guddichiifi hangafti afaanotaa impaayera biyyattii keessatti Afaan Biyyaalessaa ta’uu dhabuun akkuma sirnoota walfakkaatoo duraaniifi isaanii olitti ergaramaafii ukkaamsaan hidhaa diinaa jalatti to’atamuun hinumaatuu ulee diinni ittiin sabicha dhaanu ta’uun sababa yakka malee itti yakkani doorsisaniifi miidhan ta’uunsaa, warraaqsa waliigalaa humni diinaa duubatti deebisuu hindandeenye dhoosaa jiraachuun beekame. Warraaqsi kun bu’aa qabsoo Goototiin Oromoo mirga abbaa biyyummaafi kabaja eenyummaa Oromootiif ganama biyyaafi sabni keenya koloneeffatame irraa eegalee taasisaa as gahan ta’ullee, dammaqinsi hawaasa Oromoo daraaree dagaagee sadarkaa firii quubsaa argamsiisuu irra gahuu irraa kan ka’e, gama hundaanuu sadarkaa hawaasa Oromoo hundaa biratti finiinee warraaqsa galmasaa ga’u malee hindhaabbanne kaasaa jiraachuun ifa ta’eera. Barattootni yuuniversiitiifi sadarkaa garagaraa irratti argaman, hojjettootni, daldaltootiin abbootiin qabeenyaa, dargaggoofi shamarran hayyootaafi maanguddoon duuchaamatti sabni Oromoo marti, Afaan tokkoon, fedhii tokkoon, ejjennoo tokkoon, garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi amantaa maleetti, quqama jabaataan Afaan Oromoo hacuuccaa jalaa bahee bilisaan Afaan Biyyaalessaa ta’uu akka qabu ifatti gaafachaa jiraachuun mirkanaayeeera. Kunis akkaataa amansiisaa ta’een qabsoo Walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromoof taasifamu ofdura tarkaanfachiisuuf shakkii tokko malee kan abdachiise ta’uu bilchinaan hubatamuu gamaggamni Qeerroo ququlleefatee jala muree gabaaseera. Oduu Sagalee Qeerroo Fulbaana 18 Bara 2015