Fulbaana 2,2015 Naqamte
Sirna bulchiisaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneen uummati Oromoo addatti birmatnaa kan dhabe yommuu ta’u godina Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa tti uummati beelàan dararamaa jira.
Yeroo ammaa kanatti naannoo Gabaa Facaasee aanaa Bonayyaatii uummanni rakkoo beelaan guyyuu walitti qabamanii bakkee keessati nyaataa dhugaatii tokko malee dararamaa jiraachuu gabaasi Qeerroo naannichaa nu gahe addeessa. Uummani kun wagga kana guutuu birmatnaa dhabee beelaan naannoo gadhiisee deemaa jira,deggersi mootummaa naannoo waan hin jirreef jecha akkuma uummata Oromoo godina Baha Oromiyaa keessatti rakkachaa jiranii uummanni aanaa Waayyuu Tuqaas deggersa tokko illee dhabuun rakkoo adda addaan dararamaa jira.