Sagalee Simbirtuu Qophii Fulbaana 17,2015
Aside
Fulbaana 17,2015 Duullii kanfaltii tokko malee manneen jireenyaa ummata Oromoo magaalaalaalee Oromiyaa keessatti akka gaggeeffamuun abbaan irree labsii godhe Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Ejereetti uummatni mormii guddaan dura dhaabbatan. Uummatni Oromoo magaalaa Ejeree mana galmaa keenya keessa baafamnee manni wayita nurratti diigamu eessa isiniif dhaqna, qe’ee keenya irratti wareegamna malee manni keenyaa nurratti hin diigamu jechuun mormii guddaan jala dhaabbachuu fi of irraa ittisaa jiraachuu ibsame jira.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF Manneen jireenyaa Ummataa Oromoo magaalaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti argaman kanfaltii tokko malee mana galmaa isan keessa jiraatan irratti diiguuf murtii maatummaa naannoo Oromiyaa fi godinaaleetti qajeelfama dabarsuun ergamtootni Wayyaanees ergama diinummaa gooftolii isaaniin itti kenname hojii irra olchuuf mana galmaa Uummataa diiguuf murteeffatan.
Yaakki diigumsa manneen jireenyaa kanfaltii tokko malee gaggeeffama jiru kun uummatni qe’ee isaa irratti wareegama kamuu kanfalee akka dura dhaabbatu isa dirqee jira. Haala kanaan yakka Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Ejereetti uummata irratti aggaamame kanas uummatni Oromoo gamtaan dura dhaabbachuun of irraa ittisaa jiraachuu fi kanneen mana galmaa keenyaa diiguuf adeemaan diina keenya jechuun
FDG irratti kaachisaa jiraachuu maddeen Qeerroo bilisummaa Oromoo godina Salaalee gabaasan.