Konsertii Siyyoo Dandanaa Irratti Aartistooti Oromoo Gamtaan Dhaabbachuun Lammii Boonsan
Aside
Qondaalotii fi hogganooti Wayyaanee TPLF yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti barsiisotaaf leenjiin siysaasaa kennamaa jiru irratti gaaffiin itti ka’aa jiruu fi diddaan barsiisota irraa ka’aa jiru haalaan hammaachaa dhufe.Bakkoota baayyeetti barsiisotaa fi barattoota irraa gaaffiin abbaabiyyummaa jabeessuun wayyaaneettii waaroo salphinaa aguugee jira.
Maddeen Qeerroo Wallagga aanaalee Beegii,Mandii,Najjoo fi Jaarsoo akkasumas Qeellem Daallee Waabaraa,Magaalaa Qaaqee dabalees guyyaa har’aa Fulbaana 22,2015 ammoo Wallagga Nuunnuu Qumbaa,Waamaa Qassoo,Sibuu Siree,Waayyuu Tuqaa fi Jimmaa Arjoorratti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuun Wayyaaneettii wacuufi itti iyyuun barattooti sagantaa walga’ii Wayyaanee diiguun beekameera.
Keessattu gabaasi Qeerroo magaalaa Naqamtee akka hubachiisetti barattooti qophaa’inaa Naqamtee gaaffilee bu’uuraa