Godina Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaa Keessatti Beelli Uummata Dararaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Fulbaana 2,2015 Naqamte

ATT_1440913832941_IMG_20150829_065710Sirna bulchiisaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneen uummati Oromoo addatti birmatnaa kan dhabe yommuu ta’u godina Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa tti uummati beelàan dararamaa jira.

Yeroo ammaa kanatti naannoo Gabaa Facaasee aanaa Bonayyaatii uummanni rakkoo beelaan guyyuu walitti qabamanii bakkee keessati nyaataa dhugaatii tokko malee dararamaa jiraachuu gabaasi Qeerroo naannichaa nu gahe addeessa. Uummani kun wagga kana guutuu birmatnaa dhabee beelaan naannoo gadhiisee deemaa jira,deggersi mootummaa naannoo waan hin jirreef jecha akkuma uummata Oromoo godina Baha Oromiyaa keessatti rakkachaa jiranii uummanni aanaa Waayyuu Tuqaas deggersa tokko illee dhabuun rakkoo adda addaan dararamaa jira.

Mootummaan Wayyaanee Bulchiisa Mataa Isaaf Jecha Olola Dhaaraa Deemsisuu Malee Rakkoo Uummataa Dhaahaa Hin Jiru Jedhu Dargaggoonni Oromoo Godina Bahaa.

Aside

Fulbaana 2,2015

Q NEWS3AAGodina Harargeetti dargaggoonni uummata waliin ta’uun rakkoo yeroo ammaa Oromoota godina bahaa irra gahaa jiru horiin waan soorattu dhabdee dhumaatii irra jirtu keessatti mootumman Wayyaanee rakkoo uummataa irra tarkaanfatee aangoo bara itti aanuuf bulchiinsaaf haala mijeeffachuu irra rakkoo uummataa waan hin hubanneef, uummanni Oromo osoo rakkina ammaan qabame kanaan itti fufe fedha mootummaa Wayyaanee tahun isaa waan hubatamaa tahuun beela guddaa kana keessa ijaajjuudhaan Mootummaan wayyaanee diina uummata oromooti, beelaan mootummaa wayyaaneef hin jilbeenffannu, fii kkf dhaadannolee Hagayya 28,29 fi 30 irratti dhageessisaa akka jiran Qeerroon achirraa gabaasaa jira. Uummanni jiraattotni Oromoo Hararge bahaas kanneen hongee kana keessa jiran Qeerroo waliin hiriiruudhaan yeroo iftoominaan sodaa Wayyaanee tokko malee ABO faarsan tahus gabaasan.

Godina Dhihaa Oromiyaa Magaallan Amboo fi Neqamtee Raafama Keessa Seenanii Jiru. Mootummaan Wayyaanee Human Waraanaa fi bBsaasota Isaa Hedduminan Bobbaase Jira.

Aside

Fulbaana 2,2015 Gabaasa Qeerroo

Ambo UniMootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF jedhamtu Uummata Oromoo irratti mana diiguun, lafarraa buqqisuu fi mirga uumamaa fi dimookiraasii irraa mulquun uummaticha haala rakkisaa keessa galchuuf shirri guddaan abbaa irree Wayyaaneetiin dalagamaa jiru uummata FDGtti kan seensisuu danda’u ta’uu Qeerroon hubachiise. Gidduu kana immoo ilmaan Oromoo nagaan magaalaa Neqemtee keessatti ajjeefamuu fi manneen jireenyaa uummata Oromoo seeraan ala ijaarame maqaa jedhuun kanfaltii tokko malee diiguun uummata dahoo illee dhorkachaa jiraachuun malattoo mootummaa garboomsaa keessa tokko ta’uun beekamadha.

Haaluma kanaan gidduu kana manneen galmaa jiraattoota magaalaa Amboo 10,000 oli diiguuf wayyaaneen murtii irra ga’uun erga ifatti saaxilamee booda, Qeerroon dargaggootni Oromoo fi uummatni Oromoo diina mana galmaa keenya diiguuf jiru dura gamtaan ni dhaabbannaa wareegama barbaachisuu baafna malee manni galmaa keenya hin diigamuu jechuun walga’ii wayyaaneen uummata amansiisuuf waamte irratti uummatni gaaffii mirga fi dimookiraasii gaafachuun walga’iin wayyaanees nu hin ilaallatu, isin bakka keenya bu’uu hin dandeessan jechuun dargaggootni fi uummatni walga’ii wayyaanee bittinnesse.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF aantummaa uummataa hin qabne sochii uummataa dura dhaabbachuuf tajaajiloota akka ibsaa, bishaan fi Network fa’aa Magaalaa Amboo irraa balleessuun uummaatni dukkana keessa jiraachaa kan jiran ta’uun ibsame, humnootni waraanaa, poolisii federaalaa fi humnootni basaasaa magaalaa Ambootti guuramaa jiraachuun hubatame jira.

Haaluma walfakkaatuun mootummaan abbaa irree wayyaanee magaalaa Neqamteetti ,mana galmaa uummataa diigaa, ilmaan Oromoo rasaasaan reebee ajjeesaa jiraachuun uummata haalaan waan dheekkamsiiseefi uummatnis sagaalee diddaa dhageessisuu waan eegaleef abbaan irree human waraanaa heddummina qabuu fi humnoota basaasaa heddumminaan magaalaa Neqamtee galchee jiraachuun ibsame.

Qeerroon bilisummaa Oromoo yakki ulfaataa uummata keenya irratti dalagamaa jiru eenyumaaf illee boqonnaa kankennuu miti.qe’eetti manni nurratti diigamaa, qe’eetti rasaasa loltuun reebamnee ajjeefama fi qe’ee irraa buqqifamaa fi hidhaa fi torture garaagaraan dararama utuu jirruu
dhalli Oromoo kam iyyuu walga’ii mootummaa wayyaanee akka hin hirmaanne, ajaja wayyaanota irraa darbuuf akk hin jilbeeffanne, mootummaa Wayyaanee fi ergamtootni Wayyaanee hirmii uummata Oromoo ta’uu hubachuun uummatni keenya bakka jirru hundatti, tokkummaa, jaalalaa fi irree keenya jajjabeeffachuun diina yakka sanyumma irratti hundaa’ee nurratti gaggeessa jirachuu humbannee yoom iyyuu caalaa yeroon gamtaan diina of irraa gadi teesisuuf kutannoo fi murannoon qabsoo FDG jabeessuun furmaata ta’uu ni hubachiifna.