Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Magaalaa Caansoo Keessatti Saamichi Lafa Oromootaa Daran Jabaachuu Irraan Diddaan Jiraattotaa Itti Fufe

Aside

Waxabajjii 24,2014 Magaalaa Caancoo

11119932_491385171025823_1900945432_nNaannawa Shagar aanaa Sululta Magaalaa Caancoo keessatti saamicha lafaa fi qotee bulaa humnaan qe’ee irraa buqqiduun daran hammaachuu irraan kan ka’e diddaan uummataa jabaate. Yeroo ammaa kana Wayyaanee fi dabballoonni ishee qotee bulaa lafa irraa buqqisuun saamicha gaggeessaa kan jirtu yoo ta’u uummanni magaala Caancoo diddaa jabaa dhageessisaa jira.

Diddaa uummataa kana dura dhaabbachuuf yeroo hedduu maqaa wal gahii jedhuun uummataa fi hojjattootta mootummaa yaamuun sossobuuf yaalaa kan turte yoo tahu walgahii isheen yaamte irratti hojjattoonni dhalootaan Oromoo tahanii fi uummanni magaalaa Caancoo diddaa jabaa waan dhageessisaniif diddaa kana dura dhaabbachuu hin dndeenye. Kana waan taheef ammas diddaa uummataa kana dhaamsuuf dabballootuma waliin saamicha gaggeessaa turan yeroodhaaf jettee mana hidhaa aanaa Sulultaa magaala Caancootti guuraa jirti.11653231_491384304359243_8764961_n

Haaluma kanaan fakkeessidhaaf lafa saamtanii jirtu sababa jedhuu dabballootuma idhee itti gaafatamaa investment kan tahe nama Salamoon Debebe jedhamuu fi mahandisoota magaala Caancoo nama sadi yeroodhaaf sagalee fi didaa uummataa dhaamsuuf jettee mana hidhaatti kan darbatte.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts- 22 June 2015

Aside

Oromoota Matakkal 15 Tahan Irreecha Kabajjan Sababaa Jedhuun Manni Murtii Aanaa Dibaax Hidhaa Waggaa 2 fi Baatii 5 Irratti Murteesse.

Aside

Waxabajjii 23,2015

Because I am OromoUummati Oromoo addunyaarratti kan ittiin beekamu seera, toobaa,toobbana,Gadaa fi irreessa walumaagalatti aadaa boonsaa sabummaasaarra darbee ardii keenya Afirkaa kan boonsuu danda’u dha.

Bu’uuruma heera uumaa ganamaa ganamtee kanaan kan bulan Oromoonni Matakkal gaalessaa irreessa arfaasaa si’a darbee irreessataniin mootummaa naannoo Gomuziin yakkamanii mana murtii aanaa Dibaaxiitti erga deddeebi’aa turaniin booda Caamsaa 23,2015 manni murtii aanaa Dibaaxii walii galaan namoota kudha shan irratti murtii seeraa alaa irratti dabarse. Gochaan kun loogii  mootummaan Gumuz TPLFn hoogganamu qoodinsaa fi loogii sanyummaatiin kanaan dura Afaan Oromoo naannichaa balleessuu fi Gumuzoomsuu,shinaashessuu geggeessaa kan ture ammammoo aadaa Oromoo balleessuu irratti hojmanee sabboontotiin Oromoota kun murtii garaagaraatiin mana hidhaa Gilgalbalas godina Matakkalitti guuree jira.

Kanaafis cunqursaa Oromoota naannoo kanaatiif uummata Oromoo bal’aaf deeggarsa siyaasaa jabeessinee gaafanna Namoota hidhaman 1 Abdiisaa Dhugumaa waggaa lamaa fi ji’a jaha qarshii kuma jaha wajjin 2 Kuusaa Toleeraa waggaa lamaa fi ji’a jaha qarshii kuma jaha wajjin 3 Goobanaa Baqqalaa waggaa lamaafii baatii jaha qarshii kuma jaha wajjin 4 Dabaloo Hiikaa waggaavlamaaf baati jahaa fi qarshii kumajaha wajjin 5 Ayyaanaa Gaashuu dabalatee jaarsolii biyyaa kudha lama qarshii kuma jaha nagaan adabuun ol iyyannoo akka hinfudhannes dhorkatamaniiru

Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Finfinnee Itti Fufe.

Aside

suura 21

Uni Finfinnee

Waxabajjii 23,2014, Yuuniversitii Finfinneetti barattootni Oromoo filatnoo kijibaa Wayyaanee dura dhaabbachuun mootummaan EPRDF gabroomfataa dha kan jedhuu fi barruulee adda addaa mooraa keessa tamsaasuun diddaa sirnchaaf qaban muldhisaa jiru.
Hakkan edaa Waxabajjii 23,2015 waraqaa diddaa kan tamsaasan yoo tahu waraanni Wayyaanee diddaa kanna dhamsuuf ganama obboroo naannoo Yuuniversitii Finfinnee qubachuun barattoota doorsisuun Qeerroon gabaase, akkasuma Yuuniversitii Bulee Horaatti diddaan guyyoota lamaan kana jabeeffamuun sagaleen Qeerroo uummataan dhagayame,Oromiyaan ni bilisoomti. Mootummaan gabroonfataan nurraa haaka’u, sirni mootummaa wayyaane nun bitin , uummanni keenya Mootummaa wayyaanrr hin jenne ABO waammataa jira, Bilisummaan Keenya dhiyoo jirti kan jedhu barruuwwan hedduu tamsaasan kanuman wayyaaneen rifatte waraana akka amala ishee mooraa Yuuniversitii keessa qabachiisuun FDG duradhaabbachuun Qeerroon gabaase. Yuuniversiti biroo keessatti akkasuma godnaalee fi magaalota keessatti diddaa qabate jiru sirna mootummaa Wayyaane hundeen kan buqqisu tahuu hubatee wayyaanen waraana isaa halkanii guyyaa olii fi gadi tamsaastee jirti. Oromiyaan hanga bilisoomtutti FDG itti fufa jechuunis barattooti bakka maraa dhadachaa jiraachuun beekama.

SBO Waxabajjii 24,2015. Oduu, Gabaasa Hidhaa lammiilee Oromoo irratti deemaa jiru…SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa Waxabajjii 22,2015

Aside

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Bifa Adda Ta’een Kellaawwaan Nannawaa Finfinneetti Argaman Irratti Sakkatta’insa Guddaa Gaggeessaa Jira, Namoota Nagaa Sabaaba Itti Barbaaduun Kanneen Waraaqaa Eenyummaa Hin Qabne Hidhaatti Guuraa Jira.

Aside

Waxabajjii 23,215 Finfinnee

Sakata'a Milishoota WayyaaneeMootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF Wayyaaneen yeroo amma kanatti muddama keessa galtee jirtu keessaa of baasuu kan hin dandeenye human waraanaa fi pooliisii of harkaa qabdutti fayyadamuun  yeroo irraa gara yerootti sakkatta’insa seeraan alaa gaggeessaa kan turte, yeroo amma kanatti ilmmoo sakkatta’insa bifa adda ta’een Waxabajjii 19,2015 irra ee galuun  kellaawwaan magaalaa Finfinnee  nanna’uun argamaan hundaa irratti sakkatta’iinsa seeraan alaa gaggeessa jirti. Keellaawwaan magaaloota addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman  irratti kan haalaan jabeessitee sakkatta’insa gaggeessa jirtuu fi waraaqa eenyummaa fi gaaffii qorannootiin uummata dararaa jiraachuun irra ga’ame jira.

 Sochiin uummata nannawaa Finfinneetti argamuu haalaan jabaachaa jiraachuu irraa yaaddoo fi sodaan kan itti bulee Wayyaaneen waraanaaisaa hiriirsisuun duulaa sakkatta’insaa fi doorsisaa gaggeessa jirachuun uummata shoroorkeessa jira. Qeerroon bilisuymmaa Oromoo uummaatni Orromoo  akeekaa Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun eenyummaa fi teessumaa Oromiyaa saamuuf maqaa master plan Finfinnee jedhuun Wayyaaneen fiigaa jirtuu dhaabsisuu fi haala waliigala qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf yeroon gamtaan falmatan amma Oromoo bakka jirtanhundaa socho’aa jechuun uummata Oromoo hundaaf dhaamsa isaa dabarsee jira.

SBO Waxabajjii 21,2015. Oduu, Gabaasa Hiriira Nagaa Washington DC. Hidhaa poolisoota Oromoo irratti geggeeffamaa jiru ilaalchisuun gaaffii fi deebii Saajin Damee Abdii waliin….

Aside

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu Jumulaan Barnoota Irraa Arihaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Waxabajjii 22,2015 Yuunivarsiitii Mattuu
oromo in ethioMootummaan Wayyaanee gochaa diinummaa fi abbaa irrummaa isaa ifatti muldhifatee jiruu Yuunivarsiitii Mattuutti barattoota Oromoo  Oromummaa yakkamuun  barnoota  irraa ari’aa jiraachuun ibsame.  Torbee darbee irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo  Oromummaan yakkuun barnoota irraa arhahaa kan jiru  yeroo ta’uu, yeroo ammaa kana  barattoota Oromoo arihaa jiraachuun madden Qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan .

Irraa guddaan barattoota arihamanii kanneen barnoota isaanii Yuuniversitii irraa xumuranii fi xumurataa jiran akka ta’e Qeerroon gabaasa. Ammatti kanneen maqaan isaanii ifaan beekame keessaa :-

  1. Barataa Biraanuu Mokonoon barataa ispoorii saayinsii waggaa 3ffaa baratu guutummaatti barnoota irra kan arii’ame.
  2. Barataa Leencoo Tasgaraa barataa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa kan baratu gutummatti barnoota irraa kan arii’atame.
  3. Barataa Abbabee kan jedhamuu barataa Cotton Engineering waggaa 2ffaa kan baratu guutummaatti barnoota irraa kan arii’ame.
  4. Barataa Annissoo barataa Cotton Engineering waggaa 2ffaa kan baratu gutummatti barnoota irraa kan arii’ame.
  5. Barataa Dirribaa Hayilee barataa Economics waggaa 3ffa kan baratu gutummaatti barnoota irraa kan arii’atame
  6. Barataa Guutuu Indaaluu barataa ispoorti Saayinsii waggaa 2ffaa kan baratu waggaa 2f adabame jira.
  7. Barataa Gootummaa Galaashee Mechanical Engineering waggaa 2ffaa kan baratu waggaa 2ffaa adabame
  8. Barataa Kaasahuun Maammuyyee barataa mechanical Engineering waggaa 3ffaa kan baratuu waggaa 2f adabamee jira. Barataan kun asiin fuldura illee waggaa tokko barnoota irraa adabamee bara kana kan itti deebi’e.
  9. Barataa Magarsaa barataa management waggaa 2ffaa kan baratuu waggaa 2f kan adabame.

Kanneenkeessatti argamaan Ilmaan Oromoo nagaan barattootni hedduun arii’ama jiraachuun ibsame jira. Guutummaa lakkofsa barattoota arhiamanii jidduu kana Qeerroon kan beeksisu yeroo ta’u ,Barattoota Oromoo 45 irratti immoo beeksisaa baasuun maqaa qorannoo jedhuun dararaa jiraachuun ibsame jira.

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Damee Qilinxoo Baratan Shira Mootummaan Wayyaanee Oromoota Irratti Addaatti Gaggeessu Dura Dhaabbatan.

Aside

Waxabajjii 21,2015 Finfinnee
23

AA Uni

Mootummaan EPRDF/TPLF akkuma amala isaa gama ittin qabee barattoota Oromoo hidhaatti guuruuf jedhee gama barattoota ilmaan Tigiree hiriiruun ilmaanOromoo irratti roorrisuuf yaalii guddaa godhus  goototni barattootni Oromoo shira diinaa irratti dammaquun FDG jabeessuun dura kan dhaabbatan ta’uun ibsame. Haaluma kanaan Warraaqsii jabaata ta’ee mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamuu keessatti qabachuun  mooraan Yuunibarsiitii kunis raafama guddaa keessa galte. Goototni barattootni Oromoo dabballoota wayyaanee gama barattoota Tigiree ta’an keessan hiriiruun barattoota Oromoo  hidhuu, ajjeesuu fi shiroota garaagaraa irratti rawwachuuf bobbaafaman dhagaan kan haleelaman ta’uu madden qeerroobilisummaa Finfinnee irraa gabaasan.

Goototni barattootni Oromoo ilmaan diinaa ergama diinummaa Wayyaanee baatanii fiigaa jirandhagaan of irraa haleeluun FDG waan itti jabeessaniif dabballootin mootummaan wayyaanee  mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamu bulchaa jiran human Pooliisii Federaalaa fi Agaazii mooraa Yuunibarsiitiitti ol galchuun barattoota Oromoo irratti yakka sanyummaa rachuu kan eegalan ta’uutu ibsamee jira. Sochiin kun guyyaa kaneegalee hanga halkan keessaa sa’aa 5ttii illee kan itti fufe ta’uu irraan barattootni Yuunibarsiitii gadi lakkisuun gara Magaalaatti illee gadi ba’uun shira dabballoota wayyaaneen qabsiifame irraa gara Poolisoota federaalaa wayyaane dura dhaabbachuutti jabeessuun kan itti fufan ta’uun ibsame jira.

Mootummaan Wayyaanee sochii barattoota Oromoo kanatti yaaddoo keessa seenuun kan duraan iyyuu of dammaqaa jiraatu human poolisii federaalaa guddaa  barattootatti bobbaasuun  ilmaan Oromoo irratti Yakka reebichaa fi gara mana hidhaatti ukkamsee guuraa jiraachuun ibsame jira. Adeemsii kun immoo ittumaa barattoota Oromoo gara FDG kan jabeessaa jiru ta’uu irraan Yeroo ammaa kanatti adeemsii baruu fi barsiisuu mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamuu keessatti dhaabbatee jirachuun ibsamera.