Waxabajjii 22,2015 Yuunivarsiitii Mattuu
Mootummaan Wayyaanee gochaa diinummaa fi abbaa irrummaa isaa ifatti muldhifatee jiruu Yuunivarsiitii Mattuutti barattoota Oromoo Oromummaa yakkamuun barnoota irraa ari’aa jiraachuun ibsame. Torbee darbee irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Oromummaan yakkuun barnoota irraa arhahaa kan jiru yeroo ta’uu, yeroo ammaa kana barattoota Oromoo arihaa jiraachuun madden Qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan .
Irraa guddaan barattoota arihamanii kanneen barnoota isaanii Yuuniversitii irraa xumuranii fi xumurataa jiran akka ta’e Qeerroon gabaasa. Ammatti kanneen maqaan isaanii ifaan beekame keessaa :-
- Barataa Biraanuu Mokonoon barataa ispoorii saayinsii waggaa 3ffaa baratu guutummaatti barnoota irra kan arii’ame.
- Barataa Leencoo Tasgaraa barataa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa kan baratu gutummatti barnoota irraa kan arii’atame.
- Barataa Abbabee kan jedhamuu barataa Cotton Engineering waggaa 2ffaa kan baratu guutummaatti barnoota irraa kan arii’ame.
- Barataa Annissoo barataa Cotton Engineering waggaa 2ffaa kan baratu gutummatti barnoota irraa kan arii’ame.
- Barataa Dirribaa Hayilee barataa Economics waggaa 3ffa kan baratu gutummaatti barnoota irraa kan arii’atame
- Barataa Guutuu Indaaluu barataa ispoorti Saayinsii waggaa 2ffaa kan baratu waggaa 2f adabame jira.
- Barataa Gootummaa Galaashee Mechanical Engineering waggaa 2ffaa kan baratu waggaa 2ffaa adabame
- Barataa Kaasahuun Maammuyyee barataa mechanical Engineering waggaa 3ffaa kan baratuu waggaa 2f adabamee jira. Barataan kun asiin fuldura illee waggaa tokko barnoota irraa adabamee bara kana kan itti deebi’e.
- Barataa Magarsaa barataa management waggaa 2ffaa kan baratuu waggaa 2f kan adabame.
Kanneenkeessatti argamaan Ilmaan Oromoo nagaan barattootni hedduun arii’ama jiraachuun ibsame jira. Guutummaa lakkofsa barattoota arhiamanii jidduu kana Qeerroon kan beeksisu yeroo ta’u ,Barattoota Oromoo 45 irratti immoo beeksisaa baasuun maqaa qorannoo jedhuun dararaa jiraachuun ibsame jira.
Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist