Waxabajjii 23,2014, Yuuniversitii Finfinneetti barattootni Oromoo filatnoo kijibaa Wayyaanee dura dhaabbachuun mootummaan EPRDF gabroomfataa dha kan jedhuu fi barruulee adda addaa mooraa keessa tamsaasuun diddaa sirnchaaf qaban muldhisaa jiru.
Hakkan edaa Waxabajjii 23,2015 waraqaa diddaa kan tamsaasan yoo tahu waraanni Wayyaanee diddaa kanna dhamsuuf ganama obboroo naannoo Yuuniversitii Finfinnee qubachuun barattoota doorsisuun Qeerroon gabaase, akkasuma Yuuniversitii Bulee Horaatti diddaan guyyoota lamaan kana jabeeffamuun sagaleen Qeerroo uummataan dhagayame,Oromiyaan ni bilisoomti. Mootummaan gabroonfataan nurraa haaka’u, sirni mootummaa wayyaane nun bitin , uummanni keenya Mootummaa wayyaanrr hin jenne ABO waammataa jira, Bilisummaan Keenya dhiyoo jirti kan jedhu barruuwwan hedduu tamsaasan kanuman wayyaaneen rifatte waraana akka amala ishee mooraa Yuuniversitii keessa qabachiisuun FDG duradhaabbachuun Qeerroon gabaase. Yuuniversiti biroo keessatti akkasuma godnaalee fi magaalota keessatti diddaa qabate jiru sirna mootummaa Wayyaane hundeen kan buqqisu tahuu hubatee wayyaanen waraana isaa halkanii guyyaa olii fi gadi tamsaastee jirti. Oromiyaan hanga bilisoomtutti FDG itti fufa jechuunis barattooti bakka maraa dhadachaa jiraachuun beekama.