Oromoota Matakkal 15 Tahan Irreecha Kabajjan Sababaa Jedhuun Manni Murtii Aanaa Dibaax Hidhaa Waggaa 2 fi Baatii 5 Irratti Murteesse.

Waxabajjii 23,2015

Because I am OromoUummati Oromoo addunyaarratti kan ittiin beekamu seera, toobaa,toobbana,Gadaa fi irreessa walumaagalatti aadaa boonsaa sabummaasaarra darbee ardii keenya Afirkaa kan boonsuu danda’u dha.

Bu’uuruma heera uumaa ganamaa ganamtee kanaan kan bulan Oromoonni Matakkal gaalessaa irreessa arfaasaa si’a darbee irreessataniin mootummaa naannoo Gomuziin yakkamanii mana murtii aanaa Dibaaxiitti erga deddeebi’aa turaniin booda Caamsaa 23,2015 manni murtii aanaa Dibaaxii walii galaan namoota kudha shan irratti murtii seeraa alaa irratti dabarse. Gochaan kun loogii  mootummaan Gumuz TPLFn hoogganamu qoodinsaa fi loogii sanyummaatiin kanaan dura Afaan Oromoo naannichaa balleessuu fi Gumuzoomsuu,shinaashessuu geggeessaa kan ture ammammoo aadaa Oromoo balleessuu irratti hojmanee sabboontotiin Oromoota kun murtii garaagaraatiin mana hidhaa Gilgalbalas godina Matakkalitti guuree jira.

Kanaafis cunqursaa Oromoota naannoo kanaatiif uummata Oromoo bal’aaf deeggarsa siyaasaa jabeessinee gaafanna Namoota hidhaman 1 Abdiisaa Dhugumaa waggaa lamaa fi ji’a jaha qarshii kuma jaha wajjin 2 Kuusaa Toleeraa waggaa lamaa fi ji’a jaha qarshii kuma jaha wajjin 3 Goobanaa Baqqalaa waggaa lamaafii baatii jaha qarshii kuma jaha wajjin 4 Dabaloo Hiikaa waggaavlamaaf baati jahaa fi qarshii kumajaha wajjin 5 Ayyaanaa Gaashuu dabalatee jaarsolii biyyaa kudha lama qarshii kuma jaha nagaan adabuun ol iyyannoo akka hinfudhannes dhorkatamaniiru

2 thoughts on “Oromoota Matakkal 15 Tahan Irreecha Kabajjan Sababaa Jedhuun Manni Murtii Aanaa Dibaax Hidhaa Waggaa 2 fi Baatii 5 Irratti Murteesse.

  1. Pingback: Oromo | Oromia: Gadaa.com-FinfinneTribune QEERROO: Oromoota Matakkal 15 Talan Irreecha Kabajjan Sababaa Jedhuun Manni Murtii Aanaa Dibaax Hidhaa Waggaa 2 fi Baatii 5 Irratti Murteesse |

  2. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s