Uummatni Gambeellaa Investerootaa fi Daldaltoota Mootummaa Wayyaanee Dura Dhaabbaachuun Waraana Wayyaanee Waliin Walitti Bu’an.

Aside

Fulbaana 15,2014 Gabaasa Qeerroo Gambeela

diddaa9Mootummaan Wayyaanee Impaayera Itoophiyaa keessatti wal qixxummaa uummataa tikseen jiraachaa jira jedhee kan lallabu akkasumas  ayyaana sabaa fi sablammii kabajnee jiraachaa jirra kan jedhan yeroo garaa garaa keessatti haala olaanaadhaan fashalaa jira.

Abbaan irree Wayyaanee sirna bulchinsa biyyattii dimokiraasumaa fakkeessee bulchuu barbaadus fashalaa tahee mul’chaa kan jiru yoo tahu mirga uummataa kabajeen jiraachaa kan jira jedhu ammo walitti bu’insa sabaa fi sablammootaa kakaasuun bittaa umrii isaa dheeeffachuuf hojjechaa turuu fi ammas itti jiraachuun isaa beekamaa dha.

Haala kanaan kan wal qabate naannoo Gambeellaa aanaa Godarree jedhamee waamamu keesatti mootummaan wayyaanee qabiyyee lafaa Uummata Maazyangir jala deemtota ishee fi alagootaaf kennuun maqaa investimentiidhaaf dhimma bahuuf kan hojjechaa ture tahus uummatni kun qabeenyi kan keenya, investerootni nurraa haa ka’an, daldalootni gatii olaanaadhaan meeshaa nurratti gurguran nuuf haa gaafataman jechuudhaan diddaa kaasanii jiran. Diddaan kunis haalaan jabaachuudhaan waraanni ittisa biyyaa uummata kanatti bobbaafamuun namoota 30 ol ajjeesuun 50 ol kanneen tahan kan madeessan yoo tahu yeroo ammaa kanatti uummatni 1700 ol tahu qe’ee irraa buqqa’ee jira. Waraanni mootummaa Wayyaanee fi mootummaan Wayyaanees dhiphina hamaa keessa seenee jira.

Sababaa “Walgahii Tarsiimoo” Jedhuun Mootummaan Wayyeenee Barsiitota Oromoo Dirqiin Adaamaatti Walitti Qabe Sirnicha Mormuun FDG Kaasan.

Aside

DIDDAAGabaasaa: Fulbaana 13,2014 Mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisuu dhabuun maqaa Walga’ii tarsiimoo jedhu butatee fiiguun barsiisota Oromoo Koolleejjii barsiisota Oromiyaa irraa barsiisaan dirqamaan Adaamaatti walitti qabee jiru irratti mormii guddaan isa mudate.

Mootummaan Wayyaanee kufaatii irraa waan of hambisuu itti fakkaachuun uumata afaan faajjeessuuf jecha mirga uummataa sarbee olola kijibaa ofee of jiraachisuuf fiigaa jira. Yeroo ammaa kanas maqaa walga’ii barsiisota kolleejjii jedhuun barsiisota Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa,Mattuu,Neqemtee,Shaambuu,Roobee, fi Asallaa irraa Magaalaa Adaamatti walitti qabuun ololaa afaan fajjeessaa FDG dura dhaabbachuuf qopheeffatee fi dirqamaan siyaasaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee fudhachiisuuf walitti qabee jiru irratti barsiisotni mormii guddaa kaasaa jiru. Barsiisotni Oromoo kolleejjii barsiisotaa garaagaraa irraa walitti qabaman kun gaaffii dhimmoota kanneen armaan gadiin walqabatu kaasaa jiru:

  1. Daballii midaa hojjetootan walqabatee olola Wayyaaneen oofaa jirtu irratti , daballiin mindaa kun olola siyaasaa qofaaf kan ta’ee jedhamee dubbatamedha malee fayidaa fi jijjirama tokko illee akka hojjetootaf hin qabne kaasuun qaala’insi jireenyaa nutti ulfaatee jiruuf ololli daballii mindaan walqabatee odeeffamaa ture furmaata fiduu akka hin daandeenye ibsan.
  2. Gaaffiin barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo kaasaa jiru gaaffii sirrii fi mirgaa waan ta’eef gaaffii keenyadha, deebii qubsaa argachuu kan qabu malee bukkeetti qabuun dhimma bira darbamu miti yaada dhiyeessan.
  3. Dhimmi master planii finfinnee mormii tokko malee master Plaaniichi haqamuu qaba, faayidaa Oromoon achii irra argatu hin jiru jechuun dhimmi kun akka ajendatti qabamu gaafatan.
  4. Barattootni Oromoo gaaffii karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafataniif. Ajjeechaan, hidhaan reebichii fi daraaraamni hammana ga’u maaliif barbaachisee ? dogoggora ulfaata mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo fi bakkoota garaagaraatti uummata Oromoo irratti rawwachaa jiruuf mootummaan itti gaafatamummaa fudhachuu qaba jechuun gaaffii kaachisan.
  5. Barattoota Oromoo hidhuu, ajjeesuu, barnoota irraa arii’uu fi reebuun dhaabbachuu qaba, kanneen hidhaman hiikamuu qabu, jechuun gaafatan,
  6. Uummatni Oromoo yoom iyyuu taanaan gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa dhaabuu hin danda’u, dhimmi kun immoo dhimmaa eenyummaa uummatichaa waliin walqabatudha, gaaffiin eenyummaa immoo kan uummata Oromoo hunda ilaaluu waan ta’eef gaaffii uummataa waliigalaa kanaaf deebiin kennamuu qaba, jechuun mormii sirna garboomsa wayyaaneef qaban ibsachuu itti fufani jiru. walga’iin FDG dura dhaabbachuuf wayyaneen qoppheesite ittummaa wayyaanee irratti gama hundaan FDG qabsiisaa jiraachuun hubatamaa jira.

Ergamtootni Mootummaa Wayyaanee gaaffii barsiisotaa kanatti aaruun ergamtootni ABO as keessaas, barattoota keessaas jirtuu, jechuuun gaafa isin bira geenyee hojii irraas ni arii’amtuu, mindaan keessan ni qabama, warreen diina taataan, jechuun barsiisota doorsisaa walga’ii afaan fajjee olola garbummaa obaasuu fi siyaasaa Wayyaanee dirqamaan akka deeggaraniif humnaan barsiisota teesisaa jiraachuun ibsame jira.

Hidhaa fi Ajjeechaan hammachuun Uummata Oromoo daran Mirga ofiin kabachiifachuutti Akka Seenu Isa Dirqe.

Aside

Gabaasaa: Fulbaana 13/2014 Mootummaan Wayyaanee maqaa walga’ii dhimmaa siyaasaa isaa fi tarsiimoo abbaa irrummaa wayyaanee lellisuu qopheesse ammas FDG dargaggoota barattoota Oromoon qabatee dhaabbachuu dide dura dhaabbachuuf Barasiisota Oromoo Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa walitti qabuun olola afaan faajjii oofuu itti fufuun barsiisotni barsiisotni Oromoos diddaan dura dhaabbaachaa jiru.
Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO ololaa afaan faajjii butatee fiiga ture; akkuma maqaa walga’ii jedhuun torbanoota darban keessa barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota Olaanoo irraa barachaa jiran walitti qabuun yaalii humnaan dirqisiisanii amansiisuu fi siyaasaa abbaa irree wayyaanee fudhachiisuuf godhamee FDG gootota barattoota Oromootiin fashalaa’ee, ammas abdii kutachuu dadhabuudhaan akka guutummaa Oromiyaa fi biyyattiitti haaluma walfakkaataan maqaa walga’ii barsiisota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina jedhuun qopheessee dirqamaan guyyaa 15f barsiisotni walga’ii dirqamaa kana akka taa’aan godhee jira. Goototni barsiisotni Oromoo gaaffii barattoottni dargaggootni Oromoo gaafachaa jiran dhimma biyyaati waan ta’eef erga dhimma biyyaa irratti haa maarii’annu jettanii waa’ee miniliikii, H/Sillasee ,Dargii fi Wayyaanee Odeessuu irraa dhimma Issue gaaffii mirgaa fi dimookiraasii barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo gaafachaa jiruu fi dhimma Master pilaanii Finfinnee irratti marii godhamee deebiin sirriin uummataa keenyaaf kennamuu qaba jechuun gaaffiin ergamtoota wayyaanee olola kana butatanii fiigaa jiran irratti kaasuun wayyaanee muddanii qabaa jiru. Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee walga’ii kana irratti jeequmsa ka’uuf beekkadhaa, miindaan keessaan isin duraa qabama, namni walga’ii kana seeraan hin fudhannee hojii iraas ni arii’ama jechuun barsiisotatti dheekkamuun teesisuuf yaalii haa gootu malee, waan wayyaaneen sodaachaa jirtuu haafuufii hin dandenye. Barsiisotni Oromoos gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo jabeessuun walga’ii wayyaanee kana irratti kaasuu eegalan, gabaasaan kun itti fufa…

Du’aan boqochuu sabboontuu fi qabsooftuu Oromoo Addee Faaxumaa Galmoo  ilaalchisee ibsa ABO irraa bahe.

Aside

ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
ABO

Fulbaana,13, 2014

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi eenyummaa Oromoo biyyoota alaa keessatti beeysisuuf  qabsoo geggeeffamaa ture keessatti kan Jibuutiitti adeemsifame adda durummaan kaafama.

Qabsoo eenyummaa Oromoo beeksisuuf adeemsifame kana keessattis maqaan sabboontuu fi  qabsooftuu Oromoo Aadde Faaxumaa Galmoo sadarkaa duraatti waamama. Adda Faaxumaa  Galmoo qabsoo Oromoo alagaa biratti akka beekamuuf qabsaa’uun cinaatti ilmaan Oromoo  mootummoota gabroomfatoo dheetanii biyyaa bahan gargaaruu fi qubachiisuun gaachanaa fi  gaaddisa tahuufiin gargaaraa gochaa akka turte seenaa isii irraa dubbifama. Hundaan haadha  Oromoo jedhamtee kan beekamtu Aadde Faaxumaa Galmoo, bara jireenyaa ishii guutuu sabaa  fi biyya ishiitiif hadooddee, haara-galfii malee hojjechaa, arjummaa hambaa hin qabneen baqattoota Oromoo fi QBO gargaaraa seenaa boonsaa galmeessitee dabarteetti.

Gochaa Oromummaa isii kanaan kan Oromoo hunda biratti jaallatamtu Adde Faaxumaan Haadha Oromoo moggaafamtee ittiin waamamaa akka turte seenaa isii irraa dubbifama.  Hawaasa Oromoo biratti haadha Oromoo jedhamuun kan beekamtu Aadde Faaxumaan, abbaa
isii Obboo Aammad Muummad Galmoo fi Haadha isii Aadde Aminaa Alii irraa Bitootessa bara  1930tti Baha Oromiyaa magaalaa Dirreedhawaatti dhalatte.Ibsa_ABO_Boqochuu Sabboontuu fi Qabsooftuu F Galmoo