Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 6, 2014
Aside
Fulbaana 5,2014 Mootummaan Wayyaanee EPRDF barattoota Oromoo Godina Lixaa Shaggar Aanaa Calliyaa Geedoo irraa maqaa walga’ii jedhuun humna waraanatti fayyadamee torbee lamaaf Yuunibarsiitii Ambootti darara ture, bu’aa tokko malee FDG barattootatin waan xummurameef, guyyaa har’aa gara maatii isanitti deebisuuf utuu konkolaataa tokkootti barattoota humnaa ol fee’ee adeema jiruu karatti balaa konkolaataa qaqqabsiiseen barattootni Oromoo 7 ol balaaf saaxilamaniru.
Walga’ii Wayyaaneen dirqamaan teesisaa ture irratti kayyoon mootummaa wayyaanee maqaa walga’ichaaf waame waan fashalaa’eef karaatti balaa konkolaataa qaqabsiisuun battalatti barattootni Oromoo aanaa calliyaa namootni 7 ol balaa ulfaataa fi salphaaf saaxilamaniiru. Barattootni balaa kanaan balaan irraa ga’een madeeffamanii midhamanii jiran :
Yakkii dugugginsa sanyii barattoota Oromoo irratti mootummaan wayyaanee fudhachaa jiru seenaa keessatti kan dagatamu miti. Mootummaan abbaa irree EPRDF maqaa walga’ii jedhuun barattoota Oromoo nagaa qe’ee maatii isaanii irraa humna waraanaan dirqisiisee gara mooraa Yuunibarsiitii Oromiyaa garaagaraatti utuu geessuu fi deebisuu balaa konkolaataa qaqabsiisuun barattootni hedduun madeeffamanii kan qaama hir’adhatanii fi mada’aanii yaala ga’aa illee dhabuun rakkina guddaaf saaxilamaniru. Jalqabbii walga’ii mootummaa wayyaanee injifannoo FDG barattoota Oromootiin xummurame kana irrattis Mootummaan wayyaanee Oromiyaa bakkoota garaagaraatti balaa konkolaataa barattoota Oromoo humnaan fe’ee adeemu irraan ga’uun barattoota hedduu irraan midhaa ulfaata ga’uun yeroo ammaa gariin isaanii illee yaalaa ga’aa dhabuun rakkachaa jiraachuun ibsame jira. Akkuma asiin dura isiniif gabaafne ture, Godina Kibba Lixa shawaa Magaalaa Diilallaa irraa barattoota Oromoo humna konkolaatatti fe’ee utuu gara Yuunibarsiitii Jimmaatti geessuu balaa qaqqabsiiseen barattootni Oromoo 20 olitti lakka’aman qaama madaa’anii yeroof hospitalaa Walisootti ergamuu gabaafne turre, Godina Kaaba Shawaa irraa gara Adaamaatti humnaan dirqee konkolaataan fe’ee utuu adeemaa jiruu balaa fakkataa bakka Caancoo jedhamtutti qaqqabsiisuun barattootni Oromoo 6 olitti lakka’aman balaa kanaan qamaa madeeffamuun waldhansa illee kan hin argatne ta’uu fi Godina Lixa shawaa aanaa Gindabarat irraa barattoota Oromoo humna waraanaan dirqee fe’ee utuu adeemuu balaa konkolaataa fakkataa geesisuun barattootni Oromoo hedduun midhaaf saaxilamuu gabaasaa keenya yeroo sanaa keessatti tuqnee jirra.
Wayyaanee ERDF/TPLF/OPDO’n guyyaa saafaa itti yaaduun yakkaa dugugginsa sanyii uummata keenya irraatti raawwacha jirti, kan rasaasan reebdee, kan tootcherii garaagaraan ajjeesaa, kan jumlaan guurtee hidhaa , kaan barnoota irraa arii’achaa har’a geesse malee akka fedhii uummata keenyaatiin tole jennee bitamaa hin jirree ragaan uummata bal’a Oromoo irra darbee addunyaa biyyaa lafaa hubacha jira.
Goototni barattootni Oromoo maal balleessanii??? Gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo karaa nagaa fi dimookiraasii seeraan qindeeffachuun barreeffatanii karaa nagaa gaafatan, Oromiyaan kan uummata Oromooti jedha, Oromoon biyyaa abbaa isaa fi uummata isaa ofiin bulchuu qaba malee halagaan nu bulchuu hin qabuu jedhan, Finfinneen hadhura Oromiyaati fiyidaa guddaa uummata Oromoof kennuu qabdi bulchiinsi Finfinnee Oromiyaa jalatti deebi’uu qaba jedhan, Master Pilaaniin Finfinnee Oromoo ni miidha malee hin fayyaduu jedhan, Qabeenyaa uummata Oromoo saamuun dhaabbachuu qabaa gaaffii jedhuu fi wkkf waan gaafataniif yakki diinummaa kun irratta akka rawwatamu ta’aa jira.
Kanuma keessa Goototni dargaggootni Qeerroon Oromoo bifa gurmaa’ee fi karaa qindoominaa fi qaroomina qabuun FDG jabeessuun mootummaa humna waraanaan Oromiyaa bitaa jiruun nu hin bittuu, hin bitamnuu mirga keenyaaf duuna, gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, hidhaa hin sodaannuu, du’a hin sodaannuu jechuun harka qullaa waraana wayyaanee dura dhaabbachuun qabsoo finiinsuun walga’ii mootummaan shororkeessaa wayyaanee yakka gochaa jiruuf deebii sirrii nuuf hin kenineetti qabsoon FDG daran jabaatee itti fufa jechuun ibsa ejjennoo garaagaraa qopheeffachuun uummataaf bittinneessuun walga’ii wayyaanee irratti wareegama qaalii kanfaluun fudhatama dhabsiisuun xummuran.
SEENAA Y.G(2005)
Addunyaan keessa jiraannu kun, irra jireessa Seenaa Abbooti Biyyaa Saamanii kan kooti jechuun waan nu dursaniif malee, Itoophiyaanis taatu Addunyaan biraa akka nu duuba jiran ragaalee hedduu tarrisuu dandeenya. Har’a Gabrummaa jala waan jirruuf, haqa kana fudhachiisuun ni ulfaata ta’a. Gaafa jabaannee humna taanee garuu addunyaan waan har’a aguugdee irra teesse kana ifa baasuun waan hin hafne. Gadaa nuuti waraqaa fi Maanguddoota keenya irraa dhaga’uun ala hojiin hin mul’ifne ykn, Beektoonni keenyas baratanii ittiin eebbifamuu malee, hanga har’atti Gadaan akkamiin hojii irra akka ooluu danda’u qorannoo gaggeessanii dhalootaaf dhiheessuu dadhaban kun, Dimokiraasii Ameerikaa har’aaf ka’umsa ta’uu isaa , Gola-hambaa yk Muziyeemiin Ameerikaa keessaa adda addaa , waan Oromoo addatti Booranaa keessaa guurame hedduu akka qaban, warri carraa argatanii ijaan argan ni dubbatu.