Qellem Walaggaa , Aanaan Anfilloo Gandoonni Qonnaan Bultootaa Humna Waraana Wayyaaneen Marfamee Jiraachuu Gabaafame.

Aside

Fulbaana 21,2014 Dambi Doolloo

Oromian resistanceGabasa Qeerroo Qellem Dambi Doolloo irraa addeessuun har’a Fulbaana 21,2014 humni waraana Wayyaanee naannoo fi gandootni Aanaa Anfilloo hunduu humna waraana wayyaaneen kan marfamee ooleedha. Yeroodhaa yerootti kan gabasaa jirru torbeewwan kana mootummaan wayyaanee ajandaalee garagaraa fudhachuudhaan konfiraansiin gandoota aanaa Anfilloo keessa jiran keessatti kan gaggeeffamuuf ture,kunis miseensota dhaabaa aanaa Anfilloo hunda kan hirmaachisu ganda ganda irratti guyyoota 4f kan kaa’amee ture gandoota garagaraa hanga hr’aatt utuu hin milkaa’in hafeetu jira. Kanaan dura gandoota Shebel,Waabaa Eebbaa,Muggii,Eenechee fi kkf keessatti hin milkaa’in waan hafeef ammallee itti fufuudhaan guyaa kaleessaa Fulbaana 20,2014  kan gaggeffamuuf ture ganda Doollaa fi Kollii bakka jedhamtu keessatti miseensonni dhaabaa isaan abdatan konfiraansii isaanii hirmaachuu diduu irraan hafee jira, akka walii galaatti gabaasni Qeerroo ibsu walgayii ykn konfiraansiin mootummaa Wayyaanee dhimmoota gamaggama hojii darbanii, hojjetoota isaanii gaggeessuu, dhimma filannoo dhufuu fi ajandaalee adda addaa irratti dubbachuuf guyyoota 4f qopheessan hin milkaa’iin hafee jira kanneen gandoota adda addaa irraa kanaan dura gabaasuun keenya ni yaadatama.

Kun hunduu mootummaa Wayyaane hedduu mufachiisee jira, uummata oromoo jiraattoota aanaa Anfilloo irraa abdii dhabeera,miseensota dhaabaa jedhaman irraas abdii kutatee jira. Akka gabaasni Qeerroo har’a Fulbaana 21 addeessutti halkan edaa irraa kaasee ganda Kollii, Garjeedaa, Shebel, Waabaa Eebbaa fi Dalla Shoor jedhaman irraan humni waraana wayyaanee qubachiifamee jira.

Uummanni oromoo Anfilloo irra jiraatu WBO wajjin walii galee jira, hojjetaan mootummaa jedhamee waamamus ABOdha, kan jedhuun humna WBOtu jira kan jedhu qofa osoo hin taanee uummata Oromoo naannoo sanii waan shakkeef mootummaan Wayyaanee humna waraana isaa federaala irraa gara sanatti ergee daangaa daangaa bosonaa qabsiisaa jiraachuu gabaasni nu gahe addeessa.

Kana malees loltooti Wayyaanees ta’e bulchitooti aanaalee jiraattota Oromoo Anfilloo toohachu hin dandeenye, hojjetoonni mootummaa aanaa kana irra jiran siyaasa ABO barsiisu malee siyaasa mootummaan durfamani hin jirani, qoratamuu qabu jedhamee mootummaan wayyaanee murtooo keessa seenee jira,akkasuma poolisoota oromiyaa naannoo san jiran irraas shakkiin guutamee jira, toohannaa uummata oromoo naannoo sanaa fi hordoffii ykn sakatta’iinsa humna waraana WBOtiinis wal qabsiisee Fulbaana 19 irraa kaasee akka walii galaatti Wallagga Anfilloo qubachiisaa akka jiru gabaasni Qeerroo Dambi Dolloo irraa addeessa.

 

Gabaasa SBO:- Artiistiin Oromoo beekamtuu fi sabboontuun Meetii Jamamaa gaafii fi deebii Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) waliin taasifteen miidhaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirraan gahaa turee fi jiru jalaa baqachuun biyyaa abbaa ishii dhiiftee godaanuu ibsite.

Aside

SBOArt. Meetii Jamamaa gaaffii deebii Fulbaan 17 bara 2014 SBO waliin taasifteen dhiibbaa fi hiraarrii mootummaan wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirratti raawwachaa tureen gar malee kan miidhamaa fi hiraaraa turte ta’uu ishiitiin biyya abbaa ishee fi ummata Oromoo ogummaa ishiin ishee jaalatu dhiiftee akka baqachuuf dirqamte SBOf  ibsitee jirti. Art. Meetiin akka jettetti mootummaan wayyaanee dhiittaa mirgaa ummata Oromoorraan gahaa jiruun kan ka’e yeroo ammaa kana kan yeroo kamiyyuu caalaa ajjeechaan, hidhaa fi dararaan hammaatee jira.

Miidhaan saba Oromoorratti gahaa jiru jabaachaa deemuun wal qabatee artiistoota sabbontoota ta’anii fi kanneen rakkoo ummata isaanii ogummaa  qabaniin calaqqisiisan addatti  tika wayyaaneetiin irratti xiyyeeffatamuun hiraarfamu jechuun rakkoo artiistoota Oromoo garaaf hin bullu jedhanirra gahu ibsitee jirti.

Artiistoonni sabboontonni garaaf hin bullu jedhan akka hojii ogummaa isaaniin wal qabatu hojjetanii hin jiraannelleen dhiibbaa adda addaa irratti taasisuu fi danqaa uumuun, yeroo barbaachise ammoo hidhuu fi ajjeesuun hojii ijoo mootummaa wayyaanee waan ta’eef, artistiin Oromoo  jireenya akkasii keessa jira jechuun SBOf ibsitee jirti.

Art. Meetii Jamamaa anis akkan ogummaan qabuun ummata koo hin tajaajillee fi biyya koo keessatti hojjedhee hin jiraanne ati miseensa ABO ti jechuudhaan  humni tikaa fi qondaalonni wayyaanee/OPDO yoo guyyaa ayyaana keenyaa dhuftee nu biratti sirbite malee hin hojjettu jechuun walatajjii na dhorkachaa fi ukkaamsaa adda addaa narratti raawwachaa turan jetteetti. Itti dabaluudhaanis Art.Meetii Jamamaa  akka SBOtti himteetti heyyama baafadhee akkan  hin hojjenneefis mana qabsiisi, qarshii kuma dhibba shan argisiisi naan jechuun ta’e jedhanii waanan gochuu hin dandeenyeen jiruu fi jireenya na dhorkan jettee jirti.

Art.Meetii Jamamaa itti dabaluudhaan akka SBOtti himtetti abbaa warraa ishii  Obbo. Gammachiis Magarsaa humni tikaa wayyaanee miseensa ABO ti itti jechuudhaan waggoota 10nii oliif hidhee  akka dararaa adda addaa irraan gahaa ture  fi ishiiniis kophaa ishii daa’ima waliin akka dararamaa turte addeessite. Abbaan warraa ishii Obbo Gammachiis Magarsaa reebichaa fi dararaa irra gaheen miidhaan qaamaa guddaan kan irra gahe ta’uu ibsitee jirti.

Yakki mootummaan wayyaanee OPDO of jala oofuudhaan ummata Oromoorratti raawwacha jiru kana qophaa miti kan jette Art. Meetiin, ummata Oromoo naannawa Finfinnee qeeyee fi qabeenyarraa buqqisuudhaan lafa Oromoo gurgurachuuu fi Oromoo biyya dhablee gochuuf deemuunis kan mataa nama dhukkubsuu fi kan hundi keenyaa tokkummaadhaan irratti qabsaawuu qabnuu dha jettee jirti.

Guutuu gaaffii fi deebii Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO)n Art. sabboontuu, beekamtuu fi jaalatamtuu Meetii Jamamaa waliin taasise guutummaa isaa sagantaa SBO fuula duraa keessatti akka hordoftan kabajaan isin beeksisna.

Diqamaan Ummata Walitti Qabuun Sababa Konfiransii Jedhuun Wayyaanee Guyyoota 4f Wallagga Anfilloo Irratti Gaggeessuuf Yaale Gandoota 4 Keessatti Feshelaa’e

Aside

Fulbaana 20,2014 Gabaasa Qeerroo Dambi Dolloo

diddaa9Wallagga aanaa Anfillootti walga’ii Wayyaaneen guyyaa afuriif ganada afur, jechuun ganda Yattii, Shebel, Eenechee fi Suddii keessaa walitti qabde lakkoofsaan 400 ol ta’an irratti aragaman akka isaan yaadan osoo hin taane sabboontotaan fashale. Walga’iin kaabinoota aanaa Anfilloo lakkoofsaan 182 ta’an adeemsa hojii isaanii fi siyaasaa madaaluun ulaagaa isaanii kan hin guutne jechuun Oromoota dhalootaan naannoo sana ta’an arii’ee dhaloota naannoo biraatiin bakka buusuun karoorfatee akka ture oduun naannoo sanaa nu ga’e ni addeessa. Karoora qondaalota isaanii hojii fi siyaasa isaan barbaadanitti dadhaboo ta’an ariihuuf koroorfatanii akka jiran gabaasuun keenya ni yaadatama.

Walga’iin qorannoo qondaalota isaanii irratti Fulbaana 19, 2014 gandoota aanaa sanaa 28 keessatti hojii irra akka oolu saganteeffame qorannoo gandoota afur keessatti guyyuma sana eegaleen fashaluun hubatameera.

Bakkoota konfereensiin kun itti gaggeeffamu odeeffannoo fi waraqaaleen isaanii dursee Qeerroo waan dhaqqabeef sagantaan shiraa ilmaan Oromoo hojii irraa ari’uu fi kanneen dhaloota naannoo sanaa hin ta’iniin bakka buusuu jedhu kun naannoolee walga’uun kun gaggeeffamuu itti karoofame kanatti maxxansuun shirri isaan lafa keeyyatan akka fashalu taasifameera. Oromoota waajjiraalee adda addaa keessa jiran kanneen saba isaaniif hojjetan irratti xiyyeeffatamuun hojii irraa ariiyuun sagantaa isaaii isa jalqabaati. Ajandaan lammaffaan olola dhimma filatnoo yeroo ta’u qabxiin biraa ajendaa dhimma mormitootaa ta’uun isaa bira ga’ameera.

Konfereensii kana irratti wayyaaneen sabboontota uummata isaaniif dhaabbatan calalee rukutuuf kan karoofame waan ta’eef walga’iin kun milkaa’uu hin qabu, Oromoon Oromoof haa dhaabbatu, Wayyaaneen nu hin bulchu, uummata gowwomsuun haa dhaabbatu, kkf kan jedhu waraqaan Qeerroon bittimfamee ture. Haa ta’u male hidhattooni gandaa yeruma sana funaananii dhuksaniyyuu konfeereensiin isaanii gandoota arfanitti eegale ,ormiin jabaachuun diigamee gara qe’ee isaaniitti deebi’aniiru. Haaluma kanaan qondaalonni isaanii godina irraa dhufan caalaattuu mufachuun qaama oliitti bilbilanii “miseensonni keenya nuuf ajajamuu hin dandeenye, tohachuufis humna keenyaa ol ta’eera, jechuu fi walii isaanii gidduuttuu wal dhaggeeffachuun akka hin turre gabaasti Qeerroo Anfilloo irraa ni addeessa.

Iittuma fufuudhaan ganama isaa fincila uummanni mootummaa Wayyaanee waliin adeemsisu keessattuu walgayii irratti argamuu diduu, hojii misoomaa jedhamee ajajamu uummanni seeraan irratti hirmaachuu diduu, milishoota gandaa irratti tarkaanfii reebichaa raawwachuu fi adabuun, waraqaaleen mootummaa wayyaanee fi qondaalota isaanii mufaasisu barreeffamee maxxanfuu fi daandii adeemsa isaanii irratti mukeen jijjigsuu, caalmatti walgahii isaanii uummanni hirmaachuu dhiisuun mootummaa waan rifaasisaa jiru ta’uu keessaahuu Qellem naannoo gandoota Sayyoo keessatti tokkummaadhaan adeemsifaa waan jiruuf, uummannis yaada yeroo baayee kennu irraa waanni hubatamu, nuti mootummaa hin qabnu, hanga mootummaa haqaa fi mirga uummataa eegee bulchu argamu ijaan arginutti mataama keenyaan of bulchina, milishaan nun barbaachisu, poolisiin nu keessaa hin bahu, mootummaa nu saamu hin feenu jechuudhan dubbatan.

Mootummaan wayyaanee yeroo kana dhagahu aaruu fi mufachuu irraan qote bultoota irratti xiyyeeffachuu fi toohannaa gochuuf poolisooni oromiyaa kaabinoota godinaa waliin wal tahuun qorannoo fi uummata shororkeessuutti argamu. Gandoota aanaa Sayyoo hunda keessa hanga Anfillootti duulli qorannaa godhamaa fi humni waraanaas ergamaa akka jiru irra deddeebiidhaan gabaasni Qeerroo Qellem magaalaa Dambi Doolloo irraan addeessa.