Fulbaana 10,2014 Gabaasa Qeerroo Finfinnee – FDG gootota dargaggoota Oromoon qabsiifamee jabaachuun guuyyaa har’aa Magalaa Finfinnee keessatti sabaa fi sablammoota cunqurfamoo biyyatti irraa dirmannaa argachuun jabaachuun itti fufe.
Mootummaan Wayyaanee FDG’n muddama keessa seenuun maqaa walga’ii jedhuun hojjeettoota guyyaa kanneen dhaagaa koobiliistoonii buusuun rakkatanii jiratanii fi hojjeetoota mootummaa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Finfinnee Niigaas Siilkii Laaftoo M/B Caamsaa 20 jedhamuutti uummata kuma 12,000 olitti lakkaa’aaman waliitti qabuun olola afaan faajjeessaa ugaggeessuuftti gaggeessuun too na deeggartanii fi miseensaa koo taatan malee jiraachuu him dandeessaan jechuun uummata shororkeessaa Kan jirtu irratti Uummaatni waldammaqsuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii qabsiisuun mootummaa wayyaanee irratti FDG qabsiisaan hanga. gaaffiin mirgaa gaaffachaa jirru deebii quubsaa argatutti FDG itti fufa jechuun sagalee guddaan dhaadannoo mirgii keenya nuufhaa kabajamuu , Walga’iin wayyaanee nuu hin ilaallatu,humnan dirqamnee walga’ii wayyaanee hin teenyuu jechuun wayyaanee irratti fincilan.
Hiriira mormii guddaa guyyaa har’aa kutaa magaalaa Finfinneettigaggeeffama jiri jana keessatti harki guddaan FDG uummata Oromoo hojii guyyaa koobiliistoonii hojechuun of jiraachisaa jiran ta’uu madden keenya Sochii kana keessatti argama nuuf ibsan. uummatni FDG kana keessatti argaman gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi gaaffii waa’ee master planii Finfinnee fi uummatni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa fayyidaa addaa argachuu qaba jechuun gaafatan.
Hogganootni wayyaanee akkuma amala isaanii walga’ii kana gaggeessa jiran miseensota ABOtu as keessaa jira jechuun ilmaan Oromoo doorsisuuf yaalaniis fincilli jabatee itti fufe. mootummaan Wayyaanee maqaa durgoo ga’aa argattu jechuun uummata waliitti qabee itti ololaa jiruu durgoo tokko illee dhorkachuun uummatni hojii guyyaan of jiraachisu beelaaf saaxilamee jiraachuu maddee keenya nuuf ibsan.
Walumaagalatti fincilichii sabaa fi sablamoota heedduu Kan hirmachisee yoo ta’uu mootummaan wayyaanee haalaan sodaa guddaa keessa galuun humna waranaa fi pooliisii federalaa uummatatti gadhisuun hidhaa, reebichii fi doorsiifni itti fufee jira gara galgalaa kana uummatni akka humnaan bittinneeffame madden keenya nuuf gabaasaa jiru. sagaalee diddaa uummataa kallattiin waraabbamee fi kanneen FDG kana keessatti argaman waliin gaaffii fi deebii gaggeessine caqasa.