Hidhaa fi Ajjeechaan hammachuun Uummata Oromoo daran Mirga ofiin kabachiifachuutti Akka Seenu Isa Dirqe.

Gabaasaa: Fulbaana 13/2014 Mootummaan Wayyaanee maqaa walga’ii dhimmaa siyaasaa isaa fi tarsiimoo abbaa irrummaa wayyaanee lellisuu qopheesse ammas FDG dargaggoota barattoota Oromoon qabatee dhaabbachuu dide dura dhaabbachuuf Barasiisota Oromoo Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa walitti qabuun olola afaan faajjii oofuu itti fufuun barsiisotni barsiisotni Oromoos diddaan dura dhaabbaachaa jiru.
Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO ololaa afaan faajjii butatee fiiga ture; akkuma maqaa walga’ii jedhuun torbanoota darban keessa barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota Olaanoo irraa barachaa jiran walitti qabuun yaalii humnaan dirqisiisanii amansiisuu fi siyaasaa abbaa irree wayyaanee fudhachiisuuf godhamee FDG gootota barattoota Oromootiin fashalaa’ee, ammas abdii kutachuu dadhabuudhaan akka guutummaa Oromiyaa fi biyyattiitti haaluma walfakkaataan maqaa walga’ii barsiisota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina jedhuun qopheessee dirqamaan guyyaa 15f barsiisotni walga’ii dirqamaa kana akka taa’aan godhee jira. Goototni barsiisotni Oromoo gaaffii barattoottni dargaggootni Oromoo gaafachaa jiran dhimma biyyaati waan ta’eef erga dhimma biyyaa irratti haa maarii’annu jettanii waa’ee miniliikii, H/Sillasee ,Dargii fi Wayyaanee Odeessuu irraa dhimma Issue gaaffii mirgaa fi dimookiraasii barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo gaafachaa jiruu fi dhimma Master pilaanii Finfinnee irratti marii godhamee deebiin sirriin uummataa keenyaaf kennamuu qaba jechuun gaaffiin ergamtoota wayyaanee olola kana butatanii fiigaa jiran irratti kaasuun wayyaanee muddanii qabaa jiru. Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee walga’ii kana irratti jeequmsa ka’uuf beekkadhaa, miindaan keessaan isin duraa qabama, namni walga’ii kana seeraan hin fudhannee hojii iraas ni arii’ama jechuun barsiisotatti dheekkamuun teesisuuf yaalii haa gootu malee, waan wayyaaneen sodaachaa jirtuu haafuufii hin dandenye. Barsiisotni Oromoos gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo jabeessuun walga’ii wayyaanee kana irratti kaasuu eegalan, gabaasaan kun itti fufa…

2 thoughts on “Hidhaa fi Ajjeechaan hammachuun Uummata Oromoo daran Mirga ofiin kabachiifachuutti Akka Seenu Isa Dirqe.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Hidhaa fi Ajjeechaan Hammachuun Uummata Oromoo Daran Mirga ofiin Kabachiifachuutti Akka Seenu Isa Dirqe |

  2. Pingback: Hidhaa fi Ajjeechaan hammachuun Uummata Oromoo daran Mirga ofiin kabachiifachuutti Akka Seenu Isa Dirqe. | Waraana Ciimaa Bilisummaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s