Walgahiin Dirqanii Amansiisuu Xumurame. Yuuniversitii Haromyyaa Keessattis Diiddaan Barattootaa Itti Fufe‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversiti Haromayyaa irraa Fulbana 3,2014

diddaa9Walgayiin barattootaa guyyoota 15f oromiyaa Yuuniversitiilee garagaraa 9nuu qondalota wayyaanee koreewwan giddu galeessaa OPDO caasaa isaanii of jalatti qabataniin gageessaa jiraachuu fi yuuniversitiilee irratti barattootni gaaffiwwan mirgaa adda addaa kaasuudhaan hnga har’aa Fulbaana 3tti kan adeemsifame tahuu isaa gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Akka karoora walgayii kanaatti guyyaan itti xumuramu Fulbaana 6kan ture mootumaan wayyaanee sodaa barattoota irraa qabuun har’uma ka’ee walgayiin kun akka xumuramu taasifame. Har’a Fulbaana 3 xumuranii gara biyya isaanii bakka dhufanitti haa deebi’an jedhamuudhaan qarshii isaanii guyyaatti kennamaa ture walitti qabaa qarshii 420barattootaaf kennamee guyyaa boruu gara qe’ee dhufaniitti akka deebi’an labsiin labsame, akkuma beekamu gaaffileen mirgaa hedduun gaafatamaa tureera, gaaffin sun utuu hin deebi’in murtoon gara biyya galuu murteeffame, Aka gabaasni Qeerroo yuunniversitii Haromayaa irraa ibsutti FDG guyyaa har’a Fulbaana 3 mooraa sanatti qabate dhimma gaaffiwwan gaafatamaa tureef deebiin sirna qabeessaa dhabamuu isaati,maatii keenyatti kan gallu mootummaan gaaffii qulqulluu rakkoo uummata keenya furuuf dhiyaate irratti deebiin sirna kennamuu qaba,nuti saba keenya bakka buunee,ilmaan oromoo oromiyaa keessa jiru bakka buunetu jirra,har’a gaaffii keenyatti qoosaa fi irra dibaadhaan cina darbuun borus uummata oromoo rakkina keessa buusudhan kanjedhuun fincila kaasani jiraachuu gabaasni Qeerroo kan addeessuudha,kanumaan wal qabsiisee mootummaan wayyaanee battaluma sochiin barattootaa mooraa kanatti dhalateen humni waraanaa bakka bahe hin beekamne gara sanatti bobbaasee jiraachuu, mooraan yuuniversitii Haromayyaa waraana Wayyaaneen kan marfamte tahu ishee gabaasni Qeerroo addeessa.Akkasuma dhimma durgoo kennuu irrattis barattootni yuuniversitii Wallaggaa,Amboo fi Adaamaa akkasuma Jimmaa durgoon nuuf kenname kuni barumsaaf darbee nun tajaajilu jechuudhaan gaaffii kaasanii akka jiran,walgayiin kun har’a kan xumurame tahus barataan ammallee mooraa yuuniversitii keessaa kan hin baane tahuu isaa gabaasni Qeerroo addeessa.Gabaasa jiru kan guyyaa boruun walitti deebina!

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Sadarkaa 2ffaa Baratan Himata FDG Walqabsiisuun Aanaa Midaa Qanyii Funaanuun Hidhe.

Aside

BilisummaaGabaasa,Fulbaana 2,2014 Mootummaan fashistii EPRDF Wayyaneen aanaa Midaa Qanyiitti dargaggoota Oromoo sobaan yakkee hidhaa waan jiruuf haalli kun immoo uummata haalaan dheekkamsiisee ijoolleen keenya nuuf hiikamuu qabu jechuun uummatni FDG walga’ii Wayyaaneen sadarka gandoota baadiyyaa keessatti gaggeesitu irratti finciluun hanga ijjoolleen keenya hiikamtutti isin waliin hin dubbannu jechuun mormii jabeesse jira.
Haaluma kanaan Mootummaan Fashistii wayyaanee badii tokko malee ilmaan Oromoo kannee maqaan isaanii :
1. Barataa Tarreessaa Qajeelaa barataa kutaa 12ffaa m/b Ballammii sadarkaa 2ffaafi qophaa’ina.
2. Barataa Dheeressaa Tarfaa barataa kutaa 9ffaa m/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina.
3. Barataa Dirribii Mashoo barataa kutaa 9ffaa m/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina
4. Barataa Bilisummaa Kumsaa barataa kutaa 9ffaa M/b Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina

5. Barataa Getachoo Idoosaa barataa kutaa 12ffaa M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina, barataan kun asiin fuldura bara 2011 hanga bara 2013tti mana hidhaa wayyaanee qaalitti keessatti kan dararama ture.

6. Barataa Taarikuu Deebisaa barataa kutaa 10ffaa M/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina , barataan kunis akkuma isa 1ffaa waggaasadiif (2011-2013)tti mana hidhaa qaallitii keessatti barattoota dararama turan.

7. Barataa Balaay Kuusaa barataa kutaa 12ffaa M/B Ballammii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina.

8. Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa M/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa

Kanneen jedhaman Fulbaana 1,2014 wajjiraa poolisii aanaa Midaa Qanyii magaalaa Baallammitti hidhamanii daraarama jiru.

Ergamtootni Wayyaanee barattoota kana irratti himannaa sobaa irratti qindeessuun FDG mootummaa keenya
irratti gaggeessitan jechuun himannaa dharaa irratti dhiheessanii jiru. Kanneen naannoo kanatti himannaa dharaa barattoota irratti dhiheessan keessaa :-
1. Sicaalaa Dheeressaa itti gaafatamaa waajjira nageenya aanaa Midaa Qanyii
2. Ballaxee Kumaa itti gaafatamaa waajjira daandii kanneen jedhaman
keessatti argamu.

Barattoota Dirqiin Amanisuu Imaamata Godhatee Walgahii Mootummaan Wayyaanee Qopheesse Bu’aa Tokko Malee Mormiin Xumurame.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasaa Fulbaana 1,2014 Walga’iin  mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDFn dhaabbilee barnoota irratti qopheesse bu’aa tokko malee xumurame.Batattooti Oromoo guyyaa walgahiin dirqiin fudhachiisuuf Wayyaaneen qophaaye kana osoo hin fudhatiin mormii fi gaaffiilee mirgaa jajjabduu ta’een osoo wal falmamuu bu’aa fi faayidaa tokko malee Wayyaaneen walgahicha xumurtee jirti. Barattooti Oromoo walgahii humnaan fudhachiifaman kaan tole jedhanii osoo hin fudhatiin Yuuniversitiilee garii keessatti FDG kaasuun kaan keessatti ammo mooraa ala bahuu dhorkamanii humnana waraanaaan eegamaa turanii jiru. Haalli kun itti hammaatee kan ture sirni Wayyaanee barattoota Oromoo osoo hin amansiifatiin gaaffiin hundee siyaasaa itti ka’uun bakka san irraa deemaa jiru.

Goototni barattootni Oromoo Yuuniverstiiwwaan kanneen akka Amboo, Wallaggaa, Shambuu, Jimmaa, Gimbii, Mattuu, Adaamaa Harammaayyaa, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu fi dirree Dawwaa irratti walitti qabuun barattoota doorsisuu fi nyaataan illee akka hagabsaa ture ni beekama.

Xumura barnoota Wayyaaneen kennitu kana irratti barattoota waliin walii galuu waan dadhabaniif  barattooti mooraa ala baanaan FDG mootummaa irratti ni ka’a sababaa jedhuun magaalaan Amboo ,Naqemtee fi Jimmaa waraana Agaaziin marfamtee jirti.

Gaafa Hagayya 31,Barattooti Oromoo Gaaffiilee Wal Fakkaataa Yuuniversitoota Mara Keessatti Kaasanii Hogganoota Wayyaanee Deebii Dhabsiisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 2,2014 Finfinnee

diddaa9Akkuma armaan dura gabaasaa turretti yeroodhaa yerootti walgayiin barattootaa yuuniversitiilee garagaraa irratti gaggeeffanaa jiruun gaaffiwwan adda addaa biqiluudhaan dhiyaataa jira, gaaffiin yuuniversitiilee Amboo,Wallaggaa,Bulee Horaa,Adaamaa, Jimmaa fi Mattuu irratti Hagayya 31/2014 walgayii irratti gaggeeffamaa ture qondaalota wayyaanee walgayii kana gaggeessaa jiran Abba Duula Gammadaa,Abdulqadir Huseen,Bakar Shaalee,Alamaayyoo Taganuu,Geetuu Wayyeessaa,Mohaammad Tusaa wal duraa duubaan irratti dhiyaata jiru deebii kan hin arganne gaaffiwwan akkaataa armaan gadiitiin dhiyaatee jira.

  1. Biyyattiin haaromsa irra jirti(transformation) yeroo jedhamu maal jechuudha? Maalinis madaalamee?
  2. Biyyattiin sochiin waggoota 40 fi 50moota keessatti gootu mootummaadhuma Wayyaaneetiinii? Moo mormitoota biraatiini? Wayyaaneen yoo itti fufe misoomnis itti fufa jechuudhaa?
  3. Hidhaan laga Abbayaa maaliif daangaa irratti ta’ee?
  4. Barattootii fi uumanni Oromoo gaaffii mirgaa yoo gaafate yakka tokko malee maaliif hidhamaa?
  5. ABOn akka dhaaba uumata Oroomoof falmu tokkotti dhaaba haqaa jedhamee maaliif hin ilaalamnee?
  6. Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo hidhuu fi ajjeessuu fi lafa irraa buqisuun malee waan Oromoof gaarummaa hojjete maalfaatu jiraa?
  7. Qooddaan barnootaa maaliif jiraate? Keesssattuu socialiin %70,Naturalin ammo %30 maalif ta’ee?
  8. Mootummaan Wayyaanee waggaa 23 keessatti jijjiirama maalii uummata Oromoof fidee?
  9. Barattoota gaaffii mirgaa dhiyeessuu irratti lubbuudhaan wareegamanif maalif yaadannoon hin godhamuu?
  10. Barattoota Yuuniversitii irraa eebbifamani fi kanneen eebbifamuuf deemaniif maaltu yaadamaa jiraa?
  11. Keeyyanti 39 walitti bu’iinsa fi lubbuun baayenillee hedduu itti wareegamee jira kanaaf maaliif hin kaafamu yoo ka’u baate ammoo maaliif hin faayya’uu gaaffii dhugaa irratti hundaa’ee?
  12. Humni waraana biyyaa nagaa buusuuf jecha gara biyya alaatti maaliif ergama?kunis akkamiin ilaalamaa?
  13. Manni maxxansaa haqa irratti hundaa’e mootummaan wayyaanee cufee namoota kana hojjetanis biyyaa ariyee jira,dhiibbaa mootummaan wayyaanee irratti godhe yoo tahe qaamni mormitootaa ammoo maaliif isaan irratti dhiibbaa hin godhuu?
  14. Walgayiin yeroo ammaa gaggeeffama jiru waa’ee barattootaa qofamoo, waa’ee biyyaatimoo, waa’ee oromoo qofa irratti hundaa’eetii? Moo waa’ee sabaa fi sab-lammii hunda irratti xiyyeeffataa?
  15. Mootummaan wayyaanee dhiphina guddaa fi kisaaraa(gadibu’iinsa) keessa erga darbee booda waan ta’etti irra deebiidhaan maaliif tarkaanfii fudhataa? Rakkoo dhufu keessatti maalif dursee of qopheessee haala mudatu keessatti of qopheessuu dhiise?
  16. Aangowonni olaanaa fooyya’oodha, yeroo ammaa mootummichi gandoota ijaarratee jirutu irratti wal qindeessee isa kuffisuu irratti argamu, mee bulchinsa godhu keessatti ilaalcha akkamii gandoota gurma’anii of ijaaranii jiran irratti qaba?
  17. Yuniversitiilee keessatti yaadaa dhiphaa fi fakkaattiidhaan kan deddebi’antu argamu,isaan kana adda baafachuudhaan akkamiin gorsaan, of tahuu irratti akka argama gochu dandeenya? Oromoo ta’anii saba biraa fakkaachuun kan jiraatan?
  18. Yuuniversitii keessatti seerri ittiin bulmaataa amantii irraa adda ta’ee utuu jiruu, bulchitoonnis kana utuu beekanii malaammaltummaa kan akka huccuu isaan kaaniif kennuun,isaan kaaniif ammo gargaaraa kennuun,haata’u malee yuuniversitii fi dhaabbilee barnootaa kamiin keessattiyyuu ilaalchi siyaasaa akkamiin gargar ta’ee?
  19. Barattootni kanaan dura rakkoo garagaraaf hidhaman maaliif hin hiikamanii? Murtoo akamiitu itti kennamee?

Gaaffiwwan kun deebii kan hin arganneedha jedhu kanneen walgayii kana irratti hirmaataa jiran,kun Hagayya gaafa 31kan ta’e yoo tahu fulbaana 2 irrattis gaaffiwwan ka’an kanatti aansinee kan dhiyeessinuudha.