Raadiyoo Simbiruu Fulbaana 06,2012

Aside

Gaaffii fi Deebii Jiraataa Ona Sulultaa, Ganda Akaakoo Manab bichuu Waliin ta’e

Aside

Diddaan Ummataa Itti Fufe

Aside

Fulbaana 06,2012 Anifilloo

Duuti muummicha ministeeraa Mallasaa kanneen kaabinoota isaa taan yaaddoo fi raafama keessa galchee jiraachuu isaa qeerroon Qellem gabaasa,ummanni naannoo Qeellam humnaan booyicha Mallasaaf bahuu diddan jechuun dabballoota Wayyaaneen hiraarfamaa jiraatu illee amma yeroo kanaatti diddaa isaa jabeessee itti fufee jira. Karaa biraa hara akka gabaasaan Qellem,Ona Anfilloo Ganda Yattii irraa addeessaa jiruun kaleessa Oromiyaa daangaa dhumaa kan tae ganda Yaanqii bakka jedhamu yeroo dheeraa buufata ABO kan ture,bakki kun ganda Yattii irraa Km 5 kan tauudha. Akka gabaasaan addeessutti waraanni Wayyaanee daandii sanaan ABOn karaa Sudaanii galuu mala kan jedhuun shakkii guddaa keessa seenee humna waraanaa guddaa kan kanaan duraa irratti dabalee naannoo san akka qubachiisee jiru gabaasi addeessa.

Karaa biraa namoota hojiif naannoo sana dhufanii jiran isin dabballoota ABOdha sababa jedhuun namoota hedduu qabanii akka kaampii keessatti hidhamanii dararamaa jiran beekama. gama kaaniinis namni sadii poolisii Wayyaaneetiin qabamanii gara magaalaa Anfilloo,Muggiitti geeffamanii gocha tokko malee guyyaa sadiif reebanii qaama isaanii torched gochuudhaan gara qeee isaanitti deebisanii akka jiran Qeerroon ganda Yattii gabaasee jira. Namoonni kunis hojii dhuunfaaf bakka Qaaqee fi Canqaa jedhamu irraa gara san kan deeman ta’uun beekama.

Sochii Biyyaa Irratti Yaada Ummata Magaalaa Amboo

Aside

Godina Shawaa Lixaa Anaa Gincii Irraa Qeerroon Maal Jedhu,

Aside

Haala Boqochuu Muumicha Minsteera Ethiopia Mallas Zeenaa Irrattii ummanni Godina Ilu Abbaa Booraa Anaa Coraa waan jedhan qabu.

Aside

Haala Boqochuu Muumicha Minsteera Ethiopia Mallas Zeenaa Irrattii ummanni Godina Ilu Abbaa Booraa Anaa Coraa waan jedhan qabu.

SBO Fulbaana 5 Bara 2012

Aside

Haala Mallasaa Irratti Ummanni Godinoota Adda Addaa Irraa Maal Jedhaa

Aside

Ummata godinoota adda addaa irraa haala diqiin (humnaan) boochisuu hammeenya Mallasaa irratti waan jedhu gama fuula duraa jala jalaan qerroon ni dhiheessa.

Ambo Keessatti Manneen Daldalaa fi Waldaaleen Daldalaa Oromootaa Adda Addaa Cufaman.Sababi kun ta’eefis …

Aside

Fulbaana 05,2012 Gabaasaa Godina Shawaa lixaa Amboo irraa:

Godinaa Shawaa Lixaa Magaalaa Amboo keessaattii sirnii Wayyaanee daldaltoonnii daldalanii jiraachuu akka hin dandeenyee gochuun Ummataa irraattii Suuqii fi manneen daldala isaanii cufuun hehama daldalaa irraa fuudhe. Suuqiiwwaan Amboo gantoota 02, 03.01 kessaattii waldaa dhanis ta’ee dhunfaan daldalaa jiraan irraa jireessii isaa yeroo ammaa kanaa cufamee jiraachuun gabaafame. Haalaa kanaan yeroo ufiif iyyuu jireenyii qaala’ee jiruu kanattii daldaltotaa irraattii hojii idilee isaanii daldalaa isaanii fi qaabeenyaa isaanii illee utuu keessaa hin baasatiin irraattii cufuun jiraatotaa kanaa jireenyaa isaanii sadarkaa hamaa irraa buusee kan jiruu ta’uun ibsame.
Namoonnii kun Asiin Fulduraa hojii dhabdotaa fi rakkatoota ta’uun isaanii beekamadha, rakkinaa isaanii irraa ka’uun irraa jireessii isaanii dhunfaan daldaluu waan hin dandeenyeef jedha waldaalee garagaraa jalattii waal gurmeessuun qarshii abbootii qabeenyaa irraa liqeeffaachuun rakkatanii daldalachaa utuu jiraanii, mootummaan abbaa irree EPRDF gaddaa Maallaas akka garaa keenyaattii nu waliin gadduu didan isaa jedhuun Uummataa haaloo qabachuun rakkinaa irraattii rakkinaa cimaa biroof isaan saaxilaa jira.
Haala kanaan magaalaa Amboo keessatti daldaltoota waldaan gumaayanii daldalan fi dhuunfaa ta’an gadda Mallasaa bahuu diddan sababa jedhuun kanneen daldalli isaanii irratti cufame fi hogganoota waldichaa akka armaa gadiiti.

Maaqaa Waldaa Daldalaa fi   Maqaa Hoggaanaa Waldichaa
1.Waldaa Burqituu           Obbo Ittisaa Kabbadaa
2.Faayaa                           Addee Beetii Eebbisaa
3.Taatii                              Addee roomaan Taamiruu
4.Fiireen shiippii              Obbo Xaasoo Waagataa
5.Abaaboo                        Obbo Nuguusee Marii
6,Naatolii                          Obbo Damissee Disaasaa
7.Siif Jiraa                         Obboo Dibaabaa Ararsaa
8.Daraartuu                     Adde Tigistii Dambalii
9. Soorummaaa               Obbo Injiguu Nabarii
10.Situu Beekaa              Addee shawaalem Damisee
11.Yaadii Saarkaaleem     Akililuu
Waldaawwaan kun yeroo ammaa kanaa badii tokkoo malee Cufaamanii jiruu, Daldaltoonnii waldichaa qabeenyaa isaanii illee akka suuqiiwwaan garaagaraa kana keessaa hin baafannee dhorkamanii rakkachaa jiru, Waajjiraa daldalaa fi Industirii godinaa Lixaa Shawaattiis Hagayyaa 30/2012 iyyannoo isaanii irraatti nutii jireenyii nuttii qaala’ee utuu jiruu kaka’umsaa dhuunfaa keenyaan karaa seeraa qabeessaa ta’een wal gurmeesinee utuu jiruuf jireenyaa keenyaaf jennee daldalachaa utuu jirruu sababaa tokko illee utuu nuu hin ibsiin suqiin daldalaa keenyaa Qabeenyaa keenyaa waliin cuqqaalamee cufamee jiraa, heeyyaamnii daldalaa keenyaas nurraa kaafamee jiraa jechuun garaa Wajjiraa Dhimma Nageenyaa Godinaa Shawaa Lixaa fi Wajjiraa OPDO Godina Shawaa Lixaatiif jechuun iyyaannoo dhiyeeffataan illee hanga guyyaa har’attii deebii tokkoo illee utuu hin argatiin dararamaa jiraachuun gabafame. Haallii kun Ummataa Oromoo jiraattootaa magaalaa Amboo fi Ummataa baadiyyaa fayyadaamaa suuqiwwaan cufamanii daraan arsee Ummataa diddaa cimaaf kakaasaa kan jiruu ta’uun gabafamera,

Harargee lixaa Baddeessaa keessatti waraanni fi gaazexeessitootni Wayyaanee diddaa uummataan qaana’an.

Aside

Fulbaana 05,2012

Godina Harargee lixaa baddeessaa keessatti waraanni mootummaa wayyaanee uummata gaddaaf yaasuuf bobbae uummataan qaanae.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kana uummata biyyattii siyaasa mataa isaa gaggeeffachuuf wayita deemutti waraana hedduumminaan bobbaasuun uffata gaddaa uffachuun dirqiin akka gaddan gochaa jira.Uummatni oromoo naannoo kanaas Mallasaaf hedduu gaddina,Mallasaan abbaa keenya,Abbaa Misoomaati jedhaa jedhanii wayita dirqisiisanitti uummatni rakkoon keenya rakkoo mallasaan duuu osoo hin tahiin rakkoo bilisummaa dhabuuti jechuun gaazexeessitoota dirqamaan naannoo kanatti bobbaan qaanessanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota oromoo naannoo isintu uummata barsiisa jechuun hidhaa fi qorachaa jiran.Dargaggootni oromoo

1. Gammadaa Abdulqaadir

2. Ifaa Mohaammed daldalaa jimaa

3. Barsiisaa Biraanuu Fayyeeraa

Jedhaman mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiru.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kanatti sakattainsa hedduummessuun maqaa WBO gale jedhuun uummata hiraarsuu fi dargaggootni lama ol taanii dhaabbachuu akka hin dandeenye dhorkaa jiru.Qeerroon Oromiyaa mara irraas waraqaalee dhaadannoo maxxansuun mootummaa wayyaanee dhiphisaa jira.