Hanga Jijjiirraan Hundee Dhufutti Qabsoon Ummata Oromoo fiUmmatoota Cunqurfamoo Harka Walqabatee Finiinuun Dirqama Taha

Duá mataa Wayyaanee Mallas Zeenaawiitti fufee bakka fudhannaan barcuma muummicha ministeeraa eegamaa ture osoma lafa irra harkifamuu amma raggaafameera. Kunis ‘dabarsii aangoo karaa nagaan raawátame’ jedhamee guddoo yoo irraa ololamu dhagahama. Ololli dagachiisaan kun gonkumaa fudhatama kan qabuu miti. ‘Dabarsii aangoo karaa nagaan raawátame’ jedhamuun kan danda’amu osoo Mallas Zeenaawii otuma lubbuun jiruu namni gara biraan filmaata haqaa ummataatiin moohee barcuma aangoo isaa yoo dhaalee ture. Eega Mallas duée booda ammoo jaalatamus jibbamus barcuma isaatti namni biraan dabruun dirqamuma ture malee arjoominaa fi gara laafinaWayyaanotaatiin kan raawátame miti.

Kanayyuu tahee ammoo jijjiirraan amma irraa ololamaa jiru ulaagaa jijjiirraa sirna mootummaa kan guutu akka hin taane eenyuyyuu ni hubata. Jijjiirraan imaammata sirnichaa osoo hin taane maqaa namaa qofa jijjiiruu irratti xiyyeeffate kun kan ummatoonni cunqurfamoon, keessattuu ummatni Oromoo abdii irra kaayyatanii miti. Imaammatni fi caasaan cunqursaa Mallas Zeenaawiitiin wixinamee dabballootaWayyaaneetiin hojii irra oolaa bahe harás bakkuma isaa jira. Namni HaylamaariyaamDassaalany jedhamu kan maqaaf bakka Mallas Zeenaawii bué akka nama tokkootti muláta mataa isaa homaatuu akka hin qabne sirna muudama isaa shiraan guutamee irratti haasawa dhageessise keessatti himateera. Barcuma Mallas kan dhaaleefis, deemsa bulchiinsa abbaa irrummaa fi

faashistummaa gooftaa sirnichaa Mallas Zeenaawii akkuma jirutti itti fufsiisuu irraa kan hafe dirqamaa fi gaafatama biroo akka hin qabne hubachiise. Akka nama tokkoottimuláta mataa isaa yoo qabaates mulánni isaa sun kan warra TPLF irraa adda yoo tahehojii irra ooluus hin dandaú.

Jijjiirraa Hundeetu furmaata.pdf
Info Desk- Amharic.pdf

2 thoughts on “Hanga Jijjiirraan Hundee Dhufutti Qabsoon Ummata Oromoo fiUmmatoota Cunqurfamoo Harka Walqabatee Finiinuun Dirqama Taha

  1. Dhaadannon kan ta’uu qabu hanga jijjiirama hundee fidnutti mala hanga jijjiiramni dhufutti ta’uu hin qabu. Du’i Malllasaa jijjiirama maqaa ofiin dhufe tokkodha, waan qabsoon keenya kallattiin fidde miti. Kanaaf, osoo wan ifiif hujjachuu irratti, ifiif haarsaa kaffaluu irratti ifitti amantaan sirna sanas ta’e hojii xaxaa Habashaa kamuu ifii keenyaan fiduu akka dandeenyuu fi dirqama dhalootaa qabnu jala murtanii ejjennoo baastanii daynsa! Jijjirama ifii isaatiin ykn qaama biraan dhufu osoo hin taane kan nu’iin dhuft ta’uu qabdi.

  2. MOOTUMMAA HALAGAA KEESSATTI DHALNNEE KEESSATI GUDDANNNE.
    furmaatni bilisummaa keenyaa dhaaba dhibba dhaabuu yookiin diinaaf karaa banuu irraa karaan haqaaf dhugaan mooraa DHAABA ABO CIMSUUN QABSOO KEENYA ITTI FUFUUU MALA KAN BIRAA FALA TOKKO HIN JIRU.
    WAAN HUNDAA ARGINEERA OROMOON UTUU FI EEGEEN BOODA DHUFTI JEDHA.
    WARRA QABSOO BILISUMMAA OROMOOF ITTI XICHAN CINAA DHAABACHUUN MOOTUMMAA BURKUTA’E KANA HUNDEEN BUQQISUUF OBBO MALLAS DU’E JEDHANII ABDII HIN TAANE MOOTUMMAA OBBO DASALENYI EEGUU IRRA QABSOO KEENYA abo/wbo wajjin gara fuulduratti haa sochoofnu.
    ibsi kun haqa dhugaadha ni deeggara.
    nagaatti
    g3

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s