Luucca’uun fakkeessitoota ammaa waanuma eegamaa turedha!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Finfinnee Oromiyaa

Caamsaa 4,2018

Barruu kana keessatti abbaan qabsoo jabinnisaa maali? Gaararroonniif shinfilloonni amala akkamii agarsiisaa turan? Gaararummaan siyyaasaa gosa meeqatu jira? Shinfillummsa siyyaasaaf gaararrummaa siyyaasaa maaliin adda ta’u, maalinimmoo wal fakkaatu? Fedhiin gaararroota kunneenii maali? Uummata Oromoof akeeka akkamii qabu? Kan jedhu budduksee isin obaasuun fedha. Habbuqqadhaa dhugaan affeerraakooti!

Qabsoon Oromoo eessatti jabaatee, eessattimmoo laafe? Kan jedhu kaasuun dursinee waa’ee gaararrootaa haa ilaallu.

Gaararraa jechuun maal jechuudha? Gaararraa jechuun bineensa haalluu gosa hundumaa qabudha. Gaararraan kun bineensa mukarra jiraatu ta’ee, kan waan isatti dhaqu fakkaatudha. Loon adiin bira geenyaan addaatee, kormi gurraachi itti dhufu kan gurraachu gaararraa jedhama.

Siyyaasaa keessatti gaararrummaa siyyaasaa kan jennu, namoota siyyaasaa faallaaf siyyaasaa uummataas fakkaatanidha. Jarreen kun bu’aa bubuutuu halaagaa akka saree kajeeluu, amala sarummaa manadara diinaaf mandara firaarra soronga’uu warra qabanidha. Qabsoo keenya keessatti uummata karaarraa maqsuuf adeemsi gaararroonni siyyaasaa adeeman hedduu ture.

 

Yaa ta’u malee keecha qeerroo bilisummaa Oromoo baruu waan hindandeenyeef Qeerroon ammoo uummatasaa keecha waan jiruuf balleechuu hindandeenye. Qabsoo uummataa daddaaqsisuuf balleessuuf jechoota falmii uuman uummataa gidduutti facaasuun uummanni kutaaf amantaan akka wal dhabu taasisaniiru. Qabsoo ABO’n dhigaaf lafee itti dhabee uummatasaa faana itti wareegamaa fidee asiin gahe gara dhabamsiisuu irratti xiyyeeffannoon hojjetani. Qabsaa’oota haala siyyaasaatti reef madaqaa jiran hedduun isaanii akka gara dhaban taasisaniiru.

 

Miidhaa jabaa qabsoo keenyatti fiduu baatanis hanga tokko uummataa muraasa addaan dhiibuuf yaalii taasisaniin waldhabdeef walshakkii Qeerroo Bilisummaa Oromoo gidduutti naquu danda’aaniruu. Gartuun qabsoo Oromoo maallaqaan gaggeessuu (uummataa ofii miindaa kaffalchiifatee qabsoorran jira) jedhu kun, qabsoo lubbuu ofii wareeganii qabsaa’anii of wareeganii biyya abbaa ofii kabachiifatanii jiraachiisan gara daldalaatti jijjiruu yaaluun, qabsoon akka waan miindaan malee hingaggeeffamnee fakkeessuurratti shoora guddaa taphate.

 

Gartuun tibba bulluqu bulluqee, yoo qorraa qorru ykn gaararroonni siyyaasaa kunneen ilmaan Oromoo kitilayyoo dararaan wayyaanee jiruuf jireenya itti hadheesse miira hamaa keessa galchuun akka waan Waraana Leenjifatee qabuu, waraannisaa dargaggoof uummataa cina yeroo hiriiraa dhaabbatuutti miidiyaa qabatee hololuun ilmaan Oromoo karaa dabaan qabaoorratti akka malee wareegama seenaan hindaganne akka kafallu nu taasise.

 

Hedduu Qeerroo du’aaf kaadhmnee gariin keenya, qaama hir’uu ta’uun, dhibbootaan kan lakkaa’amu dhiiticha waraana wayyaaneen kaleen miidhamee fincaan qabachuu kan dadhabee jirullee hedduu ture.  Gartuun uummata Kenya akka arge sodaa tokko malee qe’eerraa buqqaaaaa, ajjeesaa, nu reebee nu hidhaa jiru Wayyaaneen, waraanan yakka dabaa uumata irratti raawwattee akka jirtu utuu beekani, gaararroonni Siyyaasaa gumaa baafachuu Waraana Wayyaanee ajjeesuun yakka akka ta’etti lallaban.

 

Keessa darbanii tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fudhate, miidiyaasaaniin gabaasuu dhiisuurrayyuu “Agaazii 50 ajjeesuurra Bottee 50 dhaabutu qabsoo Kenya galmaan gaha!” Jechuun waraana uummataaf beelaa’aa dheebotaa jiru xiqqeessuuf kabajaa dhrkatuurratti bobbaa’an.

 

Gaararroonni siyyaasaa kunneen yakkoota hangana hinjedhamne qabsoo keenya keessatti akka dhalanii horanii jiran uummata Oromoof Qeerroo Bilisummaa Oromoo biraa dhokataa miti. Qeerroo Bilisummaa Oromoo Oromummaa dhugaan jaarmiyaa  ijaarame, jaarmiyaa walqooqqooddaa amantaan uummata gidduutti gide kanneen akka qalma walii hinyaannu jechuun Kiristaanaaf Musiliima jedhee uummanni keenya waldhabaa turelle balleessuuf Mooraa Yuunibarsiitii irraa hanga hawwaasa Oromoo guutummaa bira gahanitti hojjetaniin tokkummaa saba bal’aa ijaaranii qabsoo warraaqsaa jabaaf, abidda qabsoo boba’ee hanga Bilisummaatti hindhaamin itti fufee jiru, qabsoo Diddaa garbummaa Eebla 11,2014 Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti banbanse.

 

Gartuun gaararroota Siyyaasaa kunneen qabsoo hammaataaf hadhaahaa bara 2014 fi 2015 gaggeeffame bishaanitti naquuf qabsoo akka waan bara isaan FB banatan dhoofamwetti fakkeessuuf bara 2015 Gincitti eegale jechuun dhugaa ajjeesuun morma qabanii bool’atti darbatanii soba isaanii akka bifa isaanii bobokoku uummatatti gad baafatani.

 

Qabsoon Adda Bilisummaa Oromoo gaggeessaa yoona gahe akka uummata biratti fudhatama hinqabne fakkwessuuf illee holola hadhahaa fi dhangaggaa’aa asiidii jibbaan makanii daddarbataa turan. “Hattuun ganama waliin kofaltee galgala hirmaatarratti wallolti!” Jedha Oromoon.

 

Gaararroonni Siyyaasaa qabsoo uummataa kana balleessuuf carraaqaa turan gosoota gurguddaa lama qabu.

 

  1. Gaararroora Incinnooftura (Insiyyaasaa , Gaararroota (Biflakkisoo) Bifa isaanii kan lakkisanii, ammas ammas irra dedeeebin bifa lakkisaa hafan.

 

  1. Gaararroora Incinnooftura (Incinnii)

 

Gosoota gaararroota siyyaasa keessaa tokko ta’anii kanneen bifaaf amala isaanii takkaa jijjiirratan sanaan hafanidha. Kana jechuun dura ABO turan ta’anii, ABO irraa OPDO ta’anii OPDO dhuma ta’anii hojjetan jechuudha. Gaararroonni kunneen amala isaanii takkaa dhuma lakkisanii kan itti hindeebinedha. Amala isaani kanaan incinnooftuu ykn kan waan qaban gad hindhiifne jechuudha. Gaararraa siyyaasaa kana kan ta’an miidhaan isaan uummatarraan gahan yeroo kamuu mul’ataadha. Kaayyoo isaanii kallattiin ibsatanii hojii isaanii hojjetu. Kanaaf hanga gaararraa siyyaasaa biflakkisoo uummata hinubani. Qabsoon uummataa jabinaan isaanirra jira. Isaaniis kallatiin waan uummatatti deemaniif adda bahanii uummatarraa beekamu. Isaan kunneen fakkeenya uffata Foorjidii ammaati. Uffata Foorjidii takkaa gaafa miiccitu haalluunsaa hedduu bareedu lakkisaa lakkisaa adeemee boodarra si jibbisiisee gatta.

 

  1. Gaararroota biflakkisoo.

 

Gosoota gaararraa keessaa tokko ta’anii kanneen har’a uummata keenya burjaajessaa oolanidha. Warreen garee siyyaasaa kana keessaa, yeroo dubbatan illee dubbisaaniif bakka dubbatanitti argamuu dadhabu. Waan har’a jedhan hnyaadatan utuu hintaane utuma waan kaleessa jedhan beekanii bu’aa bubuutuu karaa diinaaf ergamaa diinaa argadhinnaa laataaf qaama uummataaf dhaabatu, qaama qabsoo sabaaf iyyoome waan inni maallaqaan isa bitachuuf fedhiis maallaqaanis qabaoorratti nama ijaaruuf hindeemneef jecha gananii gara warra maallaqa qabaniitti luucca’u.

 

Isaan kun(gaararroonni siyyaasaa biflakkisoo) akka hidda muka Citaati. Akkasuma akka jirma Xaafiiti. Jirmi Xaafii Qilleensa waliin danbali’aa oola, daqiiqaaf sekoondiitti qoleesaa daddaaqsisaa oola. Jirmi citaas akkasuma. Isaan gaararroota siyyaasaa garee kana keessa jiran mootorri isaanii maallaqa.

 

Maallaqatu bakka fedhetti isaan geessa, maallaqaan gaggeeffamu jechuudha. Yeroo tokko “Tokkummaa sabaa” jecha jedhu of dura qabuun uummata afaan fajjeessaa turan. Gaafa jecha tokko dubbatan, ykn gaafa qabsaa’oonni ergamaa Wayyaanee OPDO qeeqan tokkummaa nu duraa diigaa jirtu jechuun fakkeessiin uummataaf qabsaa’ota nagaa walitti diru, wal irraa addaan baasuurratti hojjetan.

 

Tokkummaa jechuun maal jechuudhaa? Kana wal’aaltanii miti waanuma yeroonsaa itti na fideef ibsa xiqqaa itti laachuun barbaada. Tikkummaa jechuun siyyaasa keessatti, keessattuu uummata mirgasaa  sarbameef abbaa biyyummaasaa molqamee garba ta’ee biyyasaa keessa jiraatu biratti siyyaasa jechuun qaama qabsoo isaa deggaree abbaa biyyummaa isaa akkanni mirkaneeffatuuf duukaa falmu waliin walii galuudha. Akkasuma saboonni garbummaa halagaa jala jiran saba tokko ta’anii gosaan utuu wal hinqoodin walii galuun falmaa gaggeessuurratti murteeffatuuf, saboota qabsoo isa deggaru saba ollaa waliinis qabsoo taasisuun Tokkummaa jedhama.

 

Tokkummaan gaararroota siyyaasaa tibba darbe lallabaa turan, qaama uummata ajjeesaa tureef ajjeesisaa ture ammas ajjeesisaa jiru waaliin tokkummaa uumna kan jedhu ture. Uummanni Oromoo har’as kaleessaas tokkummaa qaba. Erga Shinigaatti tokkummaasaa haareffatee qabeemmoo ittuu tokkummaa addunyaa ajaa’insiisu horateera. Qaamota OPDO jalatti guddataniif Wayyaanee harkaa nyaataniin daddaaquu biras darbeera.

 

“Harki nyaate nama hinyaatu” jedha Oromoon. Kanneen Wayyaanee harkaa nyaatanii guddataniif ilmaan OPDO’n guddifate yeroo kamuu dhabama garboomfataa Wayyaanee hinfedhan hinbarbaadan. Ilmi abbaa ajjeesuuf deemus hinjiru kanaaf abbaa isaanii ganamaa Wayyaaneetti uffata haaraa bitanii boqochiisuun barnoota uummataaf saba tokko akkaataa itti bituu irraa barachuuf foolatu.

 

Duuchaatti Gaararrummaa Siyyaasaa haala olii kanaan ibsina. Namoonni takka, OPDO, takka ABO, Takka KFO, Takka ODF fakkaatan kun gartuu kana keessa jiru. Bu’aa qabsoo keessatti fidan hanga qabanirra miidhaa isaaniitu caala.

 

Shinfilluummaa siyyaasaa.

 

Gaararummaaf Shinfilluummaa Siyyaasaa maaliin adda ta’u? Kan jedhan barruu “Luucca’uun fakkeessitoota ammaa waanuma eegamaa turedha!” Kutaa 2ffaa isaan ilaalla. Waan isin nuffisiisuuf walitti deebina.

 

Horaa Bulaa

Injifannoon Uummata Oromoof

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Finfinnee Oromiyaa

Caamsaa 4,2018

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s