Dr Girmaa Amanteen dhalata naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal kan ta’an, akkuma lammiilee Oromoo naannichaa biroo barumsa isaanii sadarkaa lammaffaafi olaanaa xumuranii naannoo isaaniitti dhufuun hojii argachuuf yaalii godhanii ture. Caaseffama chaarteraa bara 1983 A.L.H irraa kaasee uummanni Oromoo naannichaa sababaa Oromummaa isaaniitiin qofa mirgoota namummaa heerri mootummaa kaa’ee caalaatti dhokamuu jalqabe. Dhalataan Oromoo barate Naannicharratti akka hojii hin arganne, Afaan isaatiin akka hin baranne, akka hin dubbannee fi dhiibbaadhuma kanarraan kan ka’e akka godaanu godhamaa ture. Yeroo kana egaa Dr Girmaan dhiibbaa ilmaan Oromoorratti ta’u kana baqachuun gara naannoo Oromiyaa Shawaa bahaa deemuun carraa Hojii argatani.
Sana booda Carraa guddina barnootaas argachuun caasaalee mootummaa olaanoo hedduu keessa hojjechuuf carraa argataniiru. Itti gaafatamummaa keessa hojjetaa turan keessaas: Itti gaafatamaa Interpraayizii misooma Bosona Oromiyaa, pirezidaantii Yuuniversiitii Haromaayaa, Miseensa caffee Oromiyaa, Ministira dhaabbilee misoomaa Itiyoophiyaa fi kanneen biroollee ni jiru.
Haa ta’uyyuu malee Dr Girmaan yeroo aangoo garaa garaa irra turanitti akkuma Aangawoota TPLF kan biro fi Caasaa Bututaa Dh.D.O. duraanii dhimma dhuunfaa isaaniif qofa kan yaadan, Qabeenyaa Oromoo halagaa wjjin ta’uun saamaa kan turan, diina waliin ta’uun Ilmaan Oromoo ajjeesaa fi Hiisisaa kan turan akkasumas quuqama xiqqoollee kan hin qabnedha.
FKNf :
· Yeroo itti Pirezidaantii Yuuniversii Haramaayaa turanitti Ilmaan Oromoo mirga uummata Oromoof falman, Caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo basaasuun diinatti dabarsee kennaa, ajjeesisaa fi Barumsa isaaniirraa ari’aa turaniiru;
· Yeroo itti mana maree bakka bu’ootaa turanis rakkoo fi hacuuccaa Uummata Oromoo naannoo itti dhalatan irra gahaa jiru dhiisanii, Dheebuu Aangoof qaban irraa kan ka’e Amanamummaa TPLFf qaban irraa kan ka’e akka isaa Wallaga bahaa, Aanaa Qeelloo bakka bu’uun filataman ajajamanii isaanis amanamummaan Uummata Oromoo ganuun TPLFf ergamaa turaniiru;
· Yeroo itti Itti gaafatamaa Interpiraayizii misooma Bosonaa ta’anii hojjetaa turanis Qabeenya Oromoo isa guddaa kan ta’e Bosona mancaasuun Abbootii qabeenyaa TPLF waliin ta’uun mancaasee garaacha dhuunfaa isaa guuttachaa tureera, Qabeenya uumamaa naannichaa garaa garaas mancaasuun faalama qilleensaaf saaxilee jira.
· Yeroo itti Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz Matakkal, Wambaraa, Asoosaa, Kamaashii fi kaan inni keessatti dhalate Mirgi isaa caalaatti sarbamee, Ajjeefamee, Hidhamee, Ari’atamee rakkoo kana keessaa bahuuf qabsaa’aa fi wawwaataa turetti Aangoo irra jiraatuyyuu Biyyaa fi Uummata isaatti Dugda kennee tureera;
· Yeroo itti Mootummaan TPLF Uummata Oromoo naannichaa Xinneessaa, Jibbaa, Tuffachaa fi Uummata naannichaa kaan waliin walitti buusaa turte dhiibbaa tokkollee hin goone; dirqama lammummaa isaaniis hin bane akkasumas Godinaalee Kamaashii naannoo garaa garaatti walitti Bu’insi Uummata Oromoo fi Saba naannichaa gidduutti godhamee dhumaatii ta’e keessaa harka qabu.
Walumaa galatti bara aangoo isaanii waggootii 27 keessatti Kora isaanii Dhoksaatti ijaaranii fi Caasaa Dulloomaa Dh.D.U.O duraanii Obbo Abbabaa Kabbadaa, Takkelaa Tolasaa, Mogos Nagaroo, Zabargaa Hirphaaa fi kanneen biro waliin ta’uun Garbummaa akka Hiree isaaniitti fudhachuun, uummata Oromoo naannichaatti dugda gatuunii, Warra Gaaffii bu’uuraa uummata Oromoo naannichaa gaafatan Basaasuun mana hidhaatti Guursisaa fi daba qaama TPLFn irratti raawwatamaa ture keessatti qooda fudhachaa turaniiru.
Kunoo egaa har’ammoo nama waan Uummatichaaf quuqame fakkaachuun gaafa qabsoon uummata Oromoo naannichaa dhohee ijaafi gurra biyyattii bira darbee Addunyaa hawwataa dhufetti rakkoo fi gaaffii qabdan isin mariisisuu fi furuu dhufne jechuun gara naannoo Beenishaangul Gumuz Matakkal, Wambaraa, Barbarii fi kanneen biro deemuun Uummata Kaayyoo qabu afaan faajjessuuf Munyyuqaa jiru.
Marii isaan amma godhan kanarraas akkuma bara 2014 wal gahii Asoosaatti Uummata Oromoo naannichaa jecha hin madaalleen madeessan, Har’as rakkoo keessan Mootummaa naannichaa wajjin walii galleetu hiikna, Mootummaa naannichaaf tole jechuu qabdu, Isaanumatu isin bulcha…..fi K.K.F jedhaa jiru. Kun immoo kaayyoo maalii akka qabatanii dhufan Daa’imniyyuu hubachuu ni dandeessi.
Dhugaa dubbachuuf Dr Amnteen Eenyummaafi dandeettii ittiin Uummata Oromoo naannichaa dura dhaabbatanii mariisisanis ta’e dubbatan hin qaban. Darbees gaaffiin Uummata Oromoo naannichaas kan isaaniin deebi’uu fi Furamus miti. Yoo gara fuul duraattii kaayyoo kana qabaatanis Uummata eenyyummaa isaan boonuu fi qabsaa’aa jiru kana gochaa irratti raawwachaa turaniif ifatti dhiifama gaafatanii, kora harcaatuu Dh.D.U.O duraanii waliin ta’anii uummata sobaa fi ganaa jiran kana saaxilanii, Qabsoo Uummata Oromoo naannichaa cinaa dhaabbachuuf ammayyuu carraa isa dhumaa qabu.
Gaaffiin Uummata Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumus tokkoo fi tokko:
ü Uummanni Oromoo naannichaa Mirga Heerri mootummaan biyyattii kaa’een Mirgi abbaa biyyummaa, Mirga Afaaniin Barachuu, Aadaa Ofii kabajuu, Mirga Hiree ofii ofiin murteeffachuufaa akkuma lammiilee biyyattii biro kabajamuufii qaba. Kun immoo kan ta’u Yoo refoormiin heera Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz qoratamee yoo jijjiirame ykn Haareffame Qofa;
ü Uummanni Oromoo naannichaa Oromummaa isaatiin qofa sobaan maqaa adda addaa itti maxxansuu yakkuun, Hidhuun, Ajjeesuunii fi Godaansuun hafuu qaba. Warreen yeroo ammaan kana sababaa filannoo MM waliin wal qabatee gammachuu ibsannaan yakkamanii mana hidhaa naannichaa garaa garaa keessa jiranii fi Sabboontonni Mana hidhaa Federaalaa keessatti sababa tokko malee hafanii jiran Haal duree tokko malee hatattamaan hiikamuu qabu fi
ü Harcaatuun Caaseffama Dulloomaa Dh.D.U.O naannichaa Duras Bu’aa buusaa hin turre Diigamuu fi Haareffamee dhaloota haaraan bakka bu’uu qaba.
ü Qaamni Rakkoo Uummata Oromoo naannichaaf Gitu, mariisisuu fi Furuu qabu Gantuu fi harcaatuu Dh.D.U.O duraanii utuu hin taane, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Muummicha Ministeeraa ta’uu mala.
Egaa Gaaffilee Bu’uuraa Uummanni Oromoo kaasaa jiru kuni humnaa fi Dandeettii Dr Amantee fi Hordoftootasaaniin (Duuka buutotasaaniin) kan deebi’u miti.
Qabsoon Itti Fufa!!!!!
Qeerroo Matakkal, Asoosaa, Wambaraa irraa
Eebila 30, 2018