Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Caamsaa 3, 2018
Hordoftoota agartuu Qeerroo torbanii, haala torban kana mata duree labooba Warraaqsaa jedhun isiniif qabannee dhiyaannerra. Hanga dhumaatti nu faana bu’aa dubbisaan dhaamsa keenya.
Biyyoota garbummaa jala turaniif jiran hedduun, gochaawwaan sanyii balleessuu yeroo gara yerootti garboonfataan irra gahaa tureera. Sanyi balleessuun addunyaa kanarraa saba tokko dhaba godhanii saba biraa (kan ofiisaanii) garboonfattoonni bakka buusuuf yeroo hedduu tattaaffii taasisu.
Biyyoota Afrikaa keessaa Ruuwandaa keessatti, uummata Huutuuf Tussii jedhaman gidduutti uummanni xiqqoon uummata lakkoofsaaf qabeenyaa uumamaan hedduu guddoo ta’an weeraruun yakka daguuggaa irratti raawwataniin uummata miskina kitalayyoo dhabama gochuun hedduusaani immoo godaansaaf saaxilaniiru.
Akkasuma Jarman keessatti yakka daguuggaa uummata Yuudiirra Hitilar geessiseen muskiinonni Yuudi hedduun dhabama ta’aniiru, akka hurraa(qoraaniitti) walitti qabamanii labooba abiddaan nyaatamanii, rakkoo hammaaraaf akka saaxilaman taasiseera. Yakka kana kan raawwatan Waraana Naazii kan ta’an bineensa gogaa namaa uffatu Hitilariin bobbaafamanii, da’imman Ulfa uummata Yuundii keessaa funaanii, nama fayyaa qalanii qorannoo fayyaa irratti taasisuuf akkaataa namni lama ta’ee dhalatu qorachuu irratti bobbaasan. Kanas isaanumti qalaman qalanii waliisaanii irratti qorannii akka godhaniif ogeessota fayyaa uummata Yuudii keessaa funaananii isaanumaan isaan qalanii, qorannaa irratti taasisan.
Akkasuma yakkoota gara jabeenyaa biyyoota addunyaa keessaa biyyoota hedduutti gaggeeffameera. Yakki daguuggaa sanyii kallattiif alkallattiin kan saba tokkorratti raawwatu yoo ta’u, kan olitti ilaalle martuu kan Kallattiin ilma namaarratti raawwatanidha.
Yakka daguuggaa sanyii alkallattiin uummata tokkorratti raawwatan, adeemsa siyyaasaa dhokataa qabatanii kan munyuuqanii uummata seenan, yoo ta’u; xiinsammuu (ideology) hawwaasaa erga booji’anii booda, of jibbisiisuun eenyummaasaa akka lakkisu taasisu. Yakkoonni alkallattiin sanyii daguugan kunnen maqaa Amantaa dahoo godhatanii kan babal’atan yoo ta’u addunyaarratti saboota hedduurraan gaaga’ama fidaniiru.
Faranjoonni biyyoota Afrikaa jaarraa hedduuf dhukaasa Qawweef meeshaa ammayyaan bitaa turan. Biyyoota Afrikaa waraanaaf afaan qawween bitanii saamicha jallataa kan irraan gahan biyyoonni awuuroophaa, uummata Afrikaa hedduusaa balleessuuf kaan harkaa ammoo aadaaf duudhaaf jiruuf jireenya isaa harkaa daakanii bitimaa buusaniiru.
Waan jiraaf kanneen dhala namaa rasaasaan dhahanii biyya abbaasaarratti ajjeesanii, kaansaa ammoo garba taasisuun akka meeshaatti daldalaa tutan biyyoonni Awurophaa, jaarra muraasaa asitti kallattii waraanaa jijjiirratanii uummata nagaa kana waraanuu jabeessanii jiru.
Har’a guutummaan Afrikaanotaa waraana awuroophaa jala jirti jechuu kan nudandeessisu adeemsa isaan amantaan dahoo godhatanii uummata harkaa eenyuumaa daakaniif eenyummaasaa saamaa jiran irraa hubachuu dandeenya. As keessatti waan nuti beekuu qabnu, amantaan eenyummaaf aadaa, afaankoo, maqaakoo ganamaa jibbu amantaa waaqni uumedha nama jechisiisuun nii ulfaata.
Amantaalee addunyaa kanarraa biliyoonaan wayiita lakkaahamuurra gahaa jiran kanatti, sabni amantaaf aadaasaa ganamaa qabatee dhaabbatuuf jaalala abbootasaa kaleessaa qoratee isaan walgaggeessu kamuu lafa galmasaa nii gaha. Adeemsa amantaa keessaa galuun kan wal diinomfannu taanan, shira halagaan wall lagachuu itti kan fufnu taanan, hidda walii balleessuf of baleessuurratti luuccaa’aa akka jirru tilmaamuu feesisa.
Bara 1980 moota ykn bara kufaatii dargii keessa, Tikoonni Isiraa’el biyya Xoophiyaa keessaa saba tokko buqqaafatanii saba isaanii taasifachuu meeqan keessantu beeka? Saboonni kunneen shira amantaan irraan gaheen, lallaba abaatiin amantaa dahoo godhatee gaafa kanatti amantee kaatee ati Isiraa’el taateetta jedhuun “nuti isiraa’eli” ofiin jedhan. Yeroo dheeraaf biyya abbaasaanii keessa jiraatanii shira alkallattiin eenyummaa isaanii gatanii gara saba Isiraa’ellitti dabalaman. Isiraa’el simannaa jabaadhaan uummatakooti jettees simatte. Jarreen sanarraa bu’aan uummanni Israa’el irraa argatan baayina isaanitu dabala, kun ammoo biyya ofii tiksuu isaaniiti. Biyya namaa diiganii biyya ofii ijaarrachuu amala ofittummaati.
Akkuma kana, uummanni Oromoos kallattiif alkallattiin sabummaasaa dhabee nuti Isilaama, Nuti Kiristaana, Nuti Saba Isiraa’eli ofiin jechuurra gahee ture. As keessatti namoota amantaa daheeffatanii kan ofii dammeessanii kan hormaa hadheessuu barbaadan muummee Seenaarraa isin mil’achiisuu barbaadeeni.
Har’as uummanni tokko tokko sabummaasaa Oromummaasaa yakkee “Ani Isiraa’eli,…” Ofiin jedhaniif golgaa amantaa Musiliimaa qabatee namoota socho’an sababeeffachuun maqaa isaallee kan Oromoo yoo ta’e Rabbi tokkichi akka isa hinbeeknetti kan fudhatu jiraachuu mala. Kun qulqullaa’uuneenyummasaa akka baruuf wareegamni Qeerroo Bilisummaa kaffale jabduu ture. Amantaa fedhe hordofus uummanni Oromoo Oromoo ta’ee, amantaa kamiin fudhatus uumaan isaa Oromoo dhumaan isa beeka. Waaqayyo (Rabbi) tokkichii afaan keef eenyummaa keen si beeka. Kana ta’uu hubachuun waraana alkallattiin kana ddamachuuf carraaqqiin hedduu barbaachisa.
Egaan qabiyyee barruu keenya har’aa (Labooba Warraaqsaa) keessatti yakka daguuggaa uummata Oromoo Godina Gujiirra gahaa jiru hammataa ta’uu walii eerra. Waarshaa albuuda MEDROC kan qabeenyummansaa Allaamuddin ta’e, keemikala sanyii fafeessun qilleensaaf bishaan bakkicha faale.
Kana sababeeffachuunsababeeffachuun labooba Warraaqsaa jabaan guutummaa Oromiyaa keessatti qabsiifamee belbeluutti jira. Haalli guutumma Oromiyaa torban kanaa dhaadannoo Qeerroo Bilisummaa fi uummata Oromoon dhuunfatameera. Gaafiin abbaa biyyummaa, gaaffiin qabeenyummaaf gaaffiin nageenya uummata Oromoo haala addaan jabaatee itti fufee hanga har’aatti gaafatamaa jira.
Qaamota waadaa kijibaan uummata gowwoomsuu yaalan waadaa isaanii sana uummata dagachiisaa adeemuu barbaadan irrattis sagaleen dhagaa’amaa jira. Galgallii wayyaanee qaaniif salphina ta’uu sagalee uummata guddaa Oromoo torban kanaa raageessuutti jira.
Fincilli Xumuta garbummaa hanga Bilisummaatti kan hibdhaabbanne ta’uu, irbuu jaallan wareegamaniin walii galame galmaan gahuuf yoomuu kan qabsaa’u ta’uu Qeerroon Bilisummaa dhaamsa walii dabarse.
Torban kun labooba Warraaqsaa kan jenneef kanumaafi. Torban dhuftuuf jimaata boriillee dabalatee gaaffiin mirgaaf gaaffiin abbaa biyyummaa itti fufee gaggeeffama.
Horaa Bulaa deebanaa!
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati
Finfinnee Oromiyaa
Caamsaa 3, 2018