Fulbaana 5,2016 Gabaasa Tumsa Qeerro Perth
Gurmuun Tumsa Qeerroo biyya Australia kutaa Perth ummata Oromoo magaalichaaf wa’e Qeerroo ifa godhan. Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth, yeroo jalqabaaf, guyyaa gaafa Amajjii 1, 2016 magala Perth keessati qindoomiinan dhabaate. Gurmuun kun kayyoo fi mul’at Qeerroo bilisumma Oromooti amanuunun tumsa gama hundaan gochuuf miseensota gara nama 27n hojiiti seenee jira.
Ummatichas faaruu Alaaba Oromoo faarfachuu, faaruu gootota farfachuu, walaloo nama kakasaniif agarsiisa garagara dhaan ummata oromoo magalicha keessa jiraan dadamqsuu irratti hojii hojachaa jira. Olola gara garattiin hawwasa Oromoo qulqulluu fi sabboonaa ta’e amantii fi nannoo dhaan gar-gar diiguuf warra carraqan dura dhabbachuun, ummaticha danddii dhugaa irratti tiksuuf muranoon hojjacha jiraachuun isa ifaadha.
Kana malees ilamaan Oromoo magalicha keessatti dhalatanii, afaan Oromoo hin beeknes ta’e kanneen hin qajaalfatne gurmuu Qeerrooti dabaluun Afaan Oromoo,seenaa fi aadaa Oromoo barsiisa, nii hordofa, enyumma ykn Oromuummaa isaanis akka baranii guddatan irratti ni hojjata. Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth, dargaggota ummatoota biro wajjiin illee wal-qunnamti ummani jiru. Fakenyaaf; yeroo gara gara Ogaden youth wajiin akkamiin walii wajiin qabsoo akka gaggeessan akkasums iddo tokkotti ummata waamuun akka tajaajilan mari’atanii. Gurmuu Tumsa Qeerroo Perth, yeroo dhihooti haa dhabbatu iyyuu male, hojii heddu hojate jira. Waltajiilee gara gara irratiis yeroo heduuf hirmaate, wa’e Qeerroo hawwasichaf hubanna gudda kena jira.











