Gabaasa Qeerroo Fulbaana 5,2016
Godina Arsii Aanaa Dodolaatti guyyaa har’aa jechuun 5/9/2016 Ergamtoonni OPDO kanneen aanaa kanarratti ergama diinaa galmaan gayuuf tattaafachaa turaniif tattaafachaa jiran gaafa Fulbaana 6, 2016 Abbaan Duulaa fi Warqinaa Gabayyoo waan dhufaniif gondoota aanichaa hundarraa nama 20 akka ergaman waan jedhamaniif durgoon qarshii dhibba shan 500 isiniif kaffalamaa wal gayii marii nageenya fi misoomaa kanarratti akka argamtan jechuun ummata bifa itti roorrisuutin kakaasaa oolaniiru.
Kana malees Godina Arsii Aanaa Shaashamannee magaalaa Shaashamanne keessatti ummanni oromoo fi sabaaf sablammoonni hedduun maallaqa isaanii baankii Daldala Itoophiyaa keessaa baafachuun gara baankii internashinal Oromia hiriiran galfachaa oolaniiru
Haaluma wal fakkaatuun Godinuma kana magaalaa Asaasaa keessatti guyyaa har’aa 5/9/2016 mormiin gaggeeffamaa oolee jira. Sababiin mormii kanaa magaalaa Asaasaa keessatti gibirri kaffalamuu erga dhiisee tiureera. haats’u malee hojjattoonni mootummaa galiiwwanii kanaan dura biiroon isaanii irraa gubatee ture osoo haala bakka teessuma isaanii hin mijeeffatiniif nagahee osoon kennin galii sassaabuf tattssfachuu isaanii fi guyyaa dheengaddaa miidhaa ilmaan oromoo mana hidhaa Qilinxootti irra gahe balaaleffachuun ta’uun dhagahameera