Godina Arsii magaalaa Waabee Eddootti Qeerron Bilisummaa Oromoo fi ummanni guyyaa har’aa 4/9/2016 Gochaa sanyii duguuggaa wayyaanen mana hidhaa qilinxootti raawwatte sababeeffachuun mormii godhaa oolun daandii magaalattii seenu kallattii hundaanuu cufaa oolaniiru.Karaa biraatin asuma godina arsii magaalaa Boollootti Qeerron basaastuu wayyaanee Taammiraat Hayluu Assaffaa jedhamurratti gaafa3/9/2016 halkan naannoo saa’atii 6:00 irratti mana isaatii gadi baasun tarkaanfii irratti fudhataniin guyyaa har’aa 4/9/2016 wareegamuun isaa himameera.
Kana malees Godina Wallaggaa magaalaa Jaarsoo keessatti Qeerroon Bilisummaa barruulee warraaqsaa ummataaf raabsaa ooluu fi jala deemtota Wayyaanee akeekachiisaa turuun beekame.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist