Caamsaa 24,2015 irraa kaasee FDG dhaabbilee barnootaa fi godinoota garagaraa keessatti itti fufee jiraachuun waan beekamaadha. FDG Yuuniversitii Mattuu, Wallaggaa,Amboo, Adaamaa, Bulee Horaa fi Madda Walaabuu keessatti itti fufee jira. Mootummaan Wayyaanee yoomiyyuu FDG barattoota oromoo fi uummata oromoon qabatu dura kan dhaabbatu humna waraana isaatti fayadameeti. Wayita kanas Wayyaaneen hidhattoota isaa dhaabbilee barnootaa kanneen akka yuuniversitii qubachiistee barattoota eegaa jirti. Waraanichuma keessattiyyuu gar tokkeen FDG barattootaa deggeruudhaan barattoota miidhamuu irraa wal ittisaa jiru.sa’a waraanni wayyaanee FDG dura dhaabbachuuf mootummaa ergatu kanatti walakkaan gara barattootaa, gara uummataa dhaabbataa jiru kanatti FDG itti fufuun gama hundaan uummata Oromoo irraa feesisa.
Shaggar kabaatti kan eegale har’as akkuma jirutti itti fufee diddaan finiinaa jira. aanaalee kannen akka sulultaa, caancoo, kuyyuu, akaakoo fi kkf keessatti diddaan uummataan qabate shamarran, ijoollee fi maangullee itti hirmaachisaa dhuguma mootummaan wayyaanee saamtuu, daldalaa fi hattuu, ajjeesaa fi shororkeessaa ta’ee uumata irra dhaabbataa kan jiru tahuu uummanni wal hubachiisee kanaan achi aangoo isaatti yoo fufe uummata oromoof kan xumuraa saamichi lafaa kan durii caalaa itti fufee akka jiraatu hubatuun uummanni shaggar kaabaa aanaalee adda addaarraa diddaa isaa jabeessee mootummaa wayyaanee dura dhaabbataa jira.
Qonnaan bulaa 10 ol kaleessaa fi har’a aanaa Kuyyuu irraa tika mootummaan qabamanii mana hidhaatti darbamuu qeerroon gabaasa.
Daandiin konkolaataa yeroodhaa yerootti dhagaadhaan kan cufamu,waraanni wayyaanee diddaa uummataa dura dhaabbatuuf deemu
daandii ittiin darbu dhabe. Akkasuma konkolaataa diinaa irratti uummanni sulultaa keessatti tarkaanfii fudhataa jira. barattootni mana
barumsaa sadarkaa garagaraa baratanbarumsa dhaabuu gabaasni Qeerroo addeessa.