Amiin Huseen – Hin Fudhanu Beenyaa – New Oromo Music (Oromo/Oromia)
“Oromoon Kan Jaallatu” Wallee Haaraa Naanaatii Yaamiin
Amiin Huseen – Hin Fudhanu Beenyaa – New Oromo Music (Oromo/Oromia)
“Oromoon Kan Jaallatu” Wallee Haaraa Naanaatii Yaamiin
Gabaasa Qeerroo Fulbaana 18,2014 Finfinnee
Walgayiin barattootaa Yuuniversitiile kaa’amanii keessatti adeemsuma kanaan duraan kan itti fufee jiruudha. Leenjiin marsaa duraa akkuma gabaasota yeroodhaa yerootti dhiyeessaa ture irra kaasee gaaffiwwan mootummaan Wayyanee gaafatamuu qabuu fi gaaffii mirgaa kan abbaa biyyummaa fi uummata Oromoo ilaallatu hedduun ka’aa akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.
Marsaa duraa walgayiin barattotaa Yuuniversitii 9 nuu irratti gaggeffamaa tureen gaaffiwwan hedduun ka’uudhaan mootummaan Wayyaanee deebisuu didus ka’aa turaniiru,ammas haaluma wal fakkaatuun gaaffiwwan barattootaa leenjii isaanii marsaa
lammaffaa Yuuniversitoota 5n keessatti itti fufee jira.
Mootummaan Wayyaanee baratoota dirqiin walitti qabuun yaada sirna gabrummaa daran jabeessuu fudhachiisuuf haa yaadu malee barattootooti didanii gaaffi abbaa biyyummaa fi mirgaa itti kaasaa jiru. Kana malees yeroodhaa yerootti gaaffidhuma barattootni kaasaniin barumsa irraa ugguuruu fi hidhuu irratti fuulleffatus, barataan kamuu gaaffii haqaa fi abbaa biyyummaa akka hin kaasne taasisuu hin dandeenye. Akka odeessi walgayii barattootaa marsaa lammaffaa kana irratti adeemsifamaa jiru
ilaalchise ibsutti mootummaan Wayyaanee dhiphina guddaa keessa seenee jiraachudha.
Walgayiin tibba kanaa gaggeeffamaa jiru gaaffiwwan duraan irraa jabaa fi mootummaa wayyaanee kan sodachisee fi barataan Oromoo kaayyoo isaatti cichee jiraachuu isaa mootummaa Wayayanee kan hubachiisaa jiruudha. Badii dhabeera,barattoota tasgabbeessuun sammuu barattootaa sirna mootummaa EPRDF faana hiriirsisuu hin dandeenye,Yuuniversitiilee irratti walgayii kana itti fufsiisuun mootummaa wayyaanee furmaata waan hin taaneef jecha,akkasuma leenjii marsaa lammaffaa kana irratti walii
galteen tokkollee waan hin argamneef, kan duraa caalaa diddaan barataas dachaadhaan dabalaa waan dhufeef.
Akuma olitti ibsines gaaffiwan duraa irratti gaaffii uummata oromii irratti xiyyeeffatuu fi kan abbaa biyyummaa ilaalchisee Yuuniversitiilee Wallaggaa,Adaamaa,Amboo fi Finfinnee akkasuma Jimmaa keessatti daran jabaatee kan itti jiruudha. Qondaalonni wayyaanee yeroo itti tagsabbiidhaan gaaffii dhiyaataa jirus galmeedhaan fudhachaa hin jirreedha,duras gaaffii haqaa hedduutu dhiyaate isaaf deebiin hin argamin akeeka keessan galmaan gahachuudhaan yeroo lammee leenjiidhaaf nu waamtan saniif deebii eeggachaa marsaa duraa irratti gaaffiwwan hin dhiyaatin hafanillee dhiyeessuudhaan mootummaan Wayyaanee rifaata guddaa keessa seenee jiraachuutu dhagayama. Shakkii fi sodaa diddaa barattootaa cimuu isaa irraanis akkuma amala isaa mootummaan Wayyaanee humna waraana isaa naannoo leenjiin itti kennamaa jiru qubachiisaa kan jiruu fi yuuniversitilee kanneen akka Wallaggaa fi Amboo keessa waraqaaleen adda addaa fi barruun Qeerroo darbee darbee waan mul’achaa jiruufis, kanaan wal qabsiisee humni waraana Wayyaanee naannoo leenjiiin itti kennama jirutti ajajamaa akka jiru gabaasni Qeerroo addeessa. Haala yeroo fi filannoo dhufuunis wal qabsiisee mootummaan wayyaanee raafamaa akka jirus, wal shakkiidhaan isaanuma walgayii barattootaa kana leenjii kennuuf dirqamanii ergaman kanas dabalatee shakkuun isaa waan hubatamaa jiruuf walii galatti mootummaan wayyaanee yeroo ammaa yaaddoo kufaatii isaatii keessa kan jiruu fi leenjiin barattootaa ona ona irratti kennamuudhaaf murtoo keessa seenamee jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
Gabaasa Qeerroo Fulbaana 18,2014 Amboo
Fulbaana 17,2014 Godina Shaggar lixaa Aanotaa garaagaraa irraa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo loltuu Dargii turan gandoota keessa walitti qabuun walga’ii ololaa kan qabsoo Oromoo dura dhaabbatuu fi olaantummaa fedha Habashootaa tiksu itti fufee uumanni loltoota Dargii turan duraanii gaaffii mirgaa itti kaasan. Loltooti kun ilaalcha Ithiyoophiyuummaa ni qabaatu sababa jedhuun waamichi kun ta’es jarreen kun olola qondaalota Wayyaanee kana hin fudhatne.
Godina Lixa Shaggar Aanotaa akka Midaa Qanyii, Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, fi Baabbicha irraa aanaa Calliyaa Geedoo irratti ilmaan Oromoo loltoota Dargii ta’an walitti kan qabaman yeroo ta’u walga’iin Wayyaanee guyyaa tokkotti bu’aa tokko malee fashalaa’e.
Ilmaan Oromoo haala kanaan walitti qabaman kunneen nuti isin hin barbaadnu, walga’ii keessanis hin teenyu, isin warraa qe’eetti dhukaasee nama ajjeesudha, warraa barattoota rasaasaan reebudha, warra lafa irraa Oromoo buqqisuudha, warraa afaan qawweetti amanudha jechuun walga’ii wayyaanee fi akeeka Wayyaanee dura dhaabbatan.
Kana malees Fulbaana 16,2014 FDG goototni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaatti maqaa walga’ii ololaa Wayyaanee marsaa 2ffaaf walitti qabaman guyyaa kaleessaa Walga’ii Wayyaanee hin fudhannuu jechuun guyyaa guutuu galma walga’iitti seenuu diduun walga’iicha dhabaan.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaatti wallaggatti walitti qabaman gaaffii mirgaa gaafachuu ergamtootni Wayyaanee walga’icha gaggeessan kan Zalaalem Jamaneedhaan hogganaman akka barattootni gaaffii hin gaafatne gaaffii barattoota irraa fuudhuu diduun gaaffii barattoota ugguraa waan jiraniif barattootni gaaffii keenya nurraa fuudhaa deebii nuuf kenna jechuun mormii kaasuun walga’ii wayyaanee dhaaban. Guyyaa Har’aa mootummaan wayyaanee humna poolisii federaalaatti fayyadamuun dirqamaan akka galma walga’ichaa seenaan ta’uus barattootni Walga’iin kun nu hin ilaallatu hanga gaaffiin keenya nurraa fuudhamuu fi gaaffiin gaafachaa turre deebii quubsaa argatutti FDG garbummaa itti fufa jechuun dhaamsa waliif dabarsan.
Yuunibarsiitii Amboottis haaluma walfakkaatuun barattootni Oromoo gaaffii mirgaa akka hin kaafneef humna waraanaatiin dhorkaman, namni gaaffii tokko gaggeesitoota Wayyaanee gaafate, walga’ii kana irraas ni arii’ama, gara mooraa Yuunibarsiitii kamii seenee barachuu hin danda’uu jechuun barattootatti yeroo dhaadatan ;Goototni barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar irraa Yuunibarsiitii Ambootti walitti qabaman barnootni bilisummaa booda, ” sodaa abjuu hirriba malee hin bulan” dabbaloota Wayyaanee rifaasisan. Sochiin barattoota Oromoo daran jabaachaa adeemu mootuummaa Wayyaaneetti mataa dhukkubbii ta’aa jiraachuun ibsame jira.
መልዕክት ዐይኖቻችሁ ላልተገለጠ፦በዲሮ ዘመን አንድ ባለጠጋ ሰዉ ዝንጀሮዎችን በግዛቱ ሥር አሰባስቦ ያስተዳድር ነበር ይባላል። በመሆኑም በግዛቱ የዝንጀሮ ዐለቃ (the Monkeys Master) በሚል ቅጽል ይታወቅ ነበር። ታዲያ ጥዋት ጥዋት ዝንጀሮዎቹን ይሰበስብና ከማዶ ወዲያ ባለዉ ተራራ ላይ ወተዉ ከየዛፎቹና ቁጥቋጦች ላይ ፍራፍሬ ለቅመው እንዲያመጡ ያዛል። በትዕዛዙ መሠረት እያንዳንዱ ዝንጀሮ በዕለቱ ከሰበሰበዉ ፍራፍሬ ላይ ስሶዉን ለባለጠጋዉ ዐለቃ የመገበር ጽኑ ግዴታ አለበት። ይህንን ግዴታ የማይወጣ ካለ ከፍተኛ ቅጣት ይጠብቀዋል። ይህን ግዳጅ ተቆጣጥሮ የሚያስፈጽም ደግሞ አንዱን ጎበዝ ከመሃላቸዉ መርጦ ይሾማል። እናማ ዝንጀሮዎቹ በሙሉ በዚህ ክፉ ስርዓት በእጅጉ ይማረራሉ። ሆኖም ግን ዉስጥ ዉስጡን ከመጉረምረም ባለፋ ደፍሮ “በቃኝ!” የሚል ጎበዝ አልተገኘም ነበር።
ከዕለታት አንድ ቀን አንዲት ሚጢጢ ዝንጀሮ በነገሩ ተገርማ ኖሮ፦
“ይህን ሁሉ የፍራፍሬ ተክል እኚህ ሰዉዬ ብቻቸዉን አልምቷል እንዴ ?” ስትል ያልተጠበቀ ጥያቄ ሰነዘረች።
“አረ በፊጹም! በተፈጥሮ የበቀለ ነዉ።” ስሉ ሌሎቹም በአግራሞት መለሱ።
“ታዲያ ያለእሳቸዉ ፈቃድ ፍራፍሬዉን መብላት አይቻለንም ማለት ነዋ!” ትንሿ ዝንጀሮ አከለች።
“እንዴታ! በደንብ እንችላለን እንጂ።” ሌሎቹ አሁንም በአግራሞት መለሱ።
“እንግዲያዉስ የሰዉዬዉ ባሪያ ሆነን መቅረታችን ስለምንድ ነዉ!” ብላ ሀሳቧን ሳትቋጭ የሌሎቹ ዓይን ተገለጠ። ነቁም። ቁጣቸዉም ተቀሰቀሳ። በዚያኑ ለልት ዐለቃቸዉን እንቅልፍ እስክ ወስዳቸዉ ጠብቀዉ ለአመታት የታጠረባቸዉን ግድግዳ ሰብረዉ ወጡ። ነጻነታቸዉን አወጁ። የተወሰዳባቸዉንም ምርኮ አስመለሱ። ከጥንት ጀምሮ ስበዘብዛቸዉ የነበረ ሰዉዬ በረሃብ ሞታ ይባላል። ይህ የጥንታዊ ቻይኖች ታዋቂ ምሳለያዊ ተረት (parable) ነዉ። ዓይናችሁ ሲገለጥ ብርሃንን ታያላችሁ። ክፉዎችንም ታወግዛላችሁ። ነጻነትንም ትሹታላችሁ። በትግላችሁም ኣርናት ይሆንላችኋል። ልነጋጋ ነዉና ንቃ
Fulbaana 16,2014,Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Shira mootummaa Wayyaanee leenjii barattootaa jedhu irratti barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee damee Science fi Technlogy diddaa kaasan. Ergamaan Wayyaanee Shimallis Kamaal leenjisuuf ergamu sodaan miliqe.
Diddaan barattootaa bifa qindaaween sirna Wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Science fi Technology mooraa Qillimxoo Aqaaqii keessaa leenjifamuuf waamaman diddaa kaasuun sirna EPRDF balaaleffatan.
Mootummaan Wayyaanee diddaa haalaan jabaachuudhaan itti fufe dura dhaabbachuuf olola wal irraa hin citne barattoota irratti oofuuf karorfattus milkii dhabuudhaan diddaan haala yeroo kamuu olitti jabaatee itti fufee jira. Mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Qillimxoo Aqaaqii keessatti dabballeen wayyaanee Leenjisuuf bakka buufame Shimallis Kamaal diddaa barattootaa fi walgahii didanii bahuu barattootaan hedduu dhiphatee hatattamaan naannoo sanaa kan dhiphame yoo tahu, diddaa barattootaa kana dhaamsuuf waraanni Wayyaanee mooraa yuunivarsiitii kanaa marsuun tiksuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee gocha farrummaa hamaa gaggeessus diddaa wal irraa hin citneen akka itti fufan qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee addeessanii jiran.