Gabaasa Qeerroo Fulbaana 18,2014 Finfinnee
Walgayiin barattootaa Yuuniversitiile kaa’amanii keessatti adeemsuma kanaan duraan kan itti fufee jiruudha. Leenjiin marsaa duraa akkuma gabaasota yeroodhaa yerootti dhiyeessaa ture irra kaasee gaaffiwwan mootummaan Wayyanee gaafatamuu qabuu fi gaaffii mirgaa kan abbaa biyyummaa fi uummata Oromoo ilaallatu hedduun ka’aa akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.
Marsaa duraa walgayiin barattotaa Yuuniversitii 9 nuu irratti gaggeffamaa tureen gaaffiwwan hedduun ka’uudhaan mootummaan Wayyaanee deebisuu didus ka’aa turaniiru,ammas haaluma wal fakkaatuun gaaffiwwan barattootaa leenjii isaanii marsaa
lammaffaa Yuuniversitoota 5n keessatti itti fufee jira.
Mootummaan Wayyaanee baratoota dirqiin walitti qabuun yaada sirna gabrummaa daran jabeessuu fudhachiisuuf haa yaadu malee barattootooti didanii gaaffi abbaa biyyummaa fi mirgaa itti kaasaa jiru. Kana malees yeroodhaa yerootti gaaffidhuma barattootni kaasaniin barumsa irraa ugguuruu fi hidhuu irratti fuulleffatus, barataan kamuu gaaffii haqaa fi abbaa biyyummaa akka hin kaasne taasisuu hin dandeenye. Akka odeessi walgayii barattootaa marsaa lammaffaa kana irratti adeemsifamaa jiru
ilaalchise ibsutti mootummaan Wayyaanee dhiphina guddaa keessa seenee jiraachudha.
Walgayiin tibba kanaa gaggeeffamaa jiru gaaffiwwan duraan irraa jabaa fi mootummaa wayyaanee kan sodachisee fi barataan Oromoo kaayyoo isaatti cichee jiraachuu isaa mootummaa Wayayanee kan hubachiisaa jiruudha. Badii dhabeera,barattoota tasgabbeessuun sammuu barattootaa sirna mootummaa EPRDF faana hiriirsisuu hin dandeenye,Yuuniversitiilee irratti walgayii kana itti fufsiisuun mootummaa wayyaanee furmaata waan hin taaneef jecha,akkasuma leenjii marsaa lammaffaa kana irratti walii
galteen tokkollee waan hin argamneef, kan duraa caalaa diddaan barataas dachaadhaan dabalaa waan dhufeef.
Akuma olitti ibsines gaaffiwan duraa irratti gaaffii uummata oromii irratti xiyyeeffatuu fi kan abbaa biyyummaa ilaalchisee Yuuniversitiilee Wallaggaa,Adaamaa,Amboo fi Finfinnee akkasuma Jimmaa keessatti daran jabaatee kan itti jiruudha. Qondaalonni wayyaanee yeroo itti tagsabbiidhaan gaaffii dhiyaataa jirus galmeedhaan fudhachaa hin jirreedha,duras gaaffii haqaa hedduutu dhiyaate isaaf deebiin hin argamin akeeka keessan galmaan gahachuudhaan yeroo lammee leenjiidhaaf nu waamtan saniif deebii eeggachaa marsaa duraa irratti gaaffiwwan hin dhiyaatin hafanillee dhiyeessuudhaan mootummaan Wayyaanee rifaata guddaa keessa seenee jiraachuutu dhagayama. Shakkii fi sodaa diddaa barattootaa cimuu isaa irraanis akkuma amala isaa mootummaan Wayyaanee humna waraana isaa naannoo leenjiin itti kennamaa jiru qubachiisaa kan jiruu fi yuuniversitilee kanneen akka Wallaggaa fi Amboo keessa waraqaaleen adda addaa fi barruun Qeerroo darbee darbee waan mul’achaa jiruufis, kanaan wal qabsiisee humni waraana Wayyaanee naannoo leenjiiin itti kennama jirutti ajajamaa akka jiru gabaasni Qeerroo addeessa. Haala yeroo fi filannoo dhufuunis wal qabsiisee mootummaan wayyaanee raafamaa akka jirus, wal shakkiidhaan isaanuma walgayii barattootaa kana leenjii kennuuf dirqamanii ergaman kanas dabalatee shakkuun isaa waan hubatamaa jiruuf walii galatti mootummaan wayyaanee yeroo ammaa yaaddoo kufaatii isaatii keessa kan jiruu fi leenjiin barattootaa ona ona irratti kennamuudhaaf murtoo keessa seenamee jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.