Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Science fi Technlogy Diddaa Kaasan.

Fulbaana 16,2014,Gabaasa Qeerroo Finfinnee

diddaa9Shira mootummaa Wayyaanee leenjii barattootaa jedhu irratti barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee damee Science fi Technlogy diddaa kaasan. Ergamaan Wayyaanee Shimallis Kamaal leenjisuuf ergamu sodaan miliqe.‏

Diddaan barattootaa bifa qindaaween sirna Wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Science fi Technology mooraa Qillimxoo Aqaaqii keessaa leenjifamuuf waamaman diddaa kaasuun sirna EPRDF balaaleffatan.

Mootummaan Wayyaanee diddaa haalaan jabaachuudhaan itti fufe dura dhaabbachuuf olola wal irraa hin citne barattoota irratti oofuuf karorfattus milkii dhabuudhaan diddaan haala yeroo kamuu olitti jabaatee itti fufee jira. Mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Qillimxoo Aqaaqii keessatti dabballeen wayyaanee Leenjisuuf bakka buufame Shimallis Kamaal diddaa barattootaa fi walgahii didanii bahuu barattootaan hedduu dhiphatee hatattamaan naannoo sanaa kan dhiphame yoo tahu, diddaa barattootaa kana dhaamsuuf waraanni Wayyaanee mooraa yuunivarsiitii kanaa marsuun tiksuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee gocha farrummaa hamaa gaggeessus diddaa wal irraa hin citneen akka itti fufan qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee addeessanii jiran.

1 thought on “Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Science fi Technlogy Diddaa Kaasan.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee “Science fi Technology” Diddaa Kaasan |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s