Irreecha Bishooftuu Bara 2011 Irraatti Dhaammati Qeerroo Akka Ture

(Qeerroo,Finfinnee, 12 Fulbaana 2012) Dhaamsaa fi Diddaa Qeerroo

SBO Fulbaana 12 Bara 2012 Afaan Oromoo fi Amaaraa

Aside

Wayyaaneen EPRDF dhuma isaa jalas dargaggoota Oromoo hiraarsuu yaalus diddaan jabaa ummata irraa isa mudachaa jira.

Aside

Fulbaana 11,2012 Mattuu

Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Cooraa keessatti mootummaa dhabee kan rakkachaa jiru Wayyaaneen dargaggoota Oromoo hiraarsuu itti fufee jiraatu illee ummanni diddaa isaa cimsee itti fufee jira.Wayyaaneen bara kufaatii isaa keessa tasgabbii dhabinsi hedduumminaan kan isa mudate jala dhaabbachuuf dargaggoota Oromoo hidhuun waan furmaata kufaatii irraa isa oolchu argatu itti fakkaatee dabballootaa fi ergamtoota milishaa ta’an ganda irra bobbaasuun ummata dorsisuu fi hidhuun ittuma jira. Dabballoonni kun aangawoonni Wayyaanee kufaatii isaaniif waan godhan wallalanii akka wajjabbaraa jiran illee irraa quba hin qaban,hojiin isaanii ummata hidhuu fi nagaa tasgabbii dhorkuu qofatti bobba’anii jiru.

Haaluma kanaan godina Illuu Abbaa Booraa keessatti Wayyaaneen yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo hidhuun hiraarsaa kan turee fi qotee bultoota lafa isaanii irraa kaasuun investerootaaf kennuun ilmaan Oromoo cunqursaa kan ture yoommuu tahu,yeroo ammaa kana garuu diddaa qeerroodhaa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf hidhaatti guuraa jira.Fulbaana 10,2012 dargaggootni Oromoo

1. Muzamil Abdu kamiil

2. Caalaa Biraanuu

3. Kamaal sayid

4. Suleeyman abduqadir

Jedhaman mana hidhaa galchanii akka jiran gabaafama.

Sochiin dargaggoota biyyoolessaa Qeerroon naannoo sanitti godhaa jirus kanuma waliin jabaatee itti fufee jiraachuu gabaasi qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.

Haaluma wal fakkaatuun wayyaaneen yeroo ammaa ilmaan oromoo godina shawaa lixaa,wallagga lixaa fi Karrayyuu maqaa ABO deggertu, gadda Mallasaaf bahuu diddanii fi sababoota adda addaan rakkisaa jiraachuun beekame.

deggert jedhuun rakkisaa jiraachuu fi .

Qeerroon Magaalaa Dambi Doolloo Walgahii Godhatan Irratti Ejjennoo Fudhatan

Aside

Fulbaana 10,2012 D.Doolloo

Gabaasaa Godina Qellem,Magaalaa Dambi Dolloo irraa nugahee jiruun barattootni yuuniversity,koollejjii,mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irraa galan walitti dhufanii barumsaan bilisaa uummataaf kennuuf walii galan.

Kaayyoon isaan qabatanii ka’anis maalummaa  Oromoo fi qabsoo bilisummaa irratti gaheen ummata Oromoo maal akka ta’e hubachiisuu irratti kan xiyyeefate yeroo ta’u xumura barnoota isaanii irratti ejjennoo armaa gadii fudhatan.

  1. Oromummaan ,Sabboonummaa,Tokkummaa fi Diimokiraasiin hundee siyaasa keenyaa akka ta’e hubannoo qabnuun darbinee saba keenya hubachiisuuf kaayyoo tokkummaatiin kaaneerra,
  2. Nuti shamarran,Dhiira,Hiyyeessa Dureessa utuu hin jedhin,lagan utuu wal hin qoodin kaayyoo Addi Bilisummaa Oromoo qabatee ka’e isa hangafaa,Bilisummaa Saba Oromoo argamsiisuu fi gonfachiisuutiin akka ta’e,nutis gama keenyaan kaayyoo kana galmaan ABO waliin ta’uudhaan galmaan gahuuf wareegama seena qabeessa taheef kufuu filachuu keenya murtoo keenya ibsanneerra,
  3. Cunqursaan mootummaa abbaa irree(Dictatorship) itti fufee akka hin bulchine diimokiraasii fi sagaleen uummata keenyaa hamma olaantummaa argatee mirkanaa’utti qabsoo eegalle kana karaa nagaatiin itti fufnee kaayyoo tokkoon dhaabbachuu keenyaa fi murtoo keenya dabarsina,
  4. Gumaa gootota keenyaa baasuuf wareegama barbaachisu kaffaluuf murteessinee kaanerra,
  5. Mootummaan abbaa irree baroota isaa keessatti uummata Oromoo cunqursa hangana hin jedhamne geessisaa ture,keessattuu Oromoo lafa isaa buqqisaa,hidhaa fi ajjechaadhaan ,lubbuu saba keenyaa balleessaa,darara hangana hin jedhamne geessisaa akka ture mootummaa addunyaa biratti beekamee jira. Mootummaan kun akkuma dhabamee jiru sirni isaas dhabamuu akka qabu,itti fufee akka hin hojjenne dura dhaabbachuuf murteeffannee kaanerra,

Jedhchuun dargaggoonni magaalaa DDtti wal gayanii ibsaanii ejjennoo fi karoora qabatanii ka’an akkanaan dabarsanii jiru.

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Ambootti Uggurri Mootummaan Abbaa Irree Daldaltootaa irraa Ka’ee itti fufe

Aside

Fulbaana 10,2012 Amboo,

Fulbaanaa 8,2012 Magaalaa Amboo Ganda 03  dabballoonni Wayyaanee OPDO’n  hayyama daldalaa hin qabdaan jechuun daldaltoota irraa qabeenya isaanii saamsisaa jiraachuun beekame.Haala kanaan ergamaan Wayyaanee kan magaalaa Amboo blchu namni Kumalaa jedhamu manneen nagadaa ganda 03 keessa jiran hedduu namoota hin beekamnee fi poolisoota magaalichaan saamsisuun beekame.

Haala kanaan daldaltoota qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa

1.Chuchuu Nagaasaa,

2, Bulloo Tsaggaayee,

3, Badhaasaa Sisaayi

4, Shaashoo Maamush

Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Kana malees shirri mootummaa Wayyaanee itti fufee waldaalee daldalaa hedduu cufe keessaa waldaaleen

  • Jiinenuus
  • Lalistuu
  • Jaallannee
  • Hiriyyaa Waliin
  • Micro

Kanneen jedhamani cufamuun qabeenyis sabamee akka jiru gabaasi Ambo irraa nu gahe addeessa. Daldaltooti qabeenyi isaanii samame kun abbootii aangawoo Wayyaanee fi bulchitoota itti iyyannaa isaanii yoo  dhiheessan illee dhageettii hin argatiin jiru.

SBO Fulbaana 9 bara 2012

Aside

Wallagga,Magaalaa Shaambuu Irraa Qeerroon waan jedhu

Horroo2

Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa deebisuu irra hidhaa filatee dargaggoota Oromoo godina Iluu Abbaa Booraa aanaa baalchaa mana hidhaatti ukkaamse

Aside

Fulbaana 08,2012

Mootummaan wayyaanee araada ilmaan oromoo hidhuu fi hiraarsuu kan hin quufne,Gaaffii mirgaa deebisuu irra wayyaaneen hidhaa kan filatu gaaffii mirgaa dargaggootni Oromoo Godina Iluu abbaa booraa aanaa Bachoo bilisummaa barbaadna,Hojii dhabdummaan haa dhaabatu,Barannee maqaa siyaasaan hidhamuun haadhabbatu jechuun gaafatan ukkaamsuuf dargaggoota 15 mana hidhaatti ukkaamsee jira.Dargaggootni Oromoo hidhaman keessa 1. Dargaggoo Hillikkuu Darajjee 2. Dargaggoo Soorumaa Badhaanee 3. Dargaggoo Anuwaar Hasan Jedhaman keessatti argamu.Mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo hidhuun gaaffii mirgaa dura dhaabbachuuf yaalus yoomuu dhaabuu akka hin dandeenye dargaggootni naannoo kanaa lifa godhanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun aanaa Mattuu keessaa dhimma amantii fakkeessuun ABO waliin hojjeta jechuun Obbo Ibraahim Abdu mana hidhaatti ukkaamsanii jiru.Mootummaan Wayyaanee kufaatii isaa jala tasgabbii dhabuun ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsus diddaan Oromiyaa guutuu irraa muddaa jira.

Qeerroon godina Baalee aanaa Ginniir walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii’atan.QBO galmaan geessisuuf adda durummaan akka hojjetan ejjennoo fudhatan.

Aside

Fulbaana 08,2012 Ginniir

Godina Baalee aanaa Ginniir keessatti dargaggootni Oromoo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii jabaa taasisan.Ilmaan Oromoo Baalee keessatti QBOf wareegama qaqqaalii kaffalaa turuun isaanii fi itti jiraachuu yaadachuun akeeka Qabsaaota Oromoo galmaan geessisuuf wareegama barbaachisaa dargaggootni kaffaluu qabu jechuun marii gaggeessanii jiran.Dargaggootni aanaa kanaa ganda gandaa walitti qabamuun marii erga godhanii booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru.Ibsawwan ejjennoo kun
1. Wareegama barbaachisaa kaffaluun gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duuba hin deebinu
2. Seenaa gootota keenyaa Bilisummaa ilmaan oromoof wareegaman yaadachaa akeeka isaanii galmaan ni geenya
3. Oromiyaa mara keessatti sochii qeerroon itti jiru ni barsiifna
4. Humnaan,Dinagdeen,Beekumsaan QBO ni tumsina
5. Miseensota OPDO barsiisuu fi hubachiisuun ofitti dabaluun qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ni geenya
6. Saaminsa lafaa,albuudaa kan mootummaa garboomfataan raawwatamaa jiru dura ni dhaabbanna
7. QBO dirqama oromummaa tahe haala kam keessattuu ni baana
8. Hanga QBO galmaan gahutti wareegama barbaachisaa kaffallee waadaa ni tikfanna kanneen jedhan yoommuu tahu Qotee bulaa,daldalaa,Hojjettoota mara hammachuun gaaffii mirgaaf deebii argachuuf kutannaan akka hojjetan murtii irra gahanii jiru.

Raadiyoo Seife Nebelbal Fulbaana 07,2012

Aside