Fulbaana23,2012 Dambi Doolloo
Gabaasi Godina Wallagga Qellem,Ona Gidaamii,Ganda Baataa Daalachaa irraa Fulbaana 22 akka addeessutti, barattooti yeroo ammaa yerootti barnoota eegalan yeroo ta’u Fulbaana 21,2012 barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Baataa Daalachaa irraa dhaadannoo adda addaa qabachuun mana barnootaa isaanii fuula duratti hiriira bahan.Dhadannoo fi gaaffiin mirgaa isaan kaasanis:-
- Barri 2005/2012 bara QBO itti mulatu haatau!!
- Bilisummaa fi Walabummaan Oromoo fi Oromiyaaf!!
- Diigamuu fi Waldhabbiin Diina keenyaaf!!
- Bilisummaan Dheebuu keenya!!!
- WBO n gaachana keenya!!!
- Wayyaaneen Diina keenya!!!
- Mallasaan Nurraa duee,sirna isaas ajjeessuun kaayyoo keenya!!
Jedhuun barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Ona Gidaamii,ganda Baataa Daalachaa keessatti argamu walitti dhufanii barnoota isaanii utuu hin eegalin dura dhaamsa kana dhageessiisuun isaanii uumata naannichaa biratti dammaqina guddaa uumee akka jiru Qeerroon Naannicha irraa gabaasee jira.
Akkasuma itti fufuudhaan addatti ammo barattootni mana barumsaa qophaayinaa kutaa 11 fi 12 magaalaa ona Gidaamitti irraa dhaamsa daamcha qeerroof dabarsan keessatti
Nuti Qabsoo dhuunfaa keenyaan gaggeessuuf kaayyessine jiru gama keenyaa barnoota keenya waliin sarara tokko irratti raawwachaa deemna,gama keenyan kaayyoo dhaabni ABO qabatee jiru kaayyoo keenya tauu isaa dhaamsa dabarfanna. Bara keenya kana keessatti barnoota keenya waliin haala aanjaaa argannu keessatti siyaasatti leenjii walii kennaa deemuun kaayyoo keenya akka taes hubachiisaa,yeroo sirni bulchiinsa abbaa Irree jeeqamaa deemu,haalli mijataan kan uummanni Oromoo,uummanni cunqurfamoon itti dhimma bahanii bilisummaa fi walabummaa isaanii itti gonfatan tauu isaatiin nutis kallattii keenyaan haala arganne keessatti dhimma bahuun nurra jiraata jennee amanna. kanuma waliin bulchiinsa mootummaa wayyaanee bakkaa dhabamsiisuun kaayyoo keenya tahuu isaa uummata Oromoo hundaaf dabarsina. jechuun dhaamsa dabarfatanii jiru.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk